bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Deuteronomy 33
Deuteronomy 33
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 32
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 34 →
1
Namni Rabbii Muuseen uduu hin duuneen dura eebbi inni ijoollee Israa'elii eebbise kana;
2
Muuseen akkana jedhe; «Rabbi gaara Siina'aa irraa dhufe, Seeyiritti mudhate; gaara faaraanii irraa isaanii ibse; isa woliin maleekkota kumaatamatu ture; mirga isaatiin arraba ibiddaatitu ture.
3
Rabbi dhugamaan banii ufii hin jaalata; woyyoota ufii maraa hin eega; isaanillee miila isaa jalatti jilbiiffatanii sagadaniif; dubbii keellee hin fudhatan.
4
Seera Muuseen kenne ka dhaala isaanii ta'e, baniin Israa'elii hin eegan.
5
Gofti isaaniitii fi bulchoonni isaanii hennaa wol gayan Rabbi banii Israa'elii irratti mooye.
6
Muuseen waan gosa Roobeelii akkana jedhe; «Gooftaa kiyya! laakkobsi gosa Roobeelii yoma diqqaatellee gofti Roobeelii haa jiraatuu malee hin du'in»
7
Waan gosa Yihuuda'aatiif akkana jedhe «Rabbii kiyya! iyya gosa Yihuuda'aa dhagayi; gosoota biraa woliinillee akka wol ta'an godhi; akka diina uf irraa dhooggan hunna jabaa isaanii kenni; hennaa diina ufiitiin lolan isaan gargaari.
8
Waan gosa Leewwi'ii akkana jedhe, Gooftaa kiyya! karaa Tumiimiitii fi Uuriimiitiin, bisaan Maasa'aatii fi Mariiba'aa biratti worra mormitee isaan qorte garboota tee worra Leewwotaatitti fedhii kee ibsi.
9
Isaan siif jedhanii worra ufii irraanfataniiran; fira ufii irraallee gargar bayaniiran; ijoollee ufiillee dhiisaniiran; jecha keellee kabajjaniiran; waadaa keellee eeganiiran.
10
Murtii kee Yaaqoobiif, seera keellee worra Israa'elii barsiisan. si afo'otti hixaana, hulee ciinca'aa keetitti ciincaa ciincawu dhiyeessan.
11
Waandhana! qabeenna isaanii eebbisi; hujii harka isaaniillee fudhadhuuf; Worra isatti ka'u mudhii isaanii woraani; worra isa jibban lammata akka hin kaane godhi!»
12
Waan Biiniyaamiillee akkana jedhe, «Namni Rabbi jaalate isa hedatee jiraata; Waandhi guddaan guyyaa maraa isa eega; eeddoo Rabbii jala jiraata.»
13
Waan Yooseefiillee akkana jedhe «Rabbi rooba gubba'aa roobuun, bisaan gad qilee keessaa argamuun lafa isaanii haa eebbisu.
14
Akkasuma lafti isaanii daraaraa filatamaa; adu'uun bilchaateen ta guuttamte haa taatu; hennaa maraa oomisha baay'ee haa kennitu.
15
Akkasuma gaarri isaaniitii fi gooddi isaanii oomisha filatama'aan ka durooman haa ta'an.
16
Lafti isaanii waan mishaa maraan haa guuttamtu; Waaqa saatoo gubatu keessaan mudhate biraa badhaani isaaf haa baay'atu. Eebbi kunniin maruu gosa Yooseefii bira haa gawu; inni waan obboleewwan ufii keessatti adda ta'eef.
17
Gaachenni Yooseefii akka kormaa sodaachiisa; gaafni isaa akka gaafa gafarsaa jabeeyyi'i; isaaniin orma woraana; haga daangaa lafaa isaan ari'a; kumni kudhanii ka Efreemiitii fi kumni kudhanii ka Minaase'eellee akkasuma ture.
18
Waan Zaabilooniitii fi gosa Yisaakoorii akkana jedhe; «Zaabiloon yoo markabaan deemtu gammadi; Yisaakoorillee daasee kee keessa taa'ii gammadi.
19
Orma gara gaaraa waamee, achitti ciincaa sirrii ta'e dhiyeessan; qabeenna galaana keessaa, qabeenna dhokataa xidhacha keessatti kuufame argatan.»
20
Waan gosa Gaadii akkana jedhe; «Rabbii daangaa Gaadii badhise galanni haa gawu; Gaad akka leenca irree yookaan kallacha cabsu'uuf riphuuti.
21
Waan gayeen bulchiinsaa kennameefiif lafa isaaf taatu michuu filate; hennaa bulchoonni ormaa wol gayan fedhii Rabbiitii fi seera ufii Israa'eliif raawwate»
22
Waan Daanii akkana jedhe; «Daan akka leenca darmi'iiti; Baasaaniin keessaa utaalee baya.»
23
Waan gosa Niftaalemii akkana jedhe; «Niftaaleem Gooftaa biratti baay'ee jaalatama'a; eebbaa Rabbiitiin guuttameera; daangaan isaa haga galaana bita'aa badhata.»
24
Waan gosa Aseerii akkana jedhe; «Aseer gosa maraa caalaa ka eebbifame haa ta'u; obboleewwan ufii biratti ka jaalatame haa ta'u; lafti isaa muka ejersaatiin haa duroomtu.
25
Balballan qachoota teetii sibiilaa fi sibiila diima'aan ta jabaatte haa taatu; bara jireenna keetii maraa hunna qabaadhu.»
26
Yaa banii Israa'elii! duumessa Sami'ii irraa gaachena ufiitiin ka si gargaaru ka akka Rabbii Waaqa keennaa eennullee hin jiru.
27
Waandhi kee ka bara baraa irkoo keeti; irreen isaa ka bara baraallee si irkifti; diina kee si afo'oo ari'a; akka isaan balleessitu si taasisa.
28
Kanaafuu fiixaan Yaaqoobii lafa cophxi Sami'ii irratti buutuun midhaanii fi daadhii woyini'iitiin guuttamteen, wobii argattee nagayaan jiraatti.
29
Yaa Isaa'el! ka akka keetii wontee gargaarsaa, guraadee moote'ee, fayyinna Rabbiin irraa baniin argate sirima hin jiru; ati ka akkam tolteef! diintonni tee hennaa si shelata'aa gara kee dhufan ati dudda isaanii keessa dhiitta;
← Chapter 32
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 34 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34