bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 21
2 Chronicles 21
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 22 →
1
Iyyoosaafixi du'ee qachaa Daawitii keessa hulee abboonni isaa itti awwaalamanitti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Iyyooraamitu mooye.
2
Iyyooraam ilmi Iyyoosaafixii mootiin biyya Yihuuda'aa obboleewwan jaha qaba ture; isaanillee Azaariyaas, Yihi'eel, Zakkaariyaas, Azaariyaas, Mikaa'elii fi Safaaxiyaasiin fa'a; kunniin maruu ijoollee Iyyoosaafixii mootii biyya Yihuuda'aati.
3
Abbaan isaanii ijoollee ufiitiif kennaa hedduu birri'ii fi worqii, mi'a gatiin isaa gudda'aatii fi qachoota biyya Yihuuda'aa keessatti ijaaramte isaanii kenne; baallii ufii garuu Iyyooraam ilma isaa ka hangafaa waan ta'eef Iyyooraamii kenne;
4
Iyyooraam haga mootummaa ufii jabeeffate obboleewwan ufiitii fi abboota murti'ii ka biyya Israa'eliillee guraade'een fixe.
5
Iyyooraam hennaa moowu nama woggaa soddomii lamaa ture; inni Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa saddeeti bulche.
6
Inni dubartoota Aki'aabii keessaa intala takka fuudhee fakkeenna mootii Aki'aabiitii fi fakkeenna badaa mootota Israa'elii ka biraallee hordofee Rabbiin afo'otti cubbuu hojjate.
7
Rabbi garuu mootummaa Daawitii balleessuu hin barbaanne; wonti kun ta'eef Rabbi waan armaan dura Daawitii waadaa galeef fiixaan Daawitiillee uduu adda hin cinne akka mooyan Rabbi waan abdii isaa kennee tureef.
8
Bara Iyyooraam mootii ta'eeru keessa Eedoom biyya Yihuuda'aa diddee fottoxxee mootummaa ufii dhaabatte.
9
Sababaa kanaaf Iyyooraam ajajoota loltoota ufiitii fi worra gaarii fardaa yaabbatanii lolan qabatee Eedoomitti duule; achitti loltoota Eedoomii marsanii dhayan.
10
Mootichi Iyyooraam Rabbii Waaqa abboota ufii ka durii waan dhiiseef hennaa san irraa jalqabee Eedoom biyya Yihuuda'aa irraa gara gara baatee mootummaa ufii dhaabattee haga adhaatitti akka diinaatitti wol laalan; hennama san qachaan Libina'aallee biyya Yihuuda'aatitti kaate.
11
Inni deebi'ee gaara Yihuuda'aa irratti hulee waandhi tolfamaan itti waaqeffamu hojjate; worra Yerusaalemiin keessa jiran akka achitti sagadan taasisee banii Yihuuda'aallee dogoggorse.
12
Kanaan maayessa raattichi Eeliyaas xalayaa «Rabbi Waandhi Daawitii abbaa keetii, ‹Ati karaa abbaa keetii karaa Iyyoosaafixiitii fi karaa Aasaa mootii biyya Yihuuda'aatiin waan hin deemneef,
13
ati garuu karaa mootota biyya Israa'eliitiin waan deemteef, akkuma mootiin Aki'aabi godhe worra Yihuuda'aatii fi worra biyya Yerusaalemii keessa jiraatan akka waaqa tolfamaa waaqeffatan taasiftee obboleewwan tee ta sirra woyyaa ta'an waan ajjeefteef,
14
Rabbi banii keetii fi ijoollee tee, haawwota manaa teetii fi waan ati qabdu maraa balaa gudda'aan dhaya.
15
Atillee dhukkuba guddaa madhumaaniitiin qabamtee haga madhumaan kee si keessaa bawuutitti dhibee badaa kanaan rakkatta› siin jedha» jedhee ergeef.
16
Worra Itoophiya'aa ka galaana biratti quphatanii jiraatan bira worri Filisxeemiitii fi worri biyya Arabaa jiraata'aa turan; Rabbi isaan akka mooticha Iyyooraamiin lolan taasise.
17
Isaanillee biyya Yihuuda'aatitti duulanii mana mootumma'aa maraa diiganii saaman; meeshaa mooti'ii ka mana mootumma'aa keessa jiru saamanii mucaa maandha'aa Akaazii ilma Iyyooraamii malee haawwota manaa mooti'iitii fi ijoollee maraa booji'an.
18
Kanaan maayessa Rabbi dhibee inni hin fayyineen madhumaan isaa dhaye;
19
dhibeen isaa haga wogga lamaa waan itti jabaata'aa deemeef madhumaan isaa keessaa bayee akka malee dhibamee du'e; baniin akka tanaan dura seera abboota ufiitiif godha'aa turan san ulfinna isaatiif ibidda hin bobeessine.
20
Iyyooraam hennaa mootii ta'u nama woggaa soddomii lamaa ture; Yerusaalemiin keessa taa'ee woggaa saddeeti bulche; hennaa inni du'e eennullee hin gaddineef; qachaa Daawitii keessatti isa awwaalan malee awwaala moototaa biratti isa hin awwaalle.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 22 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36