bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 20
2 Chronicles 20
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 21 →
1
Kanaan maayessa ijoolleen Moo'aabiitii fi ijoolleen Amoonii worri Mi'uunootaallee Iyyoosaafixiin lolu'uuf yaa'an.
2
Namoonni oduu odeessan dhufanii Iyyoosaafixiin «Galaana gama biyya Eedoomiitii loltoonni jajjaboonni baay'een dhufanii Haseboonii Taamaarii ta Ayingaad jedhamtu keessa jiran» jedhanii itti himan.
3
Iyyoosaafixi guddisee waan sodaateef akka Rabbi fedha ufii itti mudhisuuf biyya Yihuuda'aa maraa keessatti soomanii akka Waaqa kadhatan labsii labse.
4
Namoonni biyya Yihuuda'aa maruu akka Rabbi isaan gargaaruuf Waaqa kadhachu'uuf dafanii gara Yerusaalemii dhaqan.
5
Iyyoosaafixi banii Yihuuda'aatii fi banii Yerusaalemii jidduu mana Rabbii keessa hulee itti gad bayan haarawa irra dhabatee,
6
«Yaa Waaqa abboota teennaa! Waandhi samii jiru si'ii mii? mootummaa worra Yihuudota hin taaneellee ka bulchu si'ii mii? Hunnaa fi dandeettiillee hin qabda; ka si mooyachuu danda'u hin jiru.
7
Yaa Waaqa keenna! worra Yihuudota hin taane ka biyya kana keessa jiran banii kee Israa'eliin ariitee ka Abrahaamii jaalalloo keetiif baraa haga bara baraa fiixaa kennite si'ii mii?
8
Isaanillee lafa san irra jiraatan; maqaa keetiifillee mana woyyuu itti ijaaranii
9
‹Nu adabu'uuf lola, beela waan akkanaa kanniin yoo nu irra geessite gara mana woyyuu maqaan kee itti waamamuu dhufnee isa afoo dhaabannee akka ati rakkoo kanniin irraa nu hambiftu si kadhanna; atillee kadhaa keenna nuu dhageettee rakkoo keenna irraa nu oolchita› jedhaniiti.
10
«Ammallee yabo'oo banii Amoonii, banii Moo'aabiitii fi banii Eedoomii laali! isaan balaa nutti buusaniiran; abbootiin teenna ta durii hennaa biyya Misiriitii yaa'an ati banii kee Israa'eliin akka isaan bulchiinsa isaanii keessa seenaniif isaanii hin eeyyamne; abbootiin teenna ta durii isaan irraa goranii lufan malee isaan hin balleessine.
11
Jasaa nu isaanii gooneef isaan waan hamaa nuu deebisu'uuf lafa ati nuu kennite keessaallee nu baasu'uuf dhufaniiran.
12
Waaqa keenna! ati isaanitti hin murteessituu? banii guddaa nuun lolu'uuf nutti dhufe kana uf irraa qabu'uuf hunna hin qabnu; waan goonullee hin beennu; garuu ijji teenna sima laalti» jedhaniin.
13
Baniin biyya Yihuuda'aa maruu haawwota manaa ufiitii fi ijoollee ufii maraa woliin manuma woyyuu Rabbii afoo dhaabataniiran.
14
Hennaa san Hafuurri Rabbii nama Leewwi'ii tokko ka banii keessa jiru irratti bu'e; namichi Leewwi'ii kun ilma Zakkaariyaasii Yizihi'eel jedhamuuti. Inni karaa Maataanaya'aatiin gosa Yi'eeliitii fi karaa Banaaya'aatiin garuu gosa Asaafiiti.
15
Yizihi'eel «Baniin biyya Yihuuda'aa maruu worri Yerusaalemiin keessa jiraatanii fi atillee mootichi Iyyoosaafixi na dhagayaa'a! Rabbi ‹lolli ka Rabbiiti malee keessanii miti banii guddaa kana laaltanii hin sodaatinaa'a; hin nayinale'e;
16
kanaaf boru dhaqa'aa isaaniin lolaa'a; isaan karaa goodda Tsiiniitiin bayanii dhuma dhooqa lafa gammoojji'ii Yiru'eeliin afo'otti isaan argitanii.
17
Isin ufii hin loltan isin biyyi Yihuuda'aatii fi biyyi Yerusaalemii! lolaaf hiriira'aa cadhisa'aa dhaabadhaa'a! Rabbi akka mootee isinii kennu hin argitanii Rabbi waan isin woliin jiruuf hin sodaatinaa'a; hin nayinaa'a; boru isaanitti duulaa'a!» isaaniin jedhe.
