bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Isaiah 14
Isaiah 14
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 15 →
1
Rabbi Yaaqoobii garaa laafa; Israa'eliin deebi'ee filata; biyya isaanii keessa isaan jiraachisa; worri isaanitti gale isaan woliin jiratan; mana Yaaqoobiitiin wol ta'an.
2
Worra Yihuudii hin taanetu isaan fudhata; gara hulee isaaniititti isaan deebisan; manni Israa'elii worra Yihuudii hin taane ristii ufii godhatan; Ardii Rabbii irratti ijoollee intalaatii fi ta dhiiraa garboonfatanii bulchan.
3
Gaafa Rabbi rakkoo kee irraa; hucuucca'aa fi garbummaa cimaa jalaa hara si baafachiise;
4
Mootii Baabilooniititti baldita; akkana jetta; cunqursaan attamitti dhumate! gabbarsiisuun isaa hoo attamitti raawwatame!
5
Rabbi bokkuu hammeeyyi'ii; ulee mootummaa isaaniillee cabseera.
6
Ka banii dheekkamsa addaan hin cinneen dhaye; ka gara laafinna malee ari'a'aa tume cabseera.
7
Ardiin maruu nagaya fi hara baafannaa argatteerti; faaruu gammachu'uu dhageessifti.
8
Hindheessinii fi birbirsi Libaanosiituu gammadaniiran; «atillee hin kufte; ka muka murullee dhagaraa ol nutti hin fudhanne» jedhan.
9
Hennaa dhufte asaabni si simacu'uuf qophoofteerti; akka si simataniif worra hafuura ekera'aa waamu; worra adunyaa bulcha'aa turan maraa dammassiteerti; mootota banii irratti mooyan; teessoo isaanii irraa buufteerti.
10
Isaan maruu sii deebisan; akkana siin jedhan; ‹Atillee akkuma keenna dadhabde; akkuma keenna taate»
11
Ulfinni kee kiraara sagalee guddaa dhageessisu woliin; gara asaabaa bu'e; xiinxanaan si jalatti afameera; raammoollee irraan dhayatta.
12
Ati ilma ganamaa; bakkalcha bari'ii; attamitti samii irraa kufte! ati ka dura mootota salphifte; attamitti gara lafaa gad darbamte!
13
Garaa kee keessatti akkana jette; «Gara sami'ii ol baya; teessoo kiyya urjiiwwan Rabbiitii ol taasifadha; gaara irratti wol gayan; gubbaa gaara woyyoomee irratti; teessoo kiyya irra taa'a.
14
Duumessaa olitti ol baya; akka ka maraa olii uf godha.
15
Garuu gara asaabaa; gara boolla gad fago'oo buuteerta.
16
Worri si argu guuttatanii si laala'aa; maalalfata'aa waan kee akkana jedhan; «Ka ardii raase sun; ka mootota hollachiise nama kanaa?
17
Ka adunyaa gammoojjii godhe; ka qachoota diige; worra booji'ame ka akka gara biyya ufii hin deemne dhoogge kanaa?
18
Mootonni bani'ii maruu ulfinnaan du'aan deeman; awwaala ufii keessatti hara baafataniiran.
19
Ati garuu uduu hin awwaalamnin akka baala mukaa ka irra deemanii taatee gatamteerta; reeffi kee reeffa namoota woraanaan dhumateen uwwifameera; reeffuma isaanii woliin boolla dhaga'aa keessatti gatamee irra deemameera.
20
Isaan woliin awwaala keessa hin teettu; lafa kee waan balleessiteef; banii keellee fixxeerta. fiixaan worra hammeenna hojjatuu sirima hin qaabatamu.
21
Ka'anii akka lafa hin dhaalle; adunyaa akka qachoota isaaniitiin hin guunne; waan cubbuu abboota ufiitiif; hulee ijoolleen isaanii ta dhiiraa itti qalaman qopheessan.
22
«Isaanitti ka'a» jedha Rabbi Gooftaan banii maraa; «maqaa isi'iitii fi hafteewwan isi'ii; sanyi'ii fi dhaloota isi'ii; Baabilooniin keessaa kuta» jedha Rabbi.
23
«Hulee dhaddeen keessa jiraattu; lafa leepho'oo isii taasisa; haxaawwii badi'iitiin isii haxaaya» jedha Rabbi Gooftaan banii maraa.
24
Rabbi Gooftaan banii maraa akkana jedhee kakateera; «Akkuma karoorse dhugamaan akkasuma ta'a; akkuma yaade ta'a.
25
Asooriin lafa tiyya irratti bulleessa; gaara kiyya irratti irra deema; qabmarri banii kiyya irraa ka'a; ba'aan gurmuu isaanii irraa hin bu'a.
26
Karoorri ardii maraaf yaadame kana; harki banii maraaf qophaaye kanuma;
27
Rabbi Gooftaan banii maraa akkana yaadeera; eentu isa dhoogga? harki isaa hiixatamteertii? eentu deebisa ree?
28
Woggaa mootichi Akaaz du'etti dubbiin akkana jedhu dhufe;
29
Isin worra Filisxeemii! uleen isin dhoofte waan cabdeef isin maruu hin gammadinaa'a; bofa jalaan buutiin waan baatuuf; daraaraan isi'ii bofa hadha'aa fixiramaa ta'aa.
30
Worri hiyyeessa caalaa hiyyoomellee hulee itti bobba'an argatan; worri rakkatellee bashannananii rafan; hidda kee garuu beelaan ajjeesa; haftee teellee hin fixa.
31
Yaa balbala! bade jedhi; yaa qachaa'a; iyyi Worra Filisxeemii isin maruu naasu'uun baqaa'a aarri kaabaa gara kee dhufeera; ka hiriira keessaa bayee hafu waan hin jirreef.
32
Worra dhaamsaan banii san keessaa dhufanii deebii maal kennaniif? deebiin «Rabbi Tsiyooniin hundeesseera; baniin rakkinni irra gayellee isii keessatti irkoo argateera» ka jedhu.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66