bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 12
2 Chronicles 12
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 13 →
1
Mootummaan Roobi'aamii akka misha'atti ijaaramee hennaa hunna argate inninii fi baniin Israa'elii maruu seera Rabbii dhiisan.
2
Amanamummaan isaan Rabbiif qaban waan dhidhateef Roobi'aam mooyee woggaa shaneesso'ootitti mootiin biyya Misirii Shiishaaqi Yerusaalemiin irratti duule.
3
Inni gaarii fardaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi worra farda yaabbatanii lolan kuma jahaatama qaba; loltoota mootii Shiishaaqiin woliin biyya Misiriitii dhufan worra gosa Liibiya'aa, Suukootaatii fi worri biyya Itoophiya'aa ka laakkobsaa ol ta'antu dhufe.
4
Inni qachoota ijaaramte ta biyya Yihuuda'aa fudhatee gara biyya Yerusaalemii deebi'e.
5
Raattichi Shamaayaan gara abboota murti'ii ka biyya Yihuuda'aatii fi worra mooticha Roobi'aamii fi Shiishaaqiin jalaa dheessanii gara Yerusaalemii dhaqanitti dhufee, «Rabbi akkana isiniin jedha ‹Isin na dhiifnaan anillee Shiishaaqiin jalatti isin dhiise› isiniin jedha» isaaniin jedhe.
6
Abboonni murti'ii ka biyya Israa'eliitii fi mootichi yakka hojjatan amananii «Wonti Rabbi godhu maruu sirri'i» jedha'aa gad uf deebisan.
7
Rabbi akka isaan gad uf deebisan haga arge dubbiin Rabbii gara Shaamaya'aa «Isaan waan gad uf deebisaniif ani isaan hin balleessu; guyyaa hago'oon maayessa ani isaan oolcha; ani isaaniin lolee Yerusaalemiin keessatti harka Shiishaaqiititti isaan hin kuffisu;
8
garuu akka naa ajajamanii fi akka moototaa ajajamuu baratan isa jalatti bulan» jedhutu dhufe.
9
Kanaaf mootiin biyya Misirii Shiishaaqi gara Yerusaalemii dhufee galmee mana Rabbii keessa jiruu fi galmee mana mooti'ii keessa jiru maraa fudhate; wontee baay'ee ka Solomoon worqi'iin hojjatellee hin fudhate.
10
Mootichi Roobi'aam bikka san wontee sibiila diimaa irraa hojjatee bulchoota worra balbala mana mooti'ii eegan harka kaaye.
11
Mootichi adaduma mana Rabbii seenuun worri balbala eegan wontee sanniin baadhatanii mootichaan marsan; haga mootichi deemeen maayessa garuu deebisanii mana bulchoota worra mana eeguu keessa kaayan.
12
Mootichi Roobi'aam yakka hojjate haga beeke lolli Rabbii guddisee isa hin miine; biyya Yihuuda'aa maraa keessatti wonti maruu waan mishaa ta'e.
13
Roobi'aam qachaa Yerusaalemii ta akka maqaan isaa itti waamamuuf biyya Israa'elii maraa keessaa Rabbi filate keessa jiraata'aa woggaa kudha torba bulche; bara ufii bulche mootummaa ufii hin jabeesse; inni hennaa mooyu nama woggaa afurtamii tokkooti; haati Roobi'aamii Naa'imaan nama biyya Amoonii keessatti dhalatte.
14
Roobi'aam waan fedha Rabbii hawwuu dhabeef waan hamaa hojjate.
15
Wonti mootichi Roobi'aam hojjate maruu jalqabaa irraa haga dhumaa, seenaan maatii isaallee kitaaba seena'aa ka raatticha Shaama'iitii fi raatticha Ado'oo keessatti barreeffameera; Roobi'aamii fi Iyyoorbi'aam hennaa maraa uduu addaan hin kunne wol lola'aa turan.
16
Roobi'aam du'ee awwaala moototaa ka qachaa Daawitii keessatti argamutti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Abiya'atu mooye.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36