bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 14
2 Chronicles 14
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 15 →
1
Mootichi Abiyaan du'ee qachaa Daawitii keessatti awwaalan; bikka isaa ilma isaa Aasa'atu mooye; bara inni mooye biyyi haga woggaa kudhanii nagaya argatte.
2
Aasaan Rabbii Waaqa ufii afo'otti waan misha'aa fi waan qajeelaa hojjate.
3
Inni hulee ciinca'aa ka waaqa tolfama'aa, hulee itti sagadan ka gaara gubba'aallee diigee soodduullee caccabse.
4
Muka jalatti waaqeffatanillee hin mure; baniin biyya Yihuuda'aa akka isaan Rabbii Waaqa abboota ufii soqan, ajajaa fi seera isaa akka raawwataniif isaan ajaje.
5
Qachoota biyya Yihuuda'aa maraa keessaa hulee itti sagadan ka gaara irraatii fi fakii adu'uu maraa balleesse, mootummaan isaallee nagayaan jiraate.
6
Qachaa Yihuuda'aa marattuu dallawa ijaare; Rabbi waan hara baafata isaa kenneef lafti nagayatti tarte; bara san namni isaan lolu hin jiru ture.
7
Inni banii biyya Yihuuda'aa maraanuu, «Qachoota kanniin haa ijaarruu, dallawa dhaga'aatii fi balbala loosaallee itti haa ijaarruu, nu Rabbii Waaqa keenna waan waaqeffanneef lafti waan nu barbaanneef numa afoo jirti; Rabbillee naannoo keenna nagaya godheeraa» jedhe; isaanillee hojjatanii fixan.
8
Mootichi Aasaan loltoota kuma dhibba sadihii ka wontee gugurda'aa fi meeshaa woraanaa hidhatan biyya Yihuuda'aa keessaa, worra ebo'oo fi wontee didiqqaa qabatan loltoota kuma dhibba lamaatii fi saddeettamaa biyya Biiniyaamii keessaa qaba ture; loltoonni kunniin maruu worra jajjabaa guddisanii leenji'an turan.
9
Ziiri namni Itoophiya'aallee namoota miliyoonii tokkootii fi gaarii fardaa dhibba sadihii qabatee bayee gara Mariisa'aa dhufe.
10
Aasaan isaan wol lolu'uuf bayee dhooqa Tsiifta'aa keessatti wolitti duulan.
11
Hennaa san Aasaan «Yaa Rabbi! ati loltoota jajjaba'aa fi loltoota dadhabaallee gargaaruu dandeetta; Rabbi Waaqa keenna! Nu waan si hedanneef loltoota baay'ee kanaan lolu'uuf dhufneerraa yabo'oo nu gargaari; Rabbi Waaqa keenna! Ati Waaqa keenna waan taateef ka si mooyachuu danda'u hin jiru.» jedhee Rabbii Waaqa ufii kadhate.
12
Rabbi banii Yihuuda'aatii fi Aasaa afo'otti worra Itoophiya'aa dhaye; isaanillee jalaa dheessan.
13
Aasaanii fi baniin isa woliin jiru haga Geerara'aatitti worra Itoophiya'aa ari'anii isaan fixan. Worri Itoophiya'aa sunniin Rabbii fi banii san afo'otti haga badanitti waan mooyatamaniif waan isaan qaban baay'ee booji'anii isaan jalaa fudhatan.
14
Rabbi guddisee waan isaan naasiseef qachoota naannoo Geerara'aa jiran maraa dhayanii waan qachaa san keessatti argan maraa saaman;
15
Moonaa looniillee hin diigan; gaala baay'e'ee fi hoolotallee booji'anii gara Yerusaalemii galataniin.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36