bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Chronicles 23
2 Chronicles 23
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 24 →
1
Woggaa torbeesso'ootitti gadichi Yoodaaheen ajajoota loltoota dhibbaa Azaariyaasii ilma Yirohaamii, Yismaa'elii ilma Yihohanaanii, Azaariyaasii ilma Oobeedii, Maaseyaa ilma Adaaya'aa, Elishaafaaxii ilma Zikirii woliin waadaa galan.
2
Isaan biyya Yihuuda'aa maraa naannayanii qachoota biyya Yihuuda'aa maraa keessaa worra Leewwotaatii fi bulchoota gosa Israa'elii maraa wolitti qabanii gara Yerusaalemii dhufan.
3
Gumiin maruu mana woyyuu Rabbii keessatti mooticha woliin waadaa galan; gadichi Yoodaaheen bani'iin «Rabbi akkuma waan ijoollee Daawitii dubbatetti ilmi mootichaa hin mooya.
4
Wonti isin gootan gadootaa fi worra Leewwotaa ka guyyaa sambataa mana woyyuu keessatti hojjatan keessaa harka sadihii keessaa harki tokko seensa balbala mana woyyu'uu haa eeganii.
5
Harka sadihii keessaa harki tokko mana mooti'ii haa eeganii, harka sadihii keessaa harki tokko hulee «Karaa hundee manichaa» jedhamu haa eeganii, baniin maruu hulee itti gad bayan ka mana woyyu'uu haa taa'anii.
6
Worra gadootaatii fi worra Leewwotaa malee namni tokkollee mana woyyuu Rabbii keessa akka hin seenne; isaan waan woyyoota ta'aniif mana woyyuu Rabbii keessa haa seenanii, baniin maruu seera Rabbii haa eeganii.
7
Worri Leewwotaa meeshaa lolaa qabatanii mooticha haa marsanii, namni mana woyyuu Rabbii keessa seenu haa ajjeefamuu, mootichi hennaa manaa bawuu fi hennaa galu isa biraa hin dhabaminaa'a» jedhe.
8
Worri Leewwotaatii fi worri Yihuuda'aa maruu waan Yoodaaheen gadichi isaan ajaje maraa raawwatan; Yoodaaheen gadichi worra Leewwotaa ka guyyaa Sambataa hujii ufii fixatanii hara baafatuu isaan barbaachisu hin geegessine; kanaafuu worri hujii eeddo'ootitti bobba'anii eeganii fi worri guyyaa san hin eennellee achuma waan jiraniif ajajoonni loltootaa namoota isaan gargaaran qaban.
9
Yoodaaheen gadichi wonte'ee fi woraana mooticha Daawitii ka mana Rabbii keessa jiru gugurda'aa fi didiqqaa fuudhee ajajoota loltoota dhibbaatiif kenne.
10
Yoodaaheen baniin maruu woraana harkatti qabatanii akka naannaya'aa mana mootichaa marsanii bita'aa fi mirgaan hulee ciinca'aatii fi ladda manaatiin dhaabatan godhe.
11
Kanaan maayessa Yoodaaheenii fi ilmaan isaa Iyyoo'aasiin gad baasanii mataa isaa irra kallacha ulfinnaa kaayan; seera ittiin bulmaata mootichaatiif ta'u barreeffama fuula tokko itti kennan; akkaataa kanaan Yoodaaheen gadichinii fi ijoolleen isaa Iyyoo'aasiin muudanii moosisan; baniin maruu laagaa ufii ol qabatanii «Mootichi bara dheeraa haa jiraatu!» jedha'aa gammachu'uun dubbatan.
12
Gotoliyaan worra fiiganii fi worra mooticha galatoonfatan haga laagaa bani'ii dhageette gara baniin jiru gara mana woyyuu Rabbii dhufte.
13
Mootichi utubaa seensa balbalaa bira ajajoota loltootaa fi worra ergaman woliin ka dhaabateeru argite; baniin biyyaa maruu gammadanii xurumbaa afuufa'aa turan; worri faarfattootaallee meeshaa faaru'uutiin faaruu galataa faarfata'aa turan; Gotoliyaan garuu aartee uffata ufii tarsaaftee «kun fincila! kun fincila!» jedha'aa iyyite.
14
Yoodaaheen gadichi akka isiin mana woyyuu keessatti duutu hin barbaanne; kanaafuu worra loltoota irratti muudaman ajajoota loltoota dhibbaatiin, «Gara waardiyyoota bita'aa fi mirgaan hiriiranii gad isii baasaa'a; namni du'a isii oolchu'uuf yaalu haa ajjeefamuu» jedhee ajaje.
15
Worri ajanyi itti kenname isii qabanii gara mana mootumma'aa fidanii «Hulee balbala seensa farado'oo» jedhamee waamamu biratti isii ajjeesan.
16
Yoodaaheen gadichi, mootichi Iyyoo'aasii fi baniin maruu banii Rabbii ta'anii akka woyyumma'aan jiraatan waadaa seensise.
17
Kanaan maayessa baniin maruu gara mana waaqa tolfamaa Ba'aalii dhaqanii diiganii hulee ciinca'aatii fi fakii maraa bulleessan; Maataanii gadicha waaqa tolfamaa Ba'aalii hulee ciinca'aa afo'otti ajjeesan.
18
Yoodaaheen akkuma seera Muuse'ee irratti barreeffame akka ajaja Daawitiititti gammachu'uu fi faaruu faarfata'aa ciincaa ciincawu Rabbiif akka dhiyeessaniif worra gadootaatii fi worra Leewwotaa ka Daawiti mana woyyuu Rabbii keessa qooda huji'ii isaanii kenne hujii mana woyyu'uu irratti isaan muude.
19
Namni waan maraanuu hin woyyoomne gara mana woyyuu Rabbii akka hin seenne worra balbala mana woyyuu Rabbii eegu kaaye.
20
Ajajoota loltoota dhibbaa, manguddoota biyyaa ka ulfinna qaban, bulchoota bani'iitii fi banii biyya maraa Yoodaahee woliin mana woyyu'uu jalqabee haga mana mootumma'aatitti mooticha marsanii woliin deemanii seensa balbala guddaa ol aanu ka mana mootumma'aatiin seenan; mootichi garuu teessoo mootummaa ufii irra taa'e.
21
Baniin maruu guddisanii gammadan; Gotoliyaan waan ajjeefamteef qachattiin nagaya taate.
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 24 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36