bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Isaiah 36
Isaiah 36
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 35
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 37 →
1
Bara mootichi Hisqiyaas biyya Yihuuda'aa irratti mooye woggaa kudha arfeesso'ootitti mootiin Asoorii Sanaakireem lolee qachoota Yihuuda'aa ka dallaya dhaga'aa qaban qabate.
2
Achiin maayessa mootichi Asoorii akka mootichi Hisqiyaas harka kennatu akka isa gaafatan ajajaa loltootaa loltoota baay'ee woliin Laakishii gara Yerusaalemii erge; inni deemee gara haroo ol aantuutiin karaa bisaan boyii keessa yaa'u hulee uffata itti miicatan bira dhaabate.
3
Hennaa san ajajaan manaa Eeliyaaqeem ilmi Kelqiyaasii barreessaan Saaminaas, galmeessaan seena'aa Yoo'aas ilmi Asaafii gara isaa dhaqan.
4
Raafaasiqiis akkana isaaniin jedhe «Hisqiyaasitti akkana jedha'aa himaa'a; mootiin guddaan Asoorii akkana jedha, ‹Wonti ati hedattu kun maali'i?
5
Dubbiin duwwaan mala lolaatiif hunna naa ta'a jettee yaaddaa? ati sirimaa eennuun hedattee natti kaate? maal laataa ati biyyi Misirii na gargaarti jettee hedatteerta ta'a; garuu isii hedachuun akka nama ulee leemmaniititti irkatee akka ta'e beeki.
6
Biyyi Misirii akka ulee leemmanii caccabaa ka yoo itti irkatan baqaqee harka nama woraanuu malee womaa hin fayyanneeti; hireen nama mootii biyya Misirii hedatuullee akkanuma.› »
7
Ammallee bulchaan mootota biyya Asoorii «‹Ani Rabbii Waaqa Israa'elii abdadha› jetta ta'a, eeganaa baniin biyya Yihuuda'aatii fi baniin biyya Yerusaalemii hulee ciinca'aa tokkicha kana akka waaqeffatan godhan ka feetee hulee ciincaa Rabbii itti godhanii Rabbiin itti waaqeffatan diige Hisqiyaas si'ii mii!
8
Ati eeganaa mootii gooftaa kiyya! biyya Asooriitiin wol morki; yoo ka namoota farda yaabbachuu danda'an argattu ta'e, ani faradoo kuma lamaa sii kenna.
9
Faradoo keetii fi konkolaataa fardaa kee ka lolaa hedattee biyya Misirii waan mooyattu seetu, nama diqqaa garboota gooftaa kiyyaa keessaa nama tokkollee attamitti mormitee isa afoo dhaabachuu dandeetta?
10
Ani amma dhugamaan ajaja Rabbii malee biyya kana balleessu'uuf bayee? Rabbi biyya tana dhaqii balleessi naan jedhe.
11
Eeliyaaqeem, Saaminaas, Yoo'aasii fi Raafiis nu afaan biyya Sooriya'aa hin dhageennaa nu garboota teetitti dubbadhu malee afaan banii Ibrootaa ka dallaya dhaga'aa irra taa'aniiraniitiin nutti hin dubbatin» jedhaniin.
12
Bulchaan worra biyya Asoorii «Mootiin biyya Asoorii gooftaan kiyya, waan kana maraa isinii fi mootii keessan calla'atti akka dubbadhu waan na erge seetanii? sirimaa akkasii miti, banii akkuma keessan udaan ufii nyaatanii fi fincaan ufii dhuganitti laagaa kiyya ol qabadhee baniin dallaya irra jiran maruu akka dhagayaniif dubbadha» jedhe.
13
Kanaafuu Raafqiis dhaabatee laagaa ufii ol qabatee afaan worra Ibrootaatiin «Dubbii mooticha guddaa biyya Asoorii dhagayaa'a!
14
Mootichi akkana jedha, «Hisqiyaas waan isin hambisuu hin dandeenneef isaan hin sobaminaa'a.
15
Dubbii inni ‹Rabbiin abdadha; inni nu oolcha qachattiin teenna akka loltoota biyya Asoorii jala hin taane nu irraa dhoogga» jedha'aa isin sobu hin dhagayinaa'a.
16
Isin waan Hisqiyaas isiniin jedhu hin dhagayinaa'a, mootichi biyya Asoorii gara kiyya kootta'aa naan wol ta'aa'a; yoo kana gootan isin maruu hurbuu muka woyini'ii keessaniitii fi daraaraa muka hurbu'uu keessan nyaattan, bisaan boolla keessaniillee hin dhuddan.
17
Wonti kun ka ta'u haga mootiin keessan gara biyya teessan fakkaattuu isin fidee hara isin baafachiisuuf, biyya san keessa muka woyini'ii ka daadhiin woyini'ii irraa hojjatamuu fi lafa qonnaa badhaa midhaan buddeenaa irraa argamutu jira.
18
Kanaafuu Hisqiyaas Rabbi isin hambisa jedha'aa isin dogoggorsa'aa akka isin hin sobne, amma dhugamaan waaqolee tolfamaa banii maraa keessaa tokkollee ka mootii biyya Asoorii jalaa biyya ufii hambisuu danda'e jiraa?
19
Eeganaa yoo akkana ta'e, waaqoleen tolfamaan Haamaatiitii fi Arfaadii eessa jiran? waaqoleen tolfamaan safarwaayimii eessa gayan? dhugamaan isaan keessaa biyya Samaariya'aa na harkaa baasuu danda'e jiraa?
20
Waaqoleen tolfamaan biyya kanniin maraatuu hennaan isaan biyya ufii harka kiyyaa hambisuu danda'an jiraa? Eeganaa isin maaf Rabbi Yerusaalemiin hin oolcha jedha'aa yaaddan» jedhee laagaa ol qabatee dubbate.
21
Baniin garuu akkuma mootichi Hisqiyaas isaan ajajetti womaa dubbachuu didanii cadhisan.
22
Achiin maayessa ajajaan mana mootichaa Eeliyaaqeem ilmi Kelqiya'aa, barreessaan Saamnaasii fi galmeessaan seena'aa Yoo'aasii ilma Asaafii gaddanii uffata ufii tarsaasanii gara mooticha Hisqiyaasii dhaqanii waan bulchaan biyya Asoorii dubbate maraa itti himan.
← Chapter 35
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 37 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66