bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 10
2 Chronicles 10
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 11 →
1
Roobi'aam akka baniin Israa'elii maruu isa moosisaniif gara Seekeemii dhaqe.
2
Iyyoorbi'aam ilmi Naabaaxii mooticha Solomooniin jalaa dheessee waan biyya Misirii keessa jiraata'aa tureef haga waan kana dhagaye biyya Misiriitii deebi'ee gara Israa'elii dhufe.
3
Isa nama itti erganii waamsisanii Iyyoorbi'aamii fi baniin Israa'elii maruu dhufanii Roobi'aamiin
4
«Abbee fe'aa guddaa nutti fe'ee ture; ati amma bulchiinsa akka fe'aa gudda'aa ka abbee nutti baachisee nutti ulfaate waanjoo kana nuu salphisi; nullee si jalatti bullaa» jedhaniin.
5
Inni isaaniin «Guyyaa sadihiin maayessa deebi'aa koottaa'a» isaaniin jedhe; isaanillee ka'anii deeman.
6
Kanaan maayessa mootichi Roobi'aam manguddoota hennaa mootichi Solomoon jiru Solomooniin gorsa'aa turaniin «Deebii banii kanaa akka kennu maal na gorsitan?» jedhee isaan gaafate.
7
Isaanillee, «Banii kanaa yoo waan mishaa goote, yoo isaan gammachiifte, yoo isaanii garaa laafte isaan baraa haga bara baraa garboota ta'anii sii hojjatan» jedhanii deebisaniif.
8
Inni garuu waan manguddoonni isa gorsan dhiisee daraboo isa woliin guddatanii fi ijoollee isa woliin jiran woliin mari'ate.
9
Innillee, «Worra waanjoo abbee nutti fe'e kana nu irraa buusi naan jedhaniin deebii maal akka isaanii deebisu na gorsitan?» jedhee isaan gaafate.
10
Worri isa woliin guddatanillee, «Abbee waanjoo nutti fe'ee ture; ati garuu fe'aa waanjoo kana nu irraa buusi worra siin jedhaniin ‹Qubni tiyya diqqoon mudhii abbaa kiyyaa caalaa furdo'o;
11
Abbaan kiyya waanjoo isinitti fe'ee ture; ani garuu waanjoo san irratti fe'aa biraa isinitti eda'a; abbaan kiyya shabbeenaan isin tume; ani garuu shabbeena akka buuti'ii nama idduun isiin tuma› jedhii isaanii deebisi» jedhaniin.
12
Mootichi akkuma guyyaa sadihiin maayessa gara kiyya deebi'aa'a isaaniin jedhe baniinii fi Iyyoorbi'aam gara Roobi'aamii dhaqan.
13
Mootichi deebii ulfaataa isaanii deebise; mootichi Roobi'aam gorsa manguddoonni isa gorsan dhiisee,
14
«Abbaan kiyya waanjoo isinitti fe'e; ani garuu isa irratti fe'aa guddaa isinitti fe'a; abbaan kiyya shabbeenaan isin tume; ani garuu shabbeena akka buuti'ii nama idduun isin tuma» jedhee akka ijoolleen isa gorsitetti isaanitti hime.
15
Sababaan wonti kun ta'eef dubbiin Rabbii ka raattichi Akiyaan Seelo'oo dhufe waan Iyyoorbi'aamii ilma Naabaaxii dubbatame akka raawwatamu'uuf; mootichi Roobi'aam yaada bani'ii uduu hin fudhanne wonti dhiiseefillee kanumaaf.
16
Baniin Israa'elii akka mootichi Roobi'aam gaafii isaanii hin fudhanne haga argan «Nu Daawitiin biraa gayee maal qabna? Ilma Isseyii woliin tokkummaa maal qabna? Banii Israa'elii! gara mana keetii deemi; Daawiti! atillee mana kee eegi!» jedhanii deebisaniif; kanaaf baniin Israa'elii gara mana ufii deebi'an.
17
Roobi'aam banii biyya Yihuuda'aa keessa jiraatu callaa irratti mooye.
18
Kanaan maayessa mootichi Roobi'aam Adooniraamii hujii hunnaa nama hojjachiisu gara banii Israa'elii akka dhaqu erge; isaan garuu dhaga'aan dhayanii isa ajjeesan; hennaa san Roobi'aam daddafee gaarii fardaa keessa seenee gara Yerusaalemii dheesse.
19
Hennaa san irraa jalqabee bulchiinsi gara kaabaa bulchiinsa Daawitii irratti ka'e.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36