bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 26
2 Chronicles 26
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 27 →
1
Baniin biyya Yihuuda'aa maruu Ooziyaa mucaa woggaa kudha jahaa bikka Ameesiyaasii abbaa isaa moosisan.
2
Mootichi haga du'ee awwaalameen maayessa Ooziyaan Eelaatiin ijaaree gara biyya Yihuuda'aa deebise.
3
Ooziyaan hennaa mooyu nama woggaa kudha jahaati; inni Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa shantamii lamaa bulche; haati isaa Yikooliyaan intala Yerusaalemii turte.
4
Inni akkuma abbaan isaa Ameesiyaas hojjate Rabbiin afo'otti waan qajeelaa hojjate.
5
Zakkaariyaas namni Rabbii akka inni Rabbiin sodaatu isa barsiifnaan inni onnee ufii guutu'uun Rabbiin sondhaan Rabbi waan maraan isa eebbise.
6
Ooziyaan worra Filisxeemiitiin lolee dallawa qachaa Geetii, Yebina'aatii fi qachaa Azaaxoonii diigee biyya Azaaxooniitii fi biyya Filisxeemii keessatti deebisee qachoota ijaare.
7
Rabbi akka inni worra Filisxeemii, worra Arabaatii fi worra Mi'uunotaa ka Gurba'aaliin keessa jiraatan maraa akka mooyatu taasise.
8
Worri Amoonotaa Ooziya'aaf gibira gabbaran; inni waan gurri isaa guddisee dhagayameef haga balbala biyya Misirii seenaniititti dhagayame.
9
Ooziyaan seensa balbala dallawaa, seensa dallawa dhooqaatii fi naannaya dallawaa irratti dallawa waa tooyachu'uuf tolu ijaaree kushee Yerusaalemii jabeesse.
10
Inni horii baay'ee waan qabuuf lafa onaa, lafa gammoojji'iitii fi lafa badda'aatitti dallawa ijaare; boolla bisaanii baay'ee qote; qonnallee waan jaalatuuf lafa gaaraatii fi lafa michuu worra lafa qotuu fi hojjattoota biqiltuu woyini'ii dhaaban qaba.
11
Ooziyaan loltoota lolaaf leenji'anii qophaayan qaba; maqaan baay'inna loltoota isaa namoota mootichaa waa barreessan Ma'iseeya'aa fi Yi'i'eelitu isaan galmeessa; namni ol aantumma'aan isaan tooyatu Hanaaniyaa mana mootumma'aa keessatti hojjattoota woliin hojjatu ture.
12
Ka loltoota isaa masakku namoota kuma lamaa fi dhibba jahaa ka gosa isaanii bulchan.
13
Bulchoota kanniin jala worra diintota mootichaa irraa dhoogguu danda'an jannoota kuma dhibba sadihiitii fi kuma torbaa fi dhibba shanii turan.
14
Ooziyaan loltoota maraafuu wonte'ee fi woraana, sibiila mata'atti godhatan, ka qomaa, ebo'oo fi buundhee, furaanfurrisa fi dhagaa darbataniinillee kenneef.
15
Mootichi Ooziyaan namoota Yerusaalemiin keessatti hojii ogumma'aatiin leenji'an gamoo irra taa'anii eeganii fi roga dallawa qachatti'ii irra buundhee, meeshaa dhagaa gugurdaa darbataniin akka hojjatan godhe; waan Rabbi isa gargaareef inni guddisee jabaate; gurri isaa guddisee waan beekkameef hulee marattuu dhagayame.
16
Ooziyaan haga mootummaa ufii jabeeffate boonee Rabbii Waaqa ufii yakkee boonuu ufiitiin kufiinsa ufitti fide; gara mana woyyuu Rabbii seenee hulee hixaana itti aarsan irratti hixaana aarsee Rabbiin gaddisiise.
17
Azaariyaan gadichinii fi gadoonni isa woliin jiran ka onnee guutu'uu namoonni saddeettamaa mooticha faana gara mana woyyu'uu seenan.
18
Isaanillee mooticha Ooziyaa morma'aa «Ooziyaa'a! worri hixaana aarsu gadoota ijoollee Aaroonii ta muudamte malee ati hixaana aarsuun si hin barbaachisu; yakkiteertaa mana woyyuu keessaa bayi wonti kun Rabbii Waaqa kee biraa ulfinna sii hin ta'u» jedhaniin.
19
Ooziyaan hixaana aarsu'uuf qophaayee girgiraa hixaana irratti aarsan qabatee hulee ciincaa irratti dhiyeessan bira dhaabatee akkuma inni aaree dallaneen yoma san dhibeen gogaa kukkutu kallacha isaa irratti mudhate.
20
Azaariyaas gadichi guddaanii fi worri gadootaa maruu hennaa isa laalan kallacha isaa irratti dhibee gogaa kukkutu arganii daddafanii mana woyyuu keessaa isa ari'an; Rabbi waan isa rakkiseef dafee achi keessaa baye.
21
Mootichi Ooziyaan haga gaafa du'uutitti dhibeen gogaa kukkutu isuma irra ture; waan sababaa dhibee saniitiif mana woyyuu keessaa ari'ameef mana addaa keessa jiraate; Iyyoo'aataam ilmi isaa mana mooti'ii keessa taa'ee banii bulcha'aa ture.
22
Wonti mootichi Ooziyaan hojjate jalqaba irraa haga dhumaa Isaayyaas ilmi Amootsii raattichi barreesseera.
23
Ooziyaan du'ee nama dhibee gogaa kukkutuun qabameeru jedhanii awwaala abboota isaa bira qonna moototaa biratti awwaalan; wonti awwaala moototaa biratti awwaaluu didaniif waan inni dhibee gogaa kukkutuun qabameeruuf; bikka isaa ilma isaa Iyyoo'aataamtu mooye.
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 27 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36