bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Deuteronomy 29
Deuteronomy 29
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 28
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 30 →
1
Jechoonni waada'aa ka Rabbi gaara Kooreebiitiin alatti lafa Moo'aabii irratti ijoollee Israa'elii woliin gale ka Rabbi Muusee ajaje kanniin.
2
Muuseen ijoollee Israa'elii maraa waamee akkana isaaniin jedhe, «Baasaa fi maalalee gugurdaa'a,
3
balaa gugurdaa Rabbi biyya Misiriititti Fari'oonii fi garboota isaa maraa afo'otti raawwate maraa ijji teessan argiteerti.
4
Rabbi garuu onnee hubatu, ija argituu fi gurra dhagayu haga adhaa isinii hin kennine.
5
Woggaa afurtamaa lafa gammoojji'ii keessa isin masakke, uffanni keessan hin moofne, kopheen keessanillee hin moofne.
6
Ani Rabbii Waaqa keessan akka ta'e akka beettan buddeena hin nyaanne daadhii woyinii'itii fi waan nama macheessu hin dhunne.
7
Hennaa gara hulee kanaa dhuftan mootiin Haseboonii Seewoonii fi mootiin Baasaanii Aagi nuun lolu'uuf dhufanii turan; nu garuu isaan mooyanne.
8
Lafa isaaniillee harkaa fudhannee Roobeel, Gaadii fi gosa Minaase'eetii fillee wodhakkaa lafa sanii isaanii kennine.
9
Kanaafuu wonti isin gootan maruu akka isinii qajeelu jechoota waada'aa kanniin eegaa'a, raawwadhaa'a.
10
«Isin maruu, bulchoonni keessan, gofti keessan, jaarsonni keessan, worri isin muuddan, ijoolleen Israa'elii maruu, ijoolleen teessan maruu, dubartoonni teessan, galaan isinitti galee isin keessa jiraatu ka muka muruu fi ka bisaan woraabullee kunoo Rabbii Waaqa keessan afoo dhaabattaniirtan.
12
Adha banii ufii godhee si kaasu'uuf akkuma inni sitti hime akkuma Waaqa sii ta'u'uuf abboota kee Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobii kakate waadaa Rabbii Waaqa kee woliin galtuuf akka kakuu Rabbii Waaqa keetii dhageettuuf.
14
Ani waada'aa fi kakuu kana isin callaa woliin hin galu.
15
Garuu worra adha Rabbii Waaqa kenna afoo nu woliin dhaabatan namoota adha as nu woliin hin jirre woliinille'e.
16
«Nu akka biyya Misirii keessa jiraanne akka orma jidduu lufne beettaniirtan;
17
battummaa isaanii, waaqa tolfamaa isaan jidduu jiran ka muka, dhagaa, birri'ii fi worqii irraa tolfaman argitaniirtan.
18
Namni deemee waaqolee tolfamaa worra ormaa sanniin waaqeffatu'uuf adha onnee ufii Rabbii Waaqa ufii irraa dogoggorsu dhiira yookaan intala, gosa yookaan worri isin keessa hin jiraatin, namni hujii hadhaaya'aa fi badaa akkanaa kana hojjatu isin keessa hin jiraatin.
19
Namni jecha abaarsaa kanniin dhagayee yoma onnee badduu tiyyaanillee deeme, dheebisaaf waan nama macheessu yoo dhuge nagaya argadha jedhee yoo yaade,
20
hinaaffa'aa fi lola Rabbiititu nama san irratti bu'a malee Rabbi nama sanii hin araaramu; abaarsi kitaaba kana keessatti barreeffame maruu isa irratti ta'a; Rabbi maqaa isaa lafa irraa balleessa.
21
Rabbi akkuma waadaa kitaaba seeraa kana keessatti barreeffame akkuma kakuu abaarsaatiin gosa Israa'elii maraa keessaa badi'iif isa fooya.
22
Dhaloonni asiin maayessa ka'u, ijoolleen isiniin maayessa dhalatan, keessummaan biyya fago'oo dhufu, dhibee biyya kanaa, balaa Rabbi isii irratti godhe,
23
biyyi sun maruu ibiddi bobayee hin dhaamnee fi laftillee lafa sooqiddaa taati; akka wonti facaafame isii irratti hin biqille, marginii fi wonti lalisu kamuu akka isii irratti hin margine akka biyya Soodomiitii fi Gamoora'aa ka Rabbi lolaa fi hirpha ufiitiin balleesse akka Adaama'aatii fi akka Sibaayo'oo akka taate yoo argan;
24
Ormi maruu ‹Rabbi lafa tana maaf akkana godhe? Balaan guddaan lola isaa kun maali'i?› Jedhan.
25
Namoonnillee akkana jedhan ‹Jecha waada'aa ka Rabbi abboota isaanii ka biyya Misiriitii isaan baasee san waan hin dhageennee fi waan dhiisaniif.
26
Deemanii waaqa tolfamaa hin beenne san waan waaqeffatanii fi waa isaa sagadaniif.
27
Kanaafuu abaarsa kitaaba kana keessatti barreeffame maraa isaan irratti buusu'uuf dheekkamsi Rabbii lafa tana irratti ta'e.
28
Akkuma adha jedhan kana Rabbi dheekkamsaa fi balaa gudda'aan lafa isaanii irraa isaan buqqisee biyya biraatitti isaan gate.›
29
«Dhossaan ka Rabbii Waaqa keennaati; wonti mudhate garuu jechi seeraa maruu nu'uu fi ijoolleen teennallee akka raawwannuuf.
← Chapter 28
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 30 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34