bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 18
2 Chronicles 18
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 19 →
1
Mootiin biyya Yihuuda'aa Iyyoosaafixi haga duroomee qabeenna argate maatiin isaatii fi maatiin Aki'aabii mootii Israa'elii akka wol fuudhan godhe.
2
Woggaa hago'oon maayessa Iyyoosaafixi Aki'aabiin laalu'uuf gara qachaa Samaariya'aa dhaqe; Aki'aabi ulfinna Iyyoosaafixiitii fi worra isa woliin dhufaniif jedhee hoolota baay'e'ee fi loowwan baay'ee qalee nyaata isaanii qopheesse; Aki'aabi mooticha Iyyoosaafixiin akka inni qachaa Reemaatii biyya Gala'aadii keessa jirtu dhaqee isa woliin duulu kadhateen.
3
Mootichi Israa'elii Aki'aabi mootii biyya Yihuuda'aa Iyyoosaafixiin «Na woliin qachaa Reemaatii biyya Gala'aadii keessa jirtu dhaxxaa?» jedhee gaafate. Iyyoosaafixi, «Ani akkuma keeti! baniin kiyyallee akkuma banii keetiiti lolaaf si woliin deema» jedheen.
4
Iyyoosaafixi mootii Israa'eliitiin, «Duraan dursinee fedha Rabbii haa gaafannuu» jedheen.
5
Mootichi Israa'elii raattota dhibba afurii wolitti qabee «Gara Reemaatii biyya Gala'aadiin keessa jirtuu lolaaf hin dhaqa mo'o hin hafa?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee, «Rabbi dabarsee mootichaaf waan kennuuf dhaqi» jedhanii deebisaniif.
6
Iyyoosaafixi garuu «Raanni Rabbii ka biraa ka waan kana gaafannu as hin jiruu?» jedhee gaafate.
7
Mootiin Isaa'elii Iyyoosaafixiin «Namni waan Rabbi jedhe nutti himu tokko as jira; garuu inni hennaa maraa waan hamaa malee waan mishaa waan natti dubbatee hin beenneef ani isa hin jaaladhu innillee ilma Yimi'a'aa Mikkiyaas» jedhee deebiseef. Iyyoosaafixi mootichaan « Kana jechuu si hin barbaachisu!» jedheen.
8
Mootichi biyya Israa'elii Aki'aabi worra goshoota ufii ka isa wolii hojjatan keessaa nama tokko waame «Daddafii Mikkiyaasiin soqii qabadhuu gara kiyya fidi» jedhee ajaje.
9
Hennaa san mootiin biyya Yihuuda'aatii fi mootiin biyya Israa'elii uffata mootumma'aa uffatanii balbala seensa qachaa Samaariya'aa bira hulee itti gad bayan teessoo mootummaa ufii irra taa'aniiran; worri raattotaa garuu isaan afo'otti raaga dubbata'aa turan.
10
Sedeqiyaas ilmi Kinaana'aanii gaafa sibiilaa hojjatee Aki'aabiin, «Rabbi ‹Haga worri Sooriya'aa badutti kanaan loltee mootee argatta› jedhe» jedhe.
11
Raattonni biraallee jechuma kana jedhanii «Reemaatiin loli hin mooyattaa Rabbi mootee sii kennaa» jedhaniin.
12
Ergamaan raatticha Mikkiyaasiin waamu'uuf dhaqe Mikkiyaasiin «Worri raattotaa kuuwwan afaan tokko ta'anii mootichatti waan mishaa dubbata'aaranii afaan keetii fi afaan isaaniillee akka tokko ta'u, akka waan mishaa dubbattu si kadhadha» jedheen.
13
Mikkiyaas garuu «Dhugaa Rabbii! waan Rabbi naan jedhe callaa dubbadha» jedhee kakatee dubbate.
14
Hennaa raattichi Mikkiyaas gara mootichaa dhaqe mootichi «Mikkiyaas! Reemaatii biyya Gala'aadii keessatti argamtuu dhandhee lolla mo'o hin dhiifna?» jedhee gaafate; raattichi mootichaan «Ka'ii deemi Rabbi mootee sii kennaa» jedhee deebiseef.
15
Mootichi raatticha Aki'aabiin «Ani dhugaa malee dhara natti hin dubbatin jedhee maqaa Rabbiitiin harka meeqa si kakachiisa?» jedheen.
16
Innillee loltoonni Israa'elii akka hoolota tissee hin qabneetitti gaara irratti ka bittinnaayaniiran arga'aara; Rabbillee ‹Kunniin masakkaa hin qaban isaan maruu nagayaan gara mana ufii haa deebi'anii gad dhiisaa'a› jedhee natti himeera» jedhee deebiseef.
