bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Deuteronomy 20
Deuteronomy 20
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 21 →
1
«Hennaa diina keessaniin lolu'uuf yaatan faradoo, konkolaataa fardaatii fi banii isin caalu yoo argite Rabbi Waandhi kee ka biyya Misiriitii si baase si woliin waan jiruuf isaan hin sodaatin;
2
duula bira yoo geettan gadichi dhufee bani'itti akkana jedhee haa dubbatuu;
3
‹Namoota Israa'elii! dhagayaa'a! adha diina keessaniin lolu'uuf baatanii hin sodaatinaa'a! hin raafaminaa'a; hin hollatinaa'a isaan afo'ottillee hin nayinaa'a!
4
ka isin woliin deemu ka diina keessaniin lolee isin oolchu Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef.›
5
«Kanaan maayessa bulchoonnillee bani'itti dhufanii, «Namni tokko mana haarawa ijaaratee ka hin eebbisiifanne yoo duula kana keessa jiraate duulatti akka hin duune deebi'ee gara mana ufii haa deebi'uu;
6
Namni woyinii dhaabatee daraaraa isaa hin nyaanne yoo isin keessa jiraate inni duula keessatti akka hin duune daraaraa isaa sanillee namni biraa akka hin nyaanne inni gara mana ufii haa deebi'uu;
7
namni intala qaadhimatee hin fuune yoo isin keessa jiraate duula keessatti du'ee ta inni qaadhimate san namni biraa akka hin fuune deebi'ee gara mana ufii haa deebi'uu» jedhaniin.
8
«Worri bulchootaa ammallee deebi'anii bani'iin ‹Isin keessaa eennullee namni nawuu fi nunni yoo isin keessa jiraate inni sodaatee obboleewwan ufiillee akka hin sodaachifne inni deebi'ee gara mana ufii haa galuu› jedhanii bani'itti haa himanii.
9
Bulchoonnillee haga bani'itti himanii fixaniin maayessa loltoota maraa irratti ajajoota loltootaa haa muudanii.
10
«Hennaa lolaaf gara qachaa takkaa seentu dura firrisiitii laagaa araaraatiin isaan waami;
11
lagaa kee san dhagayanii yoo balbala si jalaa banan baniin qachaa san keessa jiru maruu si haa gabbaruu; si haa tajaajiluu;
12
garuu jecha araaraa san dhagayanii yoo sii deebisuu didan yoo sitti duuluu fedhan ati qachattii san marsitee isii rakkifta.
13
Hennaa Rabbi Waandhi kee qachattii san sii kenne dhiira qachaa san keessa jiru maraa guraadee qara qabuun fixxa;
14
garuu dubartii, daa'imman, loon, waan qachaa san keessa jiru ka boojite maraa ufii fudhatta; boojuu diina keetii ka Rabbi Waandhi kee sii kennu nyaatta.
15
qachoota banii kanaa ka hin taane ka si irraa fagaatanillee akkasuma goota.
16
«Garuu qachoota banii kanniinii ka Rabbi Waandhi kee dabarsee sii kennu keessatti waan lubbuu qabu tokkollee uduu hin hambifne ajjeesi.
17
Waan battii isaan waaqa tolfamaa ufii irratti godhan isinillee akka gootaniif akka isin hin barsiifne Rabbii Waaqa keessan akka cubbuu hin hojjanne akkuma Rabbi Waandhi kee si ajaje worra Kana'aanotaa, worra Feerzotaa, worra Ewwotaatii fi worra Iyyaabusootaa sirima balleessita.
19
«Qachaa san fudhachu'uuf guyyaa baay'ee marsitee isii rakkiftee guraadee kee baafattee muka isaanii ka daraaraa kennu hin murin; munni waa nama ta'ee? atillee waan isa irraa nyaattuuf;
20
Muka nyaataaf hin taane ka isin beettan murtanii balleessitan; qachattii san haga balleessitanitti kushee ittiin ijaarattan.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34