bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 31
2 Chronicles 31
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 30
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 32 →
1
Haga wonti kun maruu raawwatameen maayessa worri Israa'elii ka achitti argaman maruu gara qachoota biyya Yihuuda'aa dhufanii soodduu maraa caccabsanii sirima balleessan; fakii waaqa tolfamaa asheera'aa ka jalatti waaqeffatanillee hin muran; hulee itti sagadan ka biyya Yihuuda'aatii fi ka biyya Biiniyaamii maraa, akkasuma ka biyya Efreemiitii fi ka biyya Minaase'ee, hulee itti sagadan ka gaarran gubbaa jiru, hulee ciincaa irratti dhiyeessan maraa diiganii worri Israa'elii maruu gara lafaa fi gara qachoota ufii deebi'an.
2
Mootichi Hisqiyaas seera worra Leewwotaatii fi ka worra gadootaa akkuma garee isaaniitiin deebi'ee dhaabe; ciincaa fayyumma'aatii fi ciincaa ciincawu balbala mana woyyu'uu ka hulee itti gad bayaniititti akka ciincaa dhiyeessan, akka isa tajaajilan, akka Rabbiin galatoonfatanii fi akka Rabbiin kabajjaniif worra gadootaatii fi worra Leewwotaa dhaabsise.
3
Mootichi akkuma seera Rabbii irratti barreeffame ciincaa ciincawu ka ayyaanaa ka jalqaba ji'aatii fi ka sambattanii halkanii fi guyyaa dhiyeessu'uuf waan ufii keessaa waan kennu murteeffate.
4
Mootichi banii Yerusaalemiin keessa jiraatan akka worri gadootaatii fi Leewwotaa tajaajilan mana woyyuu keessatti akka jabaataniif baniin waan ufii qaban keessaa waan kennuu isaan barbaachisu akka isaanii kennan banii Yerusaalemiin keessa jiraatan ajaje.
5
Akkuma mootichi waan kana isaan ajajeen worri Israa'elii daadhii woyini'iitii fi ka midhaanii, ka dhadhaa ejersaatii fi ka dammaa, midhaan qotatanii argatan keessaa ka dura gale kennan; waan qaban maraa keessaa kurneessoo kennan.
6
Baniin biyya Israa'eliitii fi biyya Yihuuda'aa ka qachoota Yihuuda'aa keessa jiraatan sangootaa fi hoolota keessaa waan woyyoome Rabbii Waaqa ufiitiif kurneessoo kennan; kennaa biraallee ka woyyoome fidanii tuulan.
7
Kennaallee ji'a sadeesso'ootitti fiduu jalqaban; ka kennaa kennanii itti fixan garuu wol faanaa kennaa ufii san fida'aa tuulanii ji'a torbeesso'ootitti fixan.
8
Mootichi Hisqiyaasii fi bulchoonni bani'ii dhufanii hennaa tuulaa san argan Rabbii fi banii Israa'elii maraa eebbisan.
9
Hisqiyaas worra Leewwotaatii fi worra gadootaa waan midhaan wolitti kuusanii san gaafate.
10
Azaariyaas gadichi guddaan gosa worra Saadooqii «Baniin kennaa ufii gara mana woyyuu Rabbii haga fiduu jalqabaniin maayessa nyaannee quufneerra, Rabbi waan banii eebbiseef midhaan gudda'atu irraa hafe, ka hafellee tuulaa guddaa kana» jedhee dubbate.
11
Hisqiyaas akka isaan mana Rabbii keessatti gootaraa ijaaran banii ajaje isaanillee gootaraa ijaaranii,
12
Kennaa midhaanii kurneesso'oo fi waan woyyoome maraa amanamumma'aan gootaraa sanitti galchan; Koonaaniyaa gosa Leewwi'ii midhaan kana irratti baallii kennaniif; obboleessa isaa Saame'iinillee baallii kennaniifii nama lammeesso'oo godhanii kaayan.
13
Mootichi Hisqiyaasii fi Azaariyaas gadichi bulchaan mana Rabbii worra isaan jala taa'anii hojjatan Yihi'eel, Azaaziyaa, Naahoot, Asaaheel, Yireemoot, Yoozaabaat, Eeli'eel, Samaakiyaa, Mahaat, Banayaas, Kenaaniyaanii fi obboleessi isaa Saamee'i isaan jalatti haa hojjatani'iif ramadaman.
14
Qoreen balbala mana woyyu'uu ka gara baya biiftu'uutiin eegu ilmi Leewwichaa Yiminaan kennaa Rabbiitii fi waan Rabbii woyyoome akka qoodu, waan baniin fedha ufiitiin Rabbii kennan irratti baallii argate.
15
Qachoota gadoonni keessa jiraatan keessatti worra gugurda'aa fi didiqqaallee akka garee isaaniitiin amanamumma'aan akka gargaaran Eed, Mimiyaam, Iyyaasuu, Shamayaa, Amaariya'aa fi Sekeniyaan isa jala turan.
16
Ammallee waan adda addaa ka guyyaa guyya'aan hojjatan, ijoollee dhiiraa ka umuriin isaanii woggaa sadihiitii fi ka achii ol ta'an ka gara mana woyyu'uu seenan akka baallii isaaniitii fi akkuma ramaddii isaanii gayee isaanii qooda'aafii turan.
17
Ramaddiin gadootaa akkuma gosa isaaniitiin ka umuriin isaanii woggaa diddamaatii fi ka achii ol ta'an akka gayee isaaniitiin waan hujuu danda'aniin murteeffama.
18
Worri gadootaatii fi worri Leewwotaa kunniin worra uf woyyoomsan amanamtoota waan ta'aniif isaan haadha manaa ufii, ijoollee ufiitii fi worra isaan jalatti bulan maraa woliin tokkumma'aan galmaayan ture.
19
Worri gadootaa ka qachoota ijoollee Aaroonii keessa jiraatan, yookaan lafa dheedaa ka qachoota kanniinii irra jiraatan, worra dhiiraa worra galmee maqaa worra Leewwotaa keessa jiru keessa jiraataniif waan nyaatan isaanii qoodu'uuf namoota baallii qaban turan.
20
Mootichi Hisqiyaas biyya Yihuuda'aa maraa keessatti, Rabbii Waaqa ufii afo'otti waan mishaa, waan qajeela'aa fi waan dhuga'aa hojjate.
21
Hujii mana woyyu'uu, seeraa fi ajaja maraa eegu'uuf hujiin inni hojjate maruu Rabbii Waaqa ufiitiif amanamumma'aa fi hinaaffaa Hafuuraatiin waan ta'eef wonti maruu isaa qajeele.
← Chapter 30
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 32 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36