bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Isaiah 7
Isaiah 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 8 →
1
Bara Akaaz ilmi Iyyoo'aataamii akaakayyichi Ooziya'aa Yihuudaa irratti mooye Resiin mootii Sooriya'aa ture; Pheqaan ilmi Roomeeliyu'uu mootii Israa'elii ture; isaan lachuu lolaaf gara Yerusaalemii yaa'an; garuu mooyachuu hin dandeenne.
2
Mana Daawitiitiif, «Sooriyaanii fi Efreem wolii galaniiran» oduu jedhu mootiin biyya Yihuuda'aa hennaa dhagaye, inninii fi baniin isaallee nayanii onneen isaanii akka muka bubbeen raafteetitti raafame.
3
Rabbi Isaayyaasiin akkana jedhe «Atii fi ilmi kee Sha'aaryashuub Akaaziin wol gayu'uuf karaa gara maasaa namicha uffata miicuu fiduu gara qaccee haroo gubba'aa bayaa'a;
4
akkana jedhiin «uf eegi; lash jedhi; hin sodaatin; worra akka muka ibidda keessatti gubatee aaruu ta'an kanniin Sooriya'aa fi Na'aasoon, lola ilma Roomeeliyu'uutiin hin shibbiraayin; onneen keellee hin dadhabin» jedha'aa isatti himaa'a.
5
Sooriyaa, Efreemii fi ilmi Roomeeliyu'uu si balleessu'uuf akkana jedhanii dhara si irratti mari'atan,
6
«Yihuudaa haa qabannuu; haa bittinneessinuu; isaan adda qoodannee haa bulchinuu; ilma Xabi'eelii irratti haa moosifnuu»
7
Rabbiin maraa olii garuu akkana jedha, «Mariin isaanii kun hin ta'u; sirima hin ta'u;
8
mataan Sooriya'aa Damaasqo'o, mataan Damaasqo'oo Resiiniin waan ta'eef; woggaa jahaatamii shanii keessatti baniin Efreemii hin bittinnaaya; banii ta'uun isaaniillee hin hafa.
9
Mataan Efreemii Samaariya'a; mataan Samaariya'aa ilma Roomeeliyu'uuti; eeganaa yoo amantii keessanitti jabaattanii dhaabachuu baattan sirima dhaabachuu hin dandeettan.»
10
Rabbi ammallee Akaaziin akkana jedhe,
11
«Ol samii irraa ta'ee'e gad lafa jalaa akka malkata sii kennu Rabbiin Waaqa kee kadhadhu.
12
Akaaz garuu, «Malkata naa kenni jedhee hin kadhadhu; Rabbiin hin qoru» jedhe.
13
Isaayyaasillee akkana jedhe, «Isin mana Daawitii, dhagayaa'a; obsa namaa qoruun keessan hanqatee, obsa Waaqa kiyyaa qortanii?
14
Kanaafuu Gooftaan inninuu malkata isinii kenna; kunoo durbi duudaan hin ulfoofti; ilma dhiiraa deetti; maqaa isaallee Amaanu'eel jettee itti baafti.
15
Inni umurii waan misha'aa fi waan hamaa addaan baafatu yoo gaye, dhadha'aa fi damma nyaata.
16
Biyyiti mootota lamaanii ta ati uduu daa'imni waan misha'aa fi waan hamaa hin beekin sodaatte lafa onaa taati.
17
Rabbi haga worri Yihuuda'aa worra Efreemii irraa fooyamee jalqabee