bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 16
2 Chronicles 16
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 17 →
1
Aasaan mooyee woggaa soddomii jaheesso'ootitti mootiin Israa'elii Ba'aas biyya Yihuuda'aa irratti ka'ee gara biyya Yihuuda'aa eennullee akka hin seenne qachaa Raama'aa ijaare.
2
Kanaaf Aasaan mana woyyuu Rabbiitii fi qabeenna mooti'ii keessaa birri'ii fi worqii fuudhee Wolda'aadeerii mootii biyya Sooriya'aatiif ergee
3
«Waadaan abbaan kiyyaa fi abbaan kee wolii qaban anaa fi si'i jiddu'uttillee akka ta'u birri'i fi worqii sii ergeera; akka inni na biraa fagaatu waadaa ati Ba'aasii mootii biyya Isaa'elii woliin qabdu diigi» jedhee nama itti erge.
4
Wolda'aadeer waan mootichi Aasaan jedheen maarre jedhee ajajoota loltoota ufii gara qachoota Israa'elii erge; isaanillee Giyooniin, Daaniin, Abeelmaayimiimii fi mana meesha'aa ka biyya Niftaalemii maraa dhayanii qabatan.
5
Ba'aas haga waan kana dhagaye qachaa Raama'aa ijaaruu dhiise; hujii sanillee hin dhaabsise.
6
Mootichi Aasaan namoota Yihuuda'aa maraa wolitti qabee mukaa fi dhagaa dura qachaa Raama'aa ittiin ijaara'aa ture san guursisee Geeba'aa fi Mitsiphaa ittiin ijaare.
7
Hennaa san Haanaani raattichi gara Aasaa mootii biyya Yihuuda'aa dhaqee, «Ati mootii biyya Sooriya'aa waan hedatteef, Rabbii Waaqa kee waan hin hedanneef duultonni biyya Sooriya'aa si harkaa yaa'an
8
Namoonni biyya Itoophiya'aatii fi namoonni biyya Liibiya'aa duultota hedduu, gaarii fardaa hedduu fi worra farda yaabbatee lolu heddu qabaniimii? ati waan Rabbiin hedatteef Rabbi akka ati isaan mooyattu godhe;
9
Rabbi waan hennaa maraa nama onneen isaa qulqullu'uu laaluuf ati amma waan hujii gowwumma'aa hojjatteef lolli si hin dhiisu» jedheen.
10
Dubbiin inni dubbate mooticha Aasaa waan aarseef raatticha haada sibiilaatiin hidhee mana hidha'aatitti isa galche; hennaa san irraa jalqabee mootichi Aasaan banii keessaa namoota tokko tokko garaa itti jabaatee guddisee miidha'aa ture.
11
Wonti mootichi Aasaan bara ufii bulchu hojjate jalqabaa haga dhumaa kitaaba seena'aa ka mootota Israa'eliitii fi ka biyya Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.
12
Mootichi Aasaan mooyee woggaa soddomii sagaleesso'ootitti luka dhibamee dhibeen sun itti jabaate; garuu ogeeyyii qorichaa barbaadate malee Waaqa hin barbaadanne.
13
Aasaan mooyee woggaa afurtamii tokkeesso'ootitti du'e;
14
reeffa isaa siree irra ciibsanii urgooftuu gara garaa ka ogeeyyiin wolitti qaban itti godhanii hulee abboonni isaa itti awwaalaman qachaa Daawitii keessatti awwaala ufii tolfate keessatti awwaalan; waan kabajjaa isaa gudda'aatiif qoraan guddisanii wol irra tuulanii bobeessan.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36