17
Mootichi Israa'elii Iyyoosaafixiin «Inni waan hamaa malee waan mishaa natti hin dubbatu siin hin jennee?» jedheen.
18
Mikkiyaasillee, «Eeganaa dubbii Rabbii dhagayaa'a; Rabbi teessoo ufii ka ulfinnaa irra taa'ee, maleekkonni Sami'iillee bita'aa fi mirga isaatiin ka dhaabata'aaran arge;
19
Rabbillee ‹mootiin Israa'elii Aki'aabi Reemaatii biyya Gala'aadii keessa jirtuu dhaqee akka achitti du'u ka isa sobu eennu?› jedhee gaafate; maleekkota keessaa gari gariin yaada biraa, gari gariin garuu yaada biraa dhiyeessan;
20
dhuma irratti garuu hafuurri tokko gara Rabbii dhufee ‹ani isa sobuu hin danda'a› jedhe; Rabbillee ‹ati atta gootee isa sobuu dandeetta?› jedheen.
21
Maleekkichillee ‹ani dhaqee afaan raattota Aki'aabii maraa keessatti hafuura sobaa ta'a› jedhee deebiseef; Rabbillee, ‹Eega jette dhaqi sii ta'aa› jedheen»
22
Mikkiyaasillee mootichaan «Rabbi attamitti raattota tee maraa keessaa akka hafuura sobaa kaaye argitee? wonti waan kana godheef akka ati baddu waan si irratti murteesseef!» jedheen.
23
Sedeqiyaas ilmi Kina'aanii gara Mikkiyaasii dhaqee dhabanaasa'aan dhayee «Karaa kamiin Hafuurri Rabbii na bira lufee sitti dubbate?» jedheen.
24
Mikkiyaas garuu «Hennaa gara golaa luftee dhokattu argita» jedhee deebiseef.
25
Hennaa kana mootiin Israa'elii Aki'aab loltoota ufii keessaa nama tokkoon «Raatticha Mikkiyaasiin qabii gara Amoonii bulchaa qachatti'iitii fi gara Yoo'aashii ilma mootichaa fidi;
26
Isaan haga ani lolaa nagayaan deebi'utitti mana hidha'aatitti isa galchanii buddeena gogaa nyaata'aa bisaanuma callaa akka dhugu haa godhanii; kana maqaa kiyyaan isaanitti naa himi» jedhee ajaje.
27
Raattichi Mikkiyaasillee «Ati yoo hulee lolaatii nagayaan deebite Rabbi natti hin dubbanne jechu'u jedhee laagaa ufii ol qabatee «Isin worri as jirtan maruu waan ani amma jedhe kana hubadhaa'a!» jedhe.
28
Kanaan maayessa mootiin Israa'elii Aki'aabii fi mootiin Yihuuda'aa Iyyoosaafixi gara Reemaatii biyya Gala'aadiin keessa jirtuu lolaaf dhaqan.
29
Mootichi Israa'elii Iyyoosaafixiin «Ani uffata kiyya jijjiiradhee gara lolaa seenaa ati garuu uffatuma kee uffadhu» jedheen; kanaaf mootichi Israa'elii uffata ufii jijjiiratee gara lolaa seenan.
30
Mootichi biyya Sooriya'aa, «Aki'aabii mootii biyya Israa'elii fooya'aa ajjeesaa malee ka biraa eennuun irrattillee balaa hin buusinaa» jedhee bulchoota loltoota gaarii fardaatiin lolan ajaje.
31
Kanaaf bulchoonni loltoota gaarii fardaatiin lolanii hennaa Iyyoosaafixiin argan mootii Israa'eliiti jedhanii marsanii lolu'uuf ka'an; Iyyoosaafixi garuu iyyinaan Rabbi isa gargaaree loltoota san irraa deebise.
32
Bulchoonni loltoota gaarii fardaatiin lolanii akka inni mootii Israa'elii hin taane haga argan isa ari'uu dhiisan.
33
Garuu loltuu biyya Sooriya'aa tokko ebo'oon darbatee kalee isaa kolba inni hidhaana hidhatuun woraane mootichi namicha gaarii fardaa oofuun «Ani woraannamee madaayeera kanaafuu gaarii fardaa uf irra deebisii hulee lolaa kanaa bayi!» jedhee isa ajaje.
34
Guyyaa san lolli hin jabaate; mootiin Israa'elii Aki'aabi biyya Israa'elii afo'otti gaarii fardaa irratti irkatee isaanitti mudhata'aa ture; hennaa aduun dhiite hin du'e.
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36