bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 22
2 Chronicles 22
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 23 →
1
Worri Yerusaalemiin keessa jiraatan Akaaziyaasii mucaa maandha'aa bikka Iyyooraamii moosisan; worri biyya Arabaatii fi worri isaan woliin jiran hangafoota isaa waan fixanii turaniif Akaaziyaasii ilma Iyyooraamii moosisan.
2
Akaaziyaas hennaa moowu nama woggaa diddamii lamaa ture; Yerusaalemitti woggaa tokko bulche; haati isaa Gotoliyaan mucattii Zambariiti.
3
Haati isaa waan waan hamaa isa gorsituuf innillee akkuma maatii Aki'aabii hammeenna hojjate.
4
Haga abbaan isaa du'een maayessa hammeennuma maatiin Aki'aabii hojjate san hojjate, worri isa gorsu sunniin haga badanitti isa gorsa'aa turan.
5
Innillee gorsa isaanii hordofee Iyyooraamii ilma Aki'aabii mootii Israa'elii woliin mootii biyya Sooriya'aa Azaaheliin Reemaatii biyya Gala'aadii keessa jirtu keessatti lolu'uuf dhaqee worri biyya Sooriya'aa isa madeessan.
6
Inni hennaa mootii biyya Sooriya'aatiin Reemaatii biyya Gala'aadiititti wol lole madaa worri biyya Sooriya'aa isa madeessan san yaalamu'uuf gara Yisiraa'elii dhaqe; Iyyooraam waan madaan sun guddisee isa dhukkubuuf mootiin biyya Yihuuda'aa Iyyooraamiin gaafachu'uuf isa bira dhaqe.
7
Wonti Akaaziyaas Iyyooraamiin gaafachu'uuf deemeef Rabbi akka Akaaziyaas isa laalu'uuf dhufuu isaatiin akka Akaaziyaas badu waan barbaadeef; hennaa Akaaziyaas Iyyooraamiin bira jiru isaan lachuu Iyyuu ilma Naameesii ka Rabbi mootummaa Aki'aabii balleessu'uuf filate simachu'uuf bayan.
8
Iyyuun hennaa mana mooticha Aki'aabii irratti murtii Rabbi kenne san raawwata'aa jiru, abboonni murti'ii ta biyya Yihuuda'aatii fi obboleewwan Akaaziyaasii ta Akaaziyaasiin gargaara'aa turan maraa argee ajjeese.
9
Akaaziyaasiinillee soqanii Samaariyaa keessatti isa arganii Iyyuu bira fidanii isa ajjeesan; akaakayyuun isaa garuu Iyyoosaafixi qajeellumma'aan waan Rabbiif hojjata'aa tureef kabajjaa isaatiif jedhanii reeffa isaa awwaalan; fiixaa Akaaziyaasii keessaa namni mootii ta'u tokkollee hin hafne.
10
Gotoliyaan haati Akaaziyaasii akka ilmi isi'ii du'e haga argite kaatee fiixaa mootota Yihuuda'aa maraa fixxe.
11
Yoosaabeeti mucattiin mootichaa garuu ijoollee mooticha Akaaziyaasii keessaa Iyyoo'aasiin fuutee dhossite; isaa fi ta isa guddiftullee golatti dhossite; akka kanatti isiin Iyyoo'aasiin dhossitee Gotoliyaa harkatti akka hin duune goote.
12
Bara mootittiin Gotoliyaan bulchite, Iyyoo'aas mana woyyuu keessatti haga woggaa jahaa guutuu dhokatee jiraate.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36