bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 24
2 Chronicles 24
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 25 →
1
Iyyoo'aas hennaa mooyu mucaa woggaa torbaa ture; Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa afurtamaa bulche; haati isaa Saabiyaan nama biyya Beersaabeehiiti.
2
Mootichi Iyyoo'aas bara gadicha Yoodaahe'ee Rabbiin afo'otti waan qajeelaa hojjate.
3
Yoodaaheen haawwota manaa lama fuudhee ijoollee intalaatii fi ijoollee dhiiraa uumate.
4
Kanaan maayessa mootichi Iyyoo'aas mana woyyuu Rabbii haarawoomsu'uuf murteeffate.
5
Kanaaf inni worra gadootaatii fi worra Leewwotaa wolitti qabee «Gara qachoota biyya Yihuuda'aa maraa dhaqa'aa birrii mana Rabbii Waaqa keennaa wogga wogga'aan ittiin haarawoomsinuun wolitti qabaa'a» jedhee isaan ajaje; worri Leewwotaa garuu waan kana lash jedhan.
6
Mootichi Yoodaaheen bulchaa Leewwotaa waamee «Maaf gibira Muuseen garbichi Rabbii waan ijaarsa daasee Rabbii ka raga'aa banii Israa'elii maraa akka yaasuuf ajaje ati worra Leewwotaa hin jajjabeessine?» jedhe.
7
Worri dubartittii hamtuu Gotoliyaa jedhamtu hordofan mana woyyuu Rabbii balleessanii turan; meeshaa mana woyyuu Rabbii keessatti ittiin hojjatan maraa waaqa tolfamaa Ba'aal jedhamuuf seera waaqeffamuu isaatiif itti fayyadama'aa turan.
8
Akkuma mootichi Iyyoo'aas isaan ajaje saanduuqa birrii keessa kaayan hojjatanii balbala mana woyyuu Rabbii bira diida kaayan.
9
Isaanillee gibira garbichi Rabbii Muuseen lafa gammoojji'ii keessatti seera baase akka Rabbii fidaniif banii Yerusaalemiitii fi banii Yihuuda'aatitti labsii labsan.
10
Baniinii fi bulchoonni bani'ii gammada'aa birrii fidanii saanduundhi haga ol guututti keessa kaayan.
11
Worri Leewwotaa saanduuqa san qabatanii hojjattoota mootumma'aa bira hennaa geessan gadichi ol'aanaan mootichaatii fi ka mootichaa waa barreessu akka saanduuqa keessa birriin guute haga argan dhufanii birrii san saanduuqa keessaa baasanii saanduuqa san hulematti deebisa'aa turan; akkasuma guyya guyya'aan saanduuqa keessaa birrii hedduu baasa'aa hulee tokkotti birrii hedduu wolitti qaba'aa turan.
12
Mootichinii fi Yoodaaheen birrii san fuudhanii worra hujii mana woyyuu Rabbii akka haarawoomsaniif filatamanitti kennan; isaanillee worra mana woyyuu Rabbii haarawoomsan, worra dhagaa baqassanii fi worra muka bocan, worra sibiilaa fi sibiila diimaa hojjatuun ittiin qaxaran.
13
Hojjattoonni mana woyyuu hojjatanillee jabaatanii hojjatanii akka manni woyyuun dura jirutti akka misha'atti haarawoomsan.
14
Hennaa hujii hojjatanii fixan birrii hafe fuudhanii mooticha Iyyoo'aasii fi gadicha Yoodaahe'etti kennan; isaanillee birrii kana fuudhanii meeshaa mana Rabbii, meeshaa hujii mana woyyu'uutii fi meeshaa ciincaan adda addaa itti dhiyaatu, saanii hedduu fi meeshaa gara garaa ka biraa ittiin bitan; bara Yoodaaheen lubbu'uun jiru maraa hennaa maraa mana Woyyuu keessatti ciincaan dhiyaata'aa ture.
15
Gadichi Yoodaaheen jaaree woggaa dhibbaa fi soddomatti du'e.
16
Jasaa inni waan mana woyyuu Rabbiitii fi waan banii Israa'eliitiif hojjateef qachaa Daawitii keessatti hulee mootonni itti awwaalaman biratti isa awwaalan.
17
Haga gadichi Yoodaaheen du'e bulchoonni biyya Yihuuda'aa mooticha Iyyoo'aasiin bira dhaqanii gad jedhanii nagaya gaafatanii yaada ufii itti himatan; innillee yaada isaanii hin fudhate.
18
Isaan Rabbii Waaqa abboota ufii dhiisanii waaqa tolfama'aa fi mukkiin waandhi tolfamaan itti waaqeffamullee waaqeffatana; yakka isaan hojjatan kanaaf Rabbi banii Yerusaalemiitii fi banii Yihuuda'aatiin lole.
19
Rabbi akka isaan gara isaa deebi'aniif worra raattotaa akka isaan uf eeggachiisaniif isaanitti erge; worri raattotaa isaanitti himnaan isaanillee waan worri raattotaa jedhan dhagayuu didan.
20
Kanaan maayessa Hafuurri Rabbii Zakkaariyaasii ilma Yoodaahee gadichaa irratti bu'e; inni banii afoo dhaabatee «Rabbi ajaja kiyya maaf diiddan? maaf badii ufitti fiddan?› jedhee isin gaafata; eeganaa isin waan isa dhiiftaniif innillee isin dhiiseera» isaaniin jedhe.
21
Mootichi Iyyoo'aas seera Zakkaariyaasiin irratti taasifame san hin fudhate; baniin akkuma mootichi isaan ajajetti hulee itti gad bayan ka mana woyyuu afo'ootitti dhaga'aan tumanii ajjeessan.
22
Mootichi jasaa Yoodaaheen gadichi godheef hin qaabanne; Zakkaariyaas hennaa du'u'uuf fittifatu «Rabbi dhara ati godha'aartu kana sitti haa argu» jedhe.
23
Barri sun haga lufeen maayessa loltoonni Sooriya'aa gara biyya Yihuuda'aatii fi gara biyya Yerusaalemii dhaqanii banii keessaa bulchoota banii maraa ajjeesan; waan booji'an maraa gara mootichaa gara biyya Damaasqo'oo ergan.
24
Loltoota biyya Sooriya'aa hagoo harkatti Rabbi loltoota baay'ee dabarsee isaan jala taasise; kun wonti ta'eef Rabbii Waaqa abboota ufii waan dhiisaniif; akkaataa kanaan Rabbi mootii Iyyoo'aasiin irratti murtii qajeelaa murteesse.
25
Haga loltoonni Sooriya'aa isa madeessanii biraa lixaniin maayessa hojjattoonni isaa haluu ilma Yoodaahee gadichaa baasu'uuf hulee inni dhibamee ciisu siree isaa irratti isa ajjeesan; mootichi qachaa Daawitii keessatti awwaalame malee awwaala moototaa biratti hin awwaalamne.
26
Worri mooticha irratti fincila kaasanii isa ajjeesan mucattii Simi'aatii ta gosa Amoonotaa Zaabaad, mucattii Samaaritii gosa Moo'aabotaa Yoozaabaatiin fa'a turan.
27
Seenaan ijoollee Iyyoo'aasii, dubbiin raagaa ka Iyyoo'aasitti himamee turee fi attamitti Iyyoo'aas akka mana woyyuu itti midhaasse kitaaba seena'aa ka moototaa keessatti barreeffameera; bikka isaa ilma isaa Ameesiyaasitu mooye.
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 25 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36