bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 15
2 Chronicles 15
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 16 →
1
Hafuurri Rabbii Azaariyaasii ilma Oodeedii irratti bu'e.
2
Azaariyaas mooticha Aasaa bira dhaqee «Aasaa mooticha! na dhagayi! isinillee banii Yihuuda'aatii fi banii Biiniyaamii na dhagayaa'a! isin yoo Rabbiin woliin jiraattan Rabbillee isin woliin jiraata; yoo isa barbaaddan isa argattan; yoo isa dhiiftan garuu innillee isin dhiisa.
3
Baniin Israa'elii bara hedduuf Waaqa dhuga'aa uduu hin qabaatin seeraa fi gadicha isaan barsiisullee uduu hin qabaatin jiraata'aa turan.
4
Hennaa rakkatan deebi'anii gara Rabbii Waaqa Israa'elii deebi'anii isa barbaannaan isa argatan.
5
Bara san namni bayee galu maruu nagaya hin qabu; biyya maraa irrattuu sodaa gudda'atu ture.
6
Rabbi waan rakkinna maraan isaan hucuuca'aa tureef firri fira woliin, qachaanillee qachaa woliin wol lola'aa turan.
7
Isin garuu jabaadhaa'a; hin dadhabinaa'a; hujii mishaa hojjattan maraafuu gatii argattanii» isaaniin jedhe.
8
Aasaan dubbii kanaaf raaga raatticha Oodeedii ilma Azaariyaasii haga dhagaye hin jabaate; biyya Biiniyaamiitii fi biyya Yihuuda'aa maraa keessaa, qachoota ufii qabate ka Efreemii biyya gaaraa keessaallee waan jibbamaa maraa balleessee hulee ciinca'aa ka Rabbii ka mana Rabbii afoo jiru haarawoomse.
9
Rabbi Waandhi isaa akka isa woliin jiru haga argan banii Israa'elii keessaa namoonni isatti dhiyaatanii waan turaniif worra isatti dhufee isa woliin jiru ka biyya Yihuuda'aa, ka biyya Biiniyaamii, ka biyya Efreemii, ka biyya Minaase'eetii fi ka biyya Simoonii wolitti qabe.
10
Isaan maruu mootichi Aasaan mooyee woggaa kudha shaneesso'oo ji'a sadeesso'oo keessa Yerusaalemitti wol gayan.
11
Boojuu guyyaa san booji'an keessaa gaaf san sangoota dhibba torbaa fi hoolota kuma torbaa Rabbiif ciincessan.
12
Rabbii Waaqa abboota isaanii onnee ufii guutu'uu fi garaa ufii guutu'uun isa waaqeffatu'uuf waadaa galan.
13
Namni Rabbii Waaqa Israa'elii hin waaqeffanne nama guddaa ta'ee'e nama diqqaa'a, dhiira ta'ee'e intala akka ajjeefaman kakatan.
14
Waadaa galan san eeguu ufii mirkaneessu'uuf laagaa ufii ol qabatanii maqaa Rabbiitiin kakatan; achiin maayessa xurumba'aa fi meeshaa laagaa guddaa dhageessisu ka faaru'uu afuufa'aa ililfata'aa gammachuu ufii ibsan.
15
Namoonni biyya Yihuuda'aa maruu onnee ufii guutu'uun waadaa galuu ufiititti waan guddisanii gammadaniif Rabbiin barbaadan; Rabbillee isaan woliin ta'ee naannoo isaanii maraa nagaya godhe.
16
Mootichi Aasaan akkawoon isaa waan waaqa tolfamaa hulee itti waaqeffatan jalatti hojjatteef hulee ulfinnaatii isii buusee waaqa tolfamaa isi'ii san caccabsee laga Qeediroonii biratti gube.
17
Hulee itti sagadan ka gaara irraa garuu hin balleessine; Aasaan bara jireenna ufii maraa nama mishaa ture.
18
Meeshaa adda addaa, birri'ii fi worqii inninii fi ka abbaan isaa woyyoomse sanillee gara mana woyyuu Rabbii ol galche.
19
Bara Aasaan mooye haga woggaa soddomii shaneesso'ootitti sirima lolli hin jiru ture.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36