bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 1
2 Chronicles 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 2 →
1
Ilmi Daawitii Solomoon waan Rabbi Waandhi isaa isa woliin tureef mootummaa ufii jabeeffate; guddisee isa kabajje.
2
Mootichi Solomoon worra Israa'elii maraa, ajajoota loltuu dhibbaatii fi loltuu kumaa, worra baallii qaban ka mootumma'aa, worra maatii bulchuu fi banii maraa
3
gara hulee itti waaqeffatan ka tulluu Gabaa'oonii irra jiru bira isa woliin akka dhaqaniif ajaje; sababaan achi dhaqaniif daaseen Rabbii ka tajaajilaan Rabbii Muuseen lafa gammoojji'iititti hojjate tulluu Gabaa'oonii keessatti waan argamuuf.
4
Saanduundhi waadaa Rabbii garuu hennaa mootichi Daawiti Qiriyaati'aarimii fidee daasee Yerusaalemiin keessatti qopheesse keessa taa'a'aa ture.
5
Hulee ciinca'aa garuu ka Baasili'eel ilmi Uumrii ilma Hoorii sibiila diimaa irraa hojjatellee daasema Rabbii san afoo jira ture; Solomoonii fi baniin maruu achitti Rabbii sagadan.
6
Solomoonillee gara daasee Rabbii hulee ciinca'aa ka sibiila diimaa irraa hojjatame irratti horii kuma tokko ciincaa godhee dhiyeesse.
7
Halkan san Rabbi Solomoonitti mudhatee «Maal akka sii kennu barbaadda?» jedhee isa gaafate.
8
Solomoonillee Rabbiin «Ati abbaa kiyya Daawititti jaalala guddaa kee mudhifteerta.
9
Yaa Rabbi Waaqa kiyya! jecha abdi'ii ka abbaa kiyyaa kennite raawwadhu; kunoo ati banii laakkobsaa ol ta'ee laakkayamuu hin dandeenne kana irratti na moosifteerta;
10
akka banii kee akka misha'atti bulchuu danda'u beekumsaa fi ogummaa naa kenni; yoo kana hin taanee banii guddaa kana eentu bulchuu danda'a?» jedhee deebiseef.
11
Rabbi Solomooniin, «Durummaa, qabeenna, gurra dhagayachuu yookaan du'a diintota keetii yookaan umurii dheeraa jiraachuu uduu hin taane banii kiyya ka ani irratti si moosise akka misha'atti bulchu'uuf ogumma'aa fi beekumsa waan na kadhatteef;
12
Ani kunoo beekumsaa fi ogummaa na kadhatte sii kenna; kanatti eda'ee durummaa, qabeennaa fi gurra dhagayachuu mootonni tanaan dura turan hin argannee fi ka uf afoo eennullee argachuu hin dandeenne sii kenna» jedheen.
13
Solomoon hulee daaseen Rabbi itti waaqeffamu jiru ka gaara Gabaa'oonii biraa dhufee gara Yerusaalemii dhaqee Yerusaalemiin keessa jiraata'aa worra Israa'elii bulche.
14
Solomoon worra gaarii fardaatiin lolu kuma tokkoo fi dhibba afur, worra fardaan lolu kuma kudha lama qaba; inni gaarii fardaatii fi worra farda yaabbatee lolu qachaa ufii keessa jiraatu Yerusaalemiin keessa jiraachise.
15
Bara mootichi Solomoon mooye birriinii fi worqiin Yerusaalemiin keessatti waan guddatee baay'ateef akkuma dhagaa raasaa keessaatitti lafa guute; baay'inni birbirsa Libaanosiillee akkuma odaa lafa gammoojji'ii ture.
16
Solomoon faradoo biyya Misiriitii fi biyya Qawwe'eetii bichisiise daldaltoonni mootichaa biyya Qawwe'eetii qarshi'iin bita'aa fidan.
17
Gatiin gaarii tokkoo ka biyya Misiriitii bitamuun saqilii dhibba jaha; gatiin farda tokkoo garuu saqilii dhibbaa fi shantama kaffala'aa turan; akkasuma mootota biyya Keexotaatii fi mootota biyya Sooriya'aatittillee gurgurata'aa turan.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36