bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 13
2 Chronicles 13
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 14 →
1
Mootichi Iyyoorbi'aam mooyee woggaa kudha saddeetesso'ootitti Abiyaan biyya Yihuuda'aa irratti mooye.
2
Inni Yerusaalemiin keessa jiraata'aa haga woggaa sadihii mooye; haati isaa Mikkayaan mucattii Uri'eelii nama biyya Gibi'a'aa keessatti dhalateeti. Abiya'aa fi Iyyoorbi'aamiin jiddu'utti lola gudda'atu ture;
3
Hennaa san Abiyaan loltoota jajjabaa kuma dhibba afurii qabatee duulaaf baye; Iyyoorbi'aamillee loltoota jajjabaa kuma dhibba saddeetii filatee isatti duulu'uuf baye.
4
Kanaan maayessa Abiyaan biyya Efreemii ka gaaraa tulluu Tsimaaraayii irra dhaabatee, «Iyyoorbi'aamii fi baniin Israa'elii maruu na dhagayaa'a!
5
Daawitii fi ijoolleen isaa biyya Israa'elii irratti baraa haga bara baraa akka mooyan Rabbi Waandhi Israa'elii waadaa hin diiggamne ka sooqiddaatiin akka waadaa gale hin beettanii?
6
Kun ta'ee uduu jiru Iyyoorbi'aam ilmi Naabaaxii ka Solomoonii hojjatu gooftaa ufii Solomooniin irratti ka'e.
7
Worri waan hamaa hojjatanii fi womaawomteen isa bira dhaqanii hennaa Roobi'aam mucaa diqqaa ta'ee uf irraa isaan dhoogguu hin dandeenne Roobi'aamii ilma Solomooniititti ka'an.
8
Isin amma baallii Rabbi fiixaa Daawitiitii kenne uggitanii mootummaa isaa dhiibu'uuf karoorfattaniirtan; karoorri keessan kun akka isinii raawwatu loltoota baay'ee duulchiftaniirtan; waaqa tolfamaa keessan ka fakii waati'ii ka Iyyoorbi'aam worqi'iin hojjachiisellee qabattanii dhuftaniirtan.
9
Leewwota ijoollee Aaroonii ta gadoota Rabbii taatellee hin ariitan; bikka isaanii akkuma baniin kuuwwan godhan gadoota gootanii muudattan; nama jibicha tokkoo fi korbeeyyii hoolotaa torbaa qabatee uf woyyoomsu'uuf gara keessan dhufe maraa waaqa tolfamaa keessan ka sobaatiif gadaa gootanii muuddan.
10
«Nu'uuf garuu Rabbi Waaqa keenna; nu isa hin dhiifne; hojjattoonni Rabbii gadoota ijoollee Aarooniiti; worri Leewwotaallee nu woliin hojjata'aaran.
11
Ganamaa fi galgala ciincaa Rabbii ciincawuu fi hixaana urgaawu aarsan; xoroshoo woyyoome gabatee qulqulluu irratti baattuu ibsa'aa ka worqii irraa hojjatamee fi ka waan ibsan irra kaayanillee halkan halkan akka ibsuuf qopheessan; nullee ajaja Rabbii Waaqa keennaa hin eenna; isin garuu isa dhiiftan.
12
Rabbi nu woliin jira; inni bulchaa keenna; worri gadootaa ka xurumbaa afuufanillee nu woliin jiran isin irratti xurumbaa afuufan; kanaafuu isin ijoollee Israa'elii! kun waan isinii hin taaneef Rabbii Waaqa abboota teessaniitiin hin lolinaa'a!» jedhe.
13
Hennaa san Iyyoorbi'aam loltoota isaa keessaa garii dudda duuba loltoota biyya Yihuuda'aatiin riphanii akka isaaniin lolan, loltoota kaawwan garuu akka isaan loltoota Yihuuda'aa afomaan itti deemanii lolaniin taasise.
14
Baniin Yihuuda'aa uf irra gara galanii duraa fi duubaan akka marfaman haga argan akka isaan gargaaruuf gara Rabbii iyyan; worri gadootaallee xurumbaa afuufan.
15
Worri Yihuuda'aa gara Rabbii iyyinaan Rabbi Iyyoorbi'aamii fi Israa'eloota maraa Yihuuda'aa fi Abiyaa afo'otti isaan dhaye.
16
Baniin Israa'elii banii Yihuuda'aa dheesse Rabbillee isaan dabarsee harka isaaniititti kenne.
17
Abiya'aa fi baniin isaa worra Israa'elii dhayanii banii Israa'elii keessaa baniin kuma dhibba shanii worri filataman hin dhumatan.
18
Hennaa san baniin Israa'elii hin salphatan; worri biyya Yihuuda'aa garuu waan Rabbii Waaqa abboota isaaniititti amananiif hin mooyatan.
19
Abiyaan Iyyoorbi'aamiin lolee qachoota isaa Beeteelii fi ganda isi'ii, Yishaana'aa fi ganda isi'ii, Efroonii fi ganda isi'ii fudhate.
20
Achiin maayessa Iyyoorbi'aam mana Abiya'aatitti hin jabaanne; Rabbi du'aan isa adabe.
21
Abiyaan jabaatee haawwota manaa kudha afur fuudhee ijoollee dhiiraa diddamii lamaa fi ijoollee intalaa kudha jaha uumate.
22
Wonti Abiyaan hojjate dubbiin inni dubbate kitaaba raatticha Ado'oo keessatti barreeffameera.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36