bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 34
2 Chronicles 34
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 33
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 35 →
1
Iyyoosiyaas hennaa mooyu mucaa woggaa saddeetiiti; Yerusaalemitti woggaa soddomii tokko bulche.
2
Inni Rabbiin afo'otti waan qajeelaa hojjate; akkuma Daawitii abbaa ufii waan mishaa hojjate; innillee seera isaa hordofe; bita'aa fi mirgallee hin jenne.
3
Iyyoosiyaas mooyee woggaa saddeetesso'ootitti uduu daa'imumma'aan jiru Waaqa Daawitii abbaa ufii Waaqeffatuu jalqabe; woggaa kudha lammeesso'ootitti biyya Yihuuda'aatii fi Yerusaalemiin keessa hulee itti sagadan ka gaarran irraa, mukkiin jala taa'anii waaqeffatan ka waaqa tolfamaa Asheera'aatii fi fakii waaqa tolfama'aa ka sibiila bassanii hojjatan maraa balleesse.
4
Hulee ciinca'aa ka waaqa tolfamaa Ba'aalii isa afo'oo diigan; fakii waaqa tolfama'aa ka adu'uu ka hulee ciinca'aa irra jiru mukkiin jala taa'anii waaqeffatan, fakii sibiila bassanii hojjatan caccabsee butuchee awwaala namoota tanaan dura isaanii ciincessa'aa turan sanniin irratti facaase.
5
Lafee gadoota isaaniillee hulee ciinca'aa ka isaanii irratti gubee biyya Yihuuda'aatii fi biyya Yerusaalemii qulqulleesse.
6
Qachoota Minaase'ee, ka Efreemii, ka Simooniitii fi ka Niftaalemii, naannoo isaaniillee hin qulqulleesse.
7
Hulee ciinca'aa diigee fakii waaqa tolfama'aatii fi mukkiin jala taa'anii waaqeffatan caccabsee fakii waaqa tolfama'aa ka adu'uu biyya Israa'elii keessaa balleessee gara Yerusaalemii deebi'e.
8
Iyyoosiyaas mooyee woggaa kudha saddeetesso'ootitti biyyatti'ii fi mana Rabbii haga woyyoomseen maayessa mana Rabbii haa haarawoomsani'iif Saafaanii ilma Ezeeliyaasii, Maa'iseeyaa bulchaa qachatti'iitii fi Iyyoo'aakii ilma Iyyoo'akaazii erge.
9
Isaanillee gara gadicha guddaa Kelqiyaasii dhufan; biyya Israa'elii, ka Minaase'eetii fi worra Efreemii keessaa akkasuma worra Israa'elii ka hafe, worri Leewwotaa ka balbala eegan, biyya Yihuuda'aatii fi biyya Biiniyaamii maraa keessaa, worri Yerusaalemiin keessa jiraatanillee birrii ijaarsa mana woyyu'uutiif isaanitti kennan.
10
Isaanillee worra mana woyyuu Rabbii haa ijaarsisani'iif baallii qabanitti kennan; isaanillee worra mana woyyuu Rabbii ijaaranii haarawoomsanitti kennan.
11
Mana mootonni biyya Yihuuda'aa diissisan deebisanii ijaaru'uuf worra mukaa fi dhagaa bitanii mana ijaaranitti kennan.
12
Namoonnillee hujii san amanamumma'aan hojjatan; worra Leewwotaa keessaa ijoolleen Meeraarii worri hujii kana hojjachiisan I'eetii fi Abdiyyu'u; ijoollee Qaatii keessaa Zakkaariyaasii fi Meesulaamiin fa'a; worra Leewwotaa keessaa worri meeshaa faaru'uu dhawuu beekan maruu,
13
worra hujii hunnaa hojjatanii fi worra hujii adda addaa hojjatan irratti baallii qaban; barreessitoonni, worri bulchootaatii fi worri balbala mana woyyu'uu eeganillee gosuma worra Leewwotaa keessa.
14
Hennaa isaan birrii mana woyyu'uutiif dhiyaate fidan Kelqiyaas gadichi kitaaba seeraa ka Rabbi Muuse'etti kenne arge.
15
Kelqiyaas Saafaanii waa barreessuun «Kitaaba seeraa mana Rabbii keessatti arge» jedhee kitaaba san Saafaanitti kenne.
16
Saafaan kitaaba san gara mootichaa fidee «Kunoo waan ati nuun jette maraa gooneerra.
