bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 2
2 Chronicles 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 3 →
1
Mootichi Solomoon maqaa Rabbiitii mana Woyyu'uu fi mana mootumma'aa ijaaru'uuf murteesse;
2
kanaafuu worra meeshaa fe'an kuma torba, worra gaara dhaqanii dhagaa baqassan namoota kuma saddeettamaa hujii irratti bobbaasee worra isaan tooyatu namoota kuma sadihii fi dhibba jaha ramadeef.
3
Kanaan maayessa mooticha biyya Xiroosii Kiraamitti, «Akkuma hennaa abbaan kiyya mana mootumma'aa ijaaru muka birbirsa libaanosii erga'aafii turte anaallee ergi.
4
Ani amma maqaa Rabbii Waaqa kiyyaaf mana woyyuu ijaaru'uuf qophaaya'aara; manni woyyuun kun ka anii fi baniin kiyya hixaana urgaayaa mishaa itti dhiyeessinu, ka xoroshoo woyyoome itti dhiyeessinu guyyaa maraa halkanii fi guyyaa akkasuma Sambata maraa ayyaana jalqaba ji'aatii fi ayyaana biraallee hulee woyyuu Rabbii Waaqa keenna ulfeeffachu'uuf ciincaa ciincawu itti dhiyeessinu ta'a; baniin Israa'elii waan kana baraa haga bara baraa akka raawwatu ajajeera.
5
Waandhi keenna waaqolee tolfamaa maraa caalaa guddaa waan ta'eef mana woyyuu guddaa isaa hojjachu'uuf karoorfadheera.
6
Namni mana woyyuu Rabbii ijaaruu danda'u eennu? badhinni ardi'iitii fi sami'iillee yoo ta'e Waaqa qabuu hin danda'u; kanaafuu mana hixaanni Rabbii itti aaru ijaaruu malee ka mana woyyuu Rabbi keessa bulu ijaaru'uuf yaalu ani eennu?
7
Worra ogeeyyii abbaan kiyya Daawiti qopheesse worra anaa fi ogeeyyii biyya Yihuuda'aa, ogeeyyii biyya Yerusaalemii woliin ta'anii hojjatan, nama birri'ii fi worqii, Sibiila diima'aa fi sibiila, ka uffata diimaa dhiilgee dhawu, uffata bulee dhawuu fi nama ogeessa waa babbareechisu naa ergi.
8
Worri kee ka muka muru worra ogummaa guddaa qaban akka ta'an hin beeka; kanaafuu birbirsa libaanosiitii fi muka sandalaa naa ergi.
9
Manni woyyuun ani ijaaru'uuf karoorfadhe kun guddisee badha'aa fi ka bareede ta'uu waan isa barbaachisuuf ani namoota kiyya worra muka muru hojjattoota kee haa gargaarani'iif ergu'uuf qophaaya'aara.
10
Hojjattoota kee ka muka muraniif waan nyaataaf ta'u waan isaan barbaachisu qamadii kuntaala dhibba afurii fi afurtamaa fi garbuu kuntaala dhibba afurii fi afurtama, daadhii woyini'ii liitira kuma afurtamii afurii fi dhadhaa ejersaa liitirii kuma afurtamii afurii sii ergaa» jedhee dhaamsa erge.
11
Kiraam mootiin biyya Xiroosiillee «Rabbi banii ufii jaalatee isaan irratti si moosise» jedhee ergamtoota itti erge.
12
Kiraam hennaa lammeesso'ootiif Solomooniin «Rabbi Waandhi Israa'elii ka ardi'ii fi samii uume mana mootumma'aallee akka ijaaruuf mucaa ogeessaa fi ka waa hubatu mooticha Daawitii kenne haa ulfaatu!» jedhe.
13
«Worra ogeeyyii kee woliin, ogeeyyii Daawitii abbaa keetii woliin akka hojjatuuf nama ogeessaa fi qaroo Kiraam'aab jedhamu sii ergeera.
14
Haati isaa nama gosa Daaniiti; abbaan isaa nama biyya Xiroosiiti; inni birri'ii fi worqii, sibiila diima'aa fi sibiila, dhaga'aa fi mukallee, uffata diimaa dhiilge'ee fi uffata bulee, uffata mishaa gad diratanillee hojjachu'uu fi waan gara garaallee midhaassuu hin danda'a.
15
Gooftaa kiyya qamadi'ii fi garbuu, dhadhaa ejersaatii fi daadhii woyini'ii ka hin erga jette garboota kiyyaa ergi.
16
Nullee muka birbirsa libaanosii haga ati barbaaddu murree markabatti feenee galaana irra gara Iyyoophe'ee sii erginaa; ati gara Yerusaalemii fudhattaa» jedhee Solomoonitti dhaamsa erge.
17
Solomoon akkuma abbaan isaa Daawiti worra biyya Israa'eliititti galanii jiraatan laakkaye innillee laakkayee namoota kuma dhibba tokkoo fi shantamii sadihii fi dhibba jaha ta'uu hubate.
18
Isaan keessaa worra meeshaa fe'an namoota kuma torbaatamaa, worra gaaratti dhagaa baqassan namoota kuma saddeettamaatii fi worra hujii isaan hojjatan haa tooyatani'iif muudaman garuu namoota kuma dhibba sadihii fi dhibba jahaa muude.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36