bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 17
2 Chronicles 17
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 18 →
1
Iyyoosaafixi bikka Aasaa abbaa isaa mootii ta'ee banii Israa'eliitiin lolu'uuf hunna ufii jabeeffate;
2
Qachoota abbaan isaa mootichi Aasaan baadiyyaa qabate, qachoota bulchiinsa Efreemii jala jiran marattuu loltoota ufii duulchise.
3
Iyyoosaafixi waan mishaa mootichi Daawiti hojjate ka abbaan isaa duukaa bu'e waan hordofeef waan waaqa tolfamaa ba'aal jedhamu hin waaqeffanneef Rabbi isa eebbise;
4
Inni Waaqa abbaa ufii barbaade; ajaja isaa eege malee waan worri Israa'elii hojjatan hin hojjanne.
5
Kanaafuu Rabbi mootummaan Iyyoosaafixii biyya Yihuuda'aa irratti akka jabaatu godhe; baniin biyya Yihuuda'aa maruu kennaa gara garaa qabatanii waan isaaf kenna'aa turaniif inni guddisee duroome.
6
Inni onnee guutu'uun Rabbii hojjate; hulee waaqa tolfama'aa ka biyya gaaraa jiru ka worri Yihuudota hin taane waaqeffatuu fi fakii waaqa dubartii asheeraa jedhamtu ta biyya Yihuuda'aa keessa jirtu balleesse.
7
Inni mooyee woggaa sadeesso'ootitti akka qachoota biyya Yihuuda'aa maraa keessatti barsiisaniif abboota murti'ii Beenihaayiliin, Abdiyaasiin, Zakkaariyaasiin, Naatinaa'elii fi Mikiyaasiin isaanii erge.
8
Worra Leewwotaa keessaa Shamaayaa, Naataaniyaa, Zibaadiyaaniin, Asaaheel, Samiraamoot, Yoonaatiin, Adooniyaasiin, Xoobbiya'aa fi Xobaadoniyaa isaan woliin erge; worra gadootaallee Eelisaama'aa fi Iyyooraamiin isaan woliin erge.
9
Isaanillee kitaaba seera Rabbii qabatanii qachoota biyya Yihuuda'aa maraa keessa deema'aa banii barsiisa'aa turan.
10
Mootonni naannoo biyya Yihuuda'aa jiran Iyyoosaafixiin irratti akka hin duulleef Rabbi sodaa isaanitti buuse.
11
Worra Filisxeemii keessaa namoonni gari gariin birri'ii fi kennaa biraa mootii Iyyoosaafixii kennan; worri biyya Arabaa gari gariin garuu hoolota kuma torbaatii fi dhibba torbaa, korbeeyyii re'iinii kuma torbaa fi dhibba torbaa fidaniif.
12
Iyyoosaafixi guddisee jabaata'aa durooma'aa deeme; biyya Yihuuda'aa maraa keessatti ijaarsaaf hulee meeshaa woraanaa itti kaayanillee ijaare.
13
Qachoota biyya Yihuuda'aa maraa keessatti hujii guddaa hojjate; Yerusaalemiin keessa loltoota jajjaba'atu jira.
14
Akkaataan laakkobsa isaaniillee akkaataa manniin abboota isaaniitiin bulchaan bulchoota biyya Yihuuda'aa Aadina'a; Isa woliin namoota jajjabaa kuma dhibba sadihiititu jira.
15
Isaan maayessallee Yohaanaan namoota kuma dhibba lamaa fi saddeettamaa bulcha.
16
Isaan maayessa ka fedha ufiitiin Rabbiif uf woyyoomse Amaasiyaa ilma Zikiriiti; inni loltoota jajjabaa kuma dhibba lamaa bulcha.
17
Biyya Biiniyaamii keessallee nama jabaa Eeldaahe'etu bulcha; inni loltoota jajjabaa buundhe'ee fi wontee qabatan namoota kuma dhibba lamaa bulcha.
18
Isaan maayessa Yoozaabaati worra jajjabaa lolaaf qophaayan namoota kuma dhibba tokkoo fi saddeettama bulcha.
19
Loltoonni kunniin maruu worra Yerusaalemiin keessatti Iyyoosaafixiin gargaaran uduu hin dabalatin worra hojjatti isaa hojjatan turan.
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 18 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36