18
Kanaan maayessa Iyyoosaafixi kallachaan gad jedhee sagade; biyyi Yihuuda'aatii fi worri Yerusaalemiin keessa jiraatan maruu Rabbiin afo'otti kufanii Rabbii sagadan.
19
Worri leewwotaa ijoolleen Qaatiitii fi ijoolleen Qore'ee laagaa ufii ol qabatanii dhaabatanii Rabbii Waaqa Israa'elii galatoonfatan.
20
Bariisaa san ka'anii lafa gammoojji'ii Teequhee dhaqu'uuf hennaa ka'an Iyyoosaafixi ka'ee dhaabatee «Isin baniin Yihuuda'aatii fi baniin Yerusaalemiin keessa jiraattan na dhagayaa'a! Rabbii Waaqa keessan amanaa'a; wonti maruu isinii qajeelaa» isaaniin jedhe.
21
Inni banii woliin mari'atee uffata worri faarfattootaa ka hennaa ayyaanaa uffatan uffatanii faaruu «Jaalalli isaa baraa haga barabaraa waan ta'eef Rabbiin galatoonfadhaa'a!» jedhu faarfata'aa loltoota afoo akka deeman ajaje.
22
Hennaa faaruu faarfatanii Rabbiin galatoonfatuu jalqaban ijoollee Amooniitii fi ijoollee Moo'aabii ta gaara Seeyirii irraa dhufanitti loltoota dhossa'aan isaanitti fidee isaan dhaye.
23
Ijoolleen Amooniitii fi ijoolleen Moo'aabii worra gaara Seeyirii gubbaa jiru sirima dhayanii isaan balleessu'uuf isaanitti ka'an; haga banii san fixaniin maayessa ufumaa wolitti gara galanii wol fixan.
24
Namoonni Yihuuda'aa hennaa gara lafa gammoojji'ii dhufanii diintota ufii laalan reeffa namootaa lafatti argan; achi keessaa namni tokkollee hin hafne.
25
Kanaan maayessa Iyyoosaafixii fi baniin dhufanii boojuu booji'u'uuf hennaa dhufan horii baay'e'ee fi mi'a gara garaa, uffataa fi mi'a guddisee bareedu arganii saaman; waan saaman kana baadhachuu dadhaban; wonti isaan booji'an waan baay'ee ta'eef haga guyyaa sadihii guuratan.
26
Guyyaa arfeesso'ootitti hulee «Dhooqa eebbaa» jedhamutti wol gayanii achitti Rabbiin galatoonfatan; Kanaaf huleen sun haga adhaa «Dhooqa eebbaa» jedhame.
27
Achiin maayessa baniin Yihuuda'aatii fi baniin Yerusaalemii Iyyoosaafixi isaan masakka'aa waan Rabbi diintota isaanii akka mooyatan isaan taasiseef guddisanii gammada'aa gara Yerusaalemii deebi'an.
28
Hennaa achi gayan meeshaa faaruu faarfataniin ka sagalee guddaa kennuun, masiinqo'oo fi xurumbaa afuufa'aa gara mana woyyuu Rabbii seenan.
29
Mootonni biyya maraa akka Rabbi diintota Israa'eliitiin lole haga dhagayan guddisanii Rabbiin sodaatan.
30
Kanaaf Iyyoosaafixi nagayaan biyya bulche. Rabbillee karaa maraanuu nagaya isaa kenne.
31
Iyyoosaafixi hennaa mootii ta'e nama woggaa soddomii shanii ture; inni Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa diddamii shanii bulche; haati isaa Azubaan mucatti Shilihiiti.
32
Iyyoosaafixi akkuma Aasaa abbaa ufii Rabbiin afo'otti waan mishaa hojjate.
33
Garuu hulee itti sagadan ka gaara gubbaa jiru hin balleessine; baniinillee gara Rabbii ufii gara Waaqa abboota isaanii onnee ufii guutu'uun hin deebine.
34
Iyyoosaafixi bara ufii mooye irraa jalqabee haga dhuma bulchiinsa ufii wonti mishaan inni hojjate maruu kitaaba seena'aa ka Iyyuu ilma Anaanii kitaaba mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
35
Kanaan maayessa mootiin biyya Yihuuda'aa Iyyoosaafixi Akaaziyaasii mootii biyya Israa'elii ka hujiin isaa hama'aa woliin wolii gale.
36
Isaan lachuu wol ta'anii markaba hedduu ka galaana guddaa Tarseesii ceeyaniin Etsiyoon-Gaabiritti hojjachiisan.
37
El'eezer ilmi Doodaya'aa ka biyya Mariisa'aa «Ati waan Akaaziyaasiin wolii galteef Rabbi hujii kee diigeera» jedhee Iyyoosaafixitti haga dubbate markaboonni sunniinillee caccabanii gara Tarseesii deemuu dadhaban.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36