17
Birrii mana woyyuu keessa jirullee fuunee hojjattootaa fi namoota isaan tooyatanitti kennineerra.
18
Kitaabni Kelqiyaas natti kennellee na harka jira» jedheenii kitaaba san dubbiseef.
19
Mootichi hennaa dubbii seeraa dhagaye uffata ufii tarsaase.
20
Kanaan maayessa mootichi Kelqiyaasiin, Akiqaamii ilma Saafaanii, Abdoonii ilma Mikiyaasii, Saafaanii waa barreessuu fi Aasaayaa mucaa mootichaatiin,
21
«Abbootiin teenna seera kitaaba kana keessatti barreeffame akka eegan Rabbi isaanii kenninaan isaan garuu waan eeguu didaniif lolli Rabbii ka nu irra jiru waan guddaa ta'eef deema'aa waan kitaaba argamee kana waan kiyya, waan banii biyya Yihuuda'aatii fi waan banii biyya Israa'elii ka hafaniifillee Rabbiin gaafadhaa'a» jedhee isaan ajaje.
22
Kelqiyaasii fi worri mootichi ajaje akkuma mootichi ajajetti gara namittii Hildaanaa jedhamtu ta raaga raaddu gara qachattii haarawa Yerusaalemiin keessa jirtuu bira dhaqanii waan ergamaniif san isii gaafatan; abbaan manaa raattittii tanaa ka Seeleem jedhamu ilmi Tiiquwa'aa ilma ilma Hasira'aati; inni worra uffata mana woyyuu keessatti uffatan bulcha; worri ergaman waan ergamaniif raattitti'itti himan.
23
Isiinillee «Gara nama gara kiyya isin ergee deema'aatii dubbii Rabbii ka ani amma isinitti himu isatti himaa'a» isaaniin jette.
24
Dubbiin sunillee ka akkana jedhu «Ani Rabbi abaarsa waan mootii Yihuuda'aatiif kitaaba keessatti barreeffameen Yerusaalemii fi banii isi'ii maraa hin adaba.
25
Na dhiisanii hujii hamaa hojjata'aa waan na aarsaniiraniif, waaqolee tolfamaa biraatiifillee waan hixaana aarsaniiraniif, hulee kanatti lolli kiyya hin bobaya; hin badulle'e;
26
Mootii Yihuuda'aa Rabbiin gaafachu'uuf isin ergeen Rabbi Waandhi Israa'elii akkana siin jedha;
27
‹Dubbii dhageetteen garaan kee laafee afo'oo kiyyatti waan gad uf deebifteef hulee kanaa fi bakka jireennaatitti dubbii kiyya dhageettee gad uf deebifteerta; uffata kee biinxitee na afo'otti waan bootteef ani Rabbi booyicha kee dhagayeera.
28
Ati haga lubbu'uun jirtu ani Yerusaalemiin hin adabu; atillee nagayaan akka duutu si godha› » jedha'aa itti himaa'a. Namoonnillee ergaa kana qabatanii gara mooticha Iyyoosiyaasii deebi'an.
29
Mootichi Iyyoosiyaas manguddoota biyya Yihuuda'aatii fi ka biyya Yerusaalemii maraa wolitti qabe.
30
Mootichi, namoonni biyya Yihuuda'aa, worri Yerusaalemiin keessa jiranii fi baniin maruu didiqqaanii fi gugurdaanillee gara mana woyyuu Rabbii yaa'an; achitti kitaaba dubbii waada'aa ka mana woyyuu Rabbii keessatti argame isaanii dubbise.
31
Mootichi utubaa mana woyyu'uu bira dhaabatee Rabbiin duukaa bu'u'uuf, seeraa fi ajaja Rabbii onnee guutu'uu fi yaada guutu'uun eegu'uuf, dubbii waada'aaa ka kitaaba kana keessatti barreeffame raawwachu'uuf waadaa haarawoomfate.
32
Worra Yerusaalemiitii fi biyya Biiniyaamii keessa jiran maraa isaan kakachiise; baniin Yerusaalemiin keessa jiraatan maruu akkuma dubbiin waadaa Rabbii isaan ajaje godhan.
33
Iyyoosiyaas biyya ijoollee Israa'elii maraa keessaa waan hamaa balleessee worra banii biyya Israa'elii keessa jiraatan maraa Rabbii Waaqa ufii akka waaqeffatan godhe; bara bulchiinsa isaa baniin maruu Rabbii Waaqa abboota ufii waaqeffatuu hin dhiifne.
← Chapter 33
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 35 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36