bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 11
2 Chronicles 11
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 12 →
1
Mootichi Roobi'aam hennaa gara Yerusaalemii dhaqe loltoota jajjabaa kuma dhibba tokkoo fi saddeettamaa ka biyya Yihuuda'aatii fi gosa Biiniyaamii keessaa yaa'an hulee tokkotti wolitti qabe; sababaan inni waan kana godheef banii Israa'eliitiin lolee isaan mooyatee bulchiinsa ufii jala isaan godhu'uuf waan karoorfateef.
2
Garuu dubbiin Rabbii gara Shamayaa nama Rabbii akkana ka jedhutu itti dhufe;
3
«Mootii biyya Yihuuda'aatiif, Roobi'aamii ilma Solomooniitii fi banii Israa'elii ka biyya Yihuuda'aatii fi biyya Biiniyaamii keessaa jiru maraafuu wonti kun ana biraa waan ta'eef hin bayinaa'a;
4
namni maruu gara mana ufii haa deebi'uu» jedhii isaanitti himi» jedhee ajaje. Isaanillee dubbii Rabbii dhagayanii lola dhiisanii gara mana ufii deebi'an.
5
Mootichi Roobi'aam Yerusaalemiin keessa jiraatee qachoota biyya Yihuuda'aatii fi qachoota biyya Biiniyaamii jiran ijaare.
6
Qachoota biyya Yihuuda'aatii fi qachoota biyya Biiniyaamii keessa jiran, Beeteliheemiin, Exaamiin, Teequhee, Beetitsuuriin,
7
Sookoo, Adolaamiin, Geetiin,
9
Mariisaa, Ziifiin, Adooraamiin, lakiisoo, Azeeqaa,
10
Tsoori'aaniin, Eeloonii fi Keebrooniin kushee godhee ijaare.
11
Kusheewwan midhaassee ijaaree bulchoota itti muudee waan nyaatan daadhii woyini'iitii fi dhadhaa ejersaa itti kuuse.
12
Qachoota maraa keessa wonte'ee fi woraana kaaye; guddisee jajjabeesse; akka kanaan biyya Yihuuda'aatii fi biyya Biiniyaamii uf jala taasise.
13
Worri gadootaatii fi worri Leewwotaa ka biyya Israa'elii keessa jiran maruu biyya isaanii san dhiisanii gara biyya Yihuuda'aa dhaqan.
14
Mootiin Israa'elii Iyyoorbi'aamii fi fiixaan isaa ka isa jala ta'anii bulchan worri Leewwotaa gadoota ta'anii akka Rabbii hojjatan waan isaanii hin eeyyamneef worri hulee horii itti bobbaafatanii fi waan ufii qaban maraa dhiisanii gara biyya Yihuuda'aatii fi gara Yerusaalemii dhaqan.
15
Mootichi Iyyoorbi'aam worra gadootaa ka gaara irratti waaqa tolfamaa worri Yihuudota hin taane waaqeffatan, jinni'iillee akka sagadanii fi waaqa tolfamaa isaatiifillee akka sagadan ufumaa gadoota muudate.
16
Akkasuma gadoonni Rabbii Waaqa abboota ufiitiin ciincaa dhiyeessan worra Israa'elii keessaa worri Rabbii Waaqa Israa'eliitiif onnee ufii kennan maruu isa duukaa gara Yerusaalemii dhufan.
17
Akki kun mootummaa biyya Yihuuda'aa hin jabeesse; woggaa sadihii guutuu ilma Solomoonii Roobi'aamiin gargaaran akkaataa mootichi Daawiti itti bulchee fi akkaataa mootichi Solomoon itti bulche hordofa'aa nagayaan jiraatan.
18
Roobi'aam Mahaalaatiin fuudhe; abbaan isi'ii Iyyaarimuutii ilma Daawitiiti; haati isi'ii Abikaa'el mucatti Eeliyaabii ilma Isseyiiti.
19
Isiin ijoollee dhiiraa Ye'uus, Samaaraya'aa fi Zahaamiin deetteef.
20
Isi'iin maayessa inni Ma'aakaa mucattii Abeseloomii fuudhe; isiin ilmaan afurii Abiyaa, Ataayiin, Ziiza'aa fi Shaaloomiitiin deetteef.
21
Roobi'aam haawwota manaa ufiitii fi ka ufii mata gala itti galu maraa caalaa Ma'aakaa mucatti Abeseloomii jaalate; inni haawwota manaa kudha saddeetii fi ta mata gala itti galu jahaatama qaba; ijoollee dhiiraa diddamii saddeetii fi ijoollee intalaa jahaatama uumate.
22
Roobi'aam waan Abiyaa ilma Ma'aaka'aa mootii taasisuu barbaadeef obboleewwan isaanii irratti bulchaa godhee isa muude.
23
Roobi'aam ogumma'aan ijoollee ufii akka isaan bulchoota ta'an isaan taasisee qachoota biyya Yihuuda'aatii fi qachoota biyya Biiniyaamii maraa irratti isaan muude; waan isaan barbaadan maraa akka argatan godhe; haawwota manaa baay'ee isaanitti fuudhe.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36