bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Isaiah 51
Isaiah 51
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 50
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 52 →
1
Rabbi akkana jedha, «Worri anaa fi balchummaa soxxan na dhagayaa'a; gara dhagaa irraa argamtaniitii fi gara boolla keessaa baatanii laalaa'a.
2
Gara Abrahaamii abbaa keessaniitii fi gara Saaraa isin deettee laalaa'a; ani hennaa Abrahaamiin waamu inni ilma hin qabu ture; ani garuu isa eebbisee; fiixaa isaa baay'ise.
3
«Ani Rabbi Tsiyooniin hin jajjabeessa; lafa isi'ii ta ona taate akka lafa jeennataa, lafa isi'ii ta gammoojji'ii akka laliftu taasisa; isii keessa qanani'ii fi gammachu'utu jira; laagaan faaruu galataallee isii keessaa dhagayama.
4
«Banii kiyya! dhagayaa'a! waan ani isiniin jedhu caqasaa'a; seerri na biraa baya; murtiin kiyyallee banii maraafuu ifa ta'a.
5
Ani daddafee dhufee isaan oolcha; hennaan ani dimmaa mooyadhu hin dhufa; hunna kiyyaan banii maraa bulcha; baniin biyya galaanaan marfamte keessa jiraatan abdi'iin na eeggatan; hunna kiyyallee hin hedatan.
6
Ol jedha'aa gara samiiwwanii, gad jedha'aa ardiillee laalaa'a; samiiwwan akka aaraatitti bittinnaayanii badan; ardiin akka uffataatitti moofti; worri isii irra jiraatu maruu akka tiisisaatitti du'an; ani garuu baraa haga bara baraa fayyisa; balchummaan kiyya dhuma hin qabu.
7
Isin worri waan sirrii ta'e beettanii fi namoonni seerri kiyya onnee keessan keessa jiru na dhagayaa'a; dhaadhessaa namootaa hin sodaatinaa'a; arraba isaaniitiifillee hin nayinaa'a.
8
Isaan akka uffata rimmi nyaateetii fi akka woyaa fuutta'aa ka raammoon nyaatuu ta'an; ani garuu baraa haga bara baraa oolcha; oolchuun kiyya dhalootaa gara dhalootaa lufa»
9
Yaa Rabbi! ka'ii hunna kee mudhisi! akkuma dur dhaloota bara sanii keessatti goote ka'i; jawwee galaana keessaa ka Ra'aab jedhamu ka kukkutee butuche si'i.
10
Worri ati oolchite akka ceeyaniif bisaan galaanaatii fi xiillaa gossee ka karaa isaanii baase si'i.
11
Kanaafuu Rabbi worri ati oolchite faarfata'aa gara Yerusaalemii dacha'an; baraa haga bara baraa gammadan; usheexxanii gammada'aa jiraatan; gaddaa fi booyichi isaan irra hin jiru.
12
Rabbi akkana jedha, «ka isin jajjabeessu ana; eeganaa nama akka margaa quuruu fi du'u maaf sodaattan?
13
Rabbii uumaa keessan ka samiiwwan diriirsee fi ka ardiillee badhise irraanfattaniirtan; sababaa worra isin miidhuu fi isin balleessuutiif sodaata'aa jiraattan; worri isiniin lolu meeti?
14
Worri mana hidha'aa keessa jiran nyaata dhabanii du'anii hin awwaalaman; mana hidha'aa keessaa daddafanii bayan.
15
«Ani Rabbi Waandhi keessan akka dambalii huursuutitti galaana sochoosa; maqaan kiyya Waaqa banii maraati.
16
Dubbii kiyya arraba kee irra kaaya; gaaddisa harka kiyyaa jalatti si golga; ka samiiwwaan badhise; ka ardiillee diriirse ana; Tsiyooniin ‹Ati banii kiyya› jedha.
17
Ati Yerusaalem ta Rabbiin harkaa mijuu lola Rabbii kobbee guddaa ka nama gatantarsu keessaa dhuddee coongifte dammaqi; ka'ii dhaabadhu!
18
Ka si masakku sirima hin jiru; ijoollee ufii deettee fi ta guddifatte maraa keessaallee harka kee qabee ka si masakku hin argamne.
19
Badiinii fi diiggamuun, lolaa fi beelli kunniin lamaanuu si irra gayeera; eentu si woliin gadda? eentu si jajjabeessa?
20
Ijoolleen tee akkuma borofa siiboon qabee, karama marattuu gatantaranii kufaniiran; lollinii fi adabbiin Rabbii Waaqa keetii isaan irratti bu'eera.
21
Kanaafuu isin worri daadhii woyini'ii uduu hin taane rakkinnaan machooftan waan kana dhagayaa'a.
22
Rabbi Gooftaan Waandhi keessan ka waamsa bani'ii dhagayu «mijuu rakkinnaa ka akka nama machaaye gatantarsu isin irraa kaaseera; ammaa achi ani lola kiyya gudda'aan isiniin hin lolu.
23
Ani worra mijuu rakkinnaa ka ‹gad jedhi dudda kee irra deemnaa› siin jedhanii fi namoota si rakkisaniin lola; ati akka isaan si irra deemaniif dudda kee akka lafa karaa namni irra deemuu isaanii goote.»
← Chapter 50
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 52 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66