bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 25
2 Chronicles 25
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 26 →
1
Ameesiyaas hennaa mooyu dargaggeessa woggaa diddamii shaniiti; Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa diddamii sagalii bulche; haati isaa Yoo'aadaan intala biyya Yerusaalemiiti.
2
Inni Rabbiin afo'otti waan qajeelaa hojjate; waan hojjate kana garuu onnee guutu'uun hin hojjanne.
3
Haga mootummaa ufii jabeeffate worra abbaa isaa ajjeesan ajjeese.
4
Akkuma kitaaba seera Muuse'ee keessatti barreeffame Rabbi «Namni maruu cubbuu hojjateef haa du'uu malee abbootiin bikka ijoolle'ee hin du'in; ijoolleenillee bikka abboota ufii hin du'in» jedhee ajajetti ijoollee worra abboota isaa ajjeesanii hin ajjeefne.
5
Mootichi Ameesiyaas dhiira gosa Yihuuda'aatii fi gosa Biiniyaamii keessa jiran akkaatama gosa isaaniitiin gare gare'een bulchoota ajajoota loltoota kumaatii fi loltoota ajajoota dhibbaa jalatti isaan ramade; worra ramadaman san keessa dhiirri umurii diddamaatii fi ka achii olii baay'inni isaanii namoota kuma dhibba sadihiiti; isaan worra lolaaf qophaayan wonte'ee fi woraanallee baadhatanii loluu danda'an.
6
Akkasuma worra Israa'elii keessaallee loltoota jajjabaa saqilii kuma dhibba tokkootiin bitee qaxarate.
7
Namni Rabbii tokko gara isaa dhufee, «Mootii'i! Rabbi banii Israa'eliitii fi ijoollee Efreemii woliin waan hin jirreef loltoonni worra Israa'elii kunniin si woliin hin bayin;
8
yoo isaan qabattee dhaxxe garuu isaan mooyachuu yoo yaadde ka nama gargaaruu fi ka nama dhiisullee waan Rabbiin ta'eef Rabbi diintota kee jalatti si kuffisa» jedhe.
9
Ameesiyaas nama Rabbiitiin «Saqiliin dhibba tokkoo ka ani loltootaan bite hoo attam ta'a?» jedhee gaafate. Namni Rabbii sun garuu «Rabbi waan kana caalu sii kennuu danda'a» jedhee deebiseef.
10
Kanaaf mootichi Ameesiyaas loltoota biyya Efreemiitii dhufan akka isaan biyya ufiititti deebi'an fooyee isaan geegesse; kanaaf worra Yihuuda'aatitti guddisanii aara'aa gara biyya ufii deebi'an.
11
Kanaan maayessa mootichi Ameesiyaas jabaatee loltoota ufii yaasee gara dhooqa sooqiddaa dhaqee loltoota Seeyirii nama kuma kudhanii ajjeese.
12
Ijoolleen Yihuuda'aallee namoota kuma kudhanii booji'anii hidhanii qilee qachaa Seelaa'i jedhamtu biratti isaan gubba'aa gad darbanii worri darbaman sun dhagaa qilee san keessaa irratti kufanii caccabanii dhuman.
13
Uduu isaan lola kana irra jiran worri Israa'elii ka inni akka isaan isa faanaa lolaaf hin deemne dhoogge qachaa Yihuuda'aa, Saamariya'aa haga Beetihooriititti lolanii nama kuma sadihii ajjeesanii boojuu baay'ee booji'an.
14
Mootichi Ameesiyaas namoota Edoomiyaasii haga ajjeeseen maayessa waaqa tolfamaa worra Seeyirii fidee itti sagadu'uuf dhaabee itti sagada'aa hixaanallee aarsa'aafii ture.
15
Kanaaf Rabbi mooticha Ameesiyaasiin lole; Rabbi raatticha tokko gara Ameesiyaasii erge; raattichi kun, «waaqa tolfamaa banii ufii hin oolchinee maaf sagadda?» jedhee isa gaafate.
16
Uduu inni waan kana dubbata'aaru mootichi Ameesiyaas «Ati akka gorsaa mooti'ii taatu yoom si muunne? kanaafuu dubbii jettu kana dhiisi yoo dhiisuu didde si ajjeesa!» jedheen; namni Rabbiillee, «Ati waan kana gootee gorsa kiyyallee waan hin dhageenneef ani akka Rabbi si balleessu'uuf murteesse beekeera» jedhe.
17
Kanaan maayessa mootichi Ameesiyaasii fi worri isa gorsan banii Israa'eliititti seera baafatan; Ameesiyaas gara Iyyoo'aasii ilma Iyyo'akaazii ilma ilma Iyyu'uu «Eeganaa koottu wol lollaa» jedhee ergamtoota itti ergee lolaaf isa kakkaase.
18
Iyyoo'aas mootiin Israa'elii mootii Yihuuda'aa Ameesiyaasiiin akkana jedhe, «Hennaa tokko qummuudduun gaara Libaanosii ‹mucattii tee ilma kiyyatti naa heerumsiis› jedhee gara birbirsa Libaanosii erge; bineensi Libaanosii dhufee qummuudduu san irra ejjannaan duute.
19
Atillee ani worra Edoomiyaasii mooyadheera jettee boona'aarta, ati mootii biyya Yihuuda'aa woliin wondhaansa bayu'uuf maaf rakkoo irra uf buufta? nagayaan mana kee taa'i»
20
Ameesiyaas garuu gorsa Iyyoo'aasii womattuu hin laakkofne; sababaan kun ta'eef Ameesiyaas waaqa tolfamaa worra Eedoomii waan waaqeffateef; akka inni mooyatamu Rabbi waan fedheef.
21
Iyyoo'aas mootiin biyya Israa'elii lolaaf bayee inninii fi Ameesiyaas mootiin biyya Yihuuda'aa Beetisaamii biyya Yihuuda'aa keessa jirtu keessatti wol lolan.
22
Worri biyya Yihuuda'aa worra Israa'eliitiin mooyatamnaan isaan maruu gara gara faca'anii gara daasee ufii dheessan.
23
Mootiin Israa'elii Iyyoo'aas mootii biyya Yihuuda'aa Ameesiyaasii ilma Iyyoo'aasii ilma Akaaziyaasii Beetisaamisitti isa qabee gara Yerusaalemii fideenii dallawa Yerusaalemiillee Yerusaalemii jalqabee haga daangaa dhumaa haga ciqilee dhibba afurii diige.
24
Birri'ii fi worqii mana woyyuu keessa jiru, meesha'aa fi qabeenna mana woyyuu keessa jiruu fi qabeenna mana mootumma'aa keessa jiru ka fiixaan Oobeedi'eedoomii eega'aa turan maraa booji'ee qachaa Samaariya'aatitti gale.
25
Mootichi biyya Yihuuda'aa Ameesiyaas haga mootiin Israa'elii Iyyoo'aas ilmi Iyyoo'aakaazii du'e woggaa kudha shan jiraate.
26
Wonti Ameesiyaas hojjate ka jalqabaatii fi ka dhumaallee kitaaba seenaa mootota Yihuuda'aatii fi ka Israa'elii keessatti barreeffameera.
27
Ameesiyaas haga Waaqa waaqeffatuu dhiise Yerusaalemiin keessatti fincila itti kaafnaan inni gara biyya Lakisoo baqannaan nama isa faanaa erganii achitti ajjeessisiisaniin.
28
Reeffa isaa fardatti fe'anii fidanii qachaa Daawitii keessatti hulee abboota isaa itti awwaalanitti awwaalan.
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 26 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36