bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Deuteronomy 10
Deuteronomy 10
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 11 →
1
Kanaan maayessa Rabbi akkana naan jedhe, «Gabateewwan dhagaa baxxe'ee lamaan ka akka duraa ka waa itti barreessan bocii gara kiyya gara gaaraa ol bayi saanduuqa waada'aa muka irraa ufiif hojjadhu;
2
jechoota gabateewwan dhagaa baxxe'ee ka duraa ka ati cabsite sanniin irra jiran dhagaa barreeffamaaf bocame kanniin irratti barreessi saanduuqa waada'aa keessa keettaa»
3
«Kanaaf anillee muka ajo'oo irraa saanduuqa waada'aa hojjadhe dhagaawwan baxxee lamaa ka akka dhagaawwan baxxee duraa ka waa itti barreessan lama bocee isaan lamaanuu harkatti qabadhee gara gaaraa ol baye.
4
Guyyaa wol gayi'ii Rabbi gaara irratti ibidda keessaan ta'ee jechoota kudhanii ka Rabbi isinitti hime kama dura barreeffame san dhagaawwan bocame baxxee sanniin irratti barreessee dhagaawwan sanniin natti kenne;
5
deebi'ee gaara irraa bu'ee ani gabateewwan dhagaa ka bocame san saanduuqa waada'aa ka hojjadhe keessa kaaye; akkuma Rabbi na ajaje barreeffamni kunniin saanduuqa waada'aa keessa jiraatan.
6
Ijoolleen Israa'elii Bineeyaayiqaanii Bi'eerootiitii gara biyya Mooseera'aa deeman; Aaroon achitti du'ee awwaalame; bikka isaa ilma isaa El'aazaaritu gadicha ta'e.
7
Achiillee ka'anii gara gudgodda'aa deeman; Achiillee ka'anii gara Yooxibaataa bisaan itti argamuu deeman.
8
Hennaa san saanduuqa waada'aa ka Rabbii akka baadhatu Rabbiin tajaajilu'uuf isa afoo akka dhaabatu maqaa ufiitiin isa eebbisu'uuf haga adhaa Rabbi gosa Leewwi'ii fooye.
9
Kanaaf Leewwiin obboleewwan ufii biratti qoodaa fi lafa hin qabu; akkuma Rabbi Waandhi kee dubbate Rabbi qabeenna isaati;
10
«Anillee akkuma hennaa duraa guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa gaara irra taa'e hennaa san deebi'ee Rabbi naa dhagaye; Rabbi si balleessuu hin feene;
11
Rabbi, ‹Ka'ii banii afoo deemi gara lafa ani abboota isaaniitii kennu'uuf kakadhee sanitti galanii haa dhaalanii› naan jedhe.
12
«Israa'el! Rabbii Waaqa kee akka sodaattu, karaa isaa keessa akka deemtu, isa akka jaalattu, onnee keetii fi qalbii kee maraan akka isa waaqeffattu, ani adha akka wonti mishaan sii ta'u seeraa fi ajaja Rabbii ka ani sitti himu akka eedduuf malee wonti Rabbi Waandhi kee si irraa barbaadu maali'i?
14
Samiinii fi wonti Samii irraa, laftinii fi wonti isii irra jiru maruu ka Rabbii Waaqa keetiiti.
15
Rabbi waan abboota teetii calla'aaf gammadee isaan jaalate; isaaniin maayessa orma maraa jiddu'uu isin filate.
16
Eeganaa Rabbi Waandhi keessan Waaqa waaqotaa, Gooftaa gooftotaa, Waaqa jabaa'a, Waaqa nama sodaachisu; ka murtii wol hin caalchifne ka araaraa fi gatii nama hin gaafanne waan ta'eef isin daba onnee teessanii qajeelfadhaa'a; ammaa achi worra lum'a jabaatu hin ta'inaa'a.
18
Hiyyeessaa fi haadha hiyyeessaatii hin murteessa; baqattootaa waan nyaatanii fi waan uffatan kennaaf; isaan hin jaalata.
19
Isin waan biyya Misiriititti baqattoota turtaniif worra baqate jaaladhaa'a.
20
Rabbii Waaqa kee sodaadhu; isuma waaqeffadhu; isaa amanamtoota ta'a'aa maqaa isaatiin kakadhaa'a;
21
waan gugurdaa ati ijaan argite kanniin sii godhe; inni ulfinna keeti; Waaqa keetille'e.
22
Abboonni tee namoota torbaatamaa ta'anii gara biyya Misirii bu'an ammallee Rabbi Waandhi kee baay'inna kee akka urjiiwwan Sami'ii godhe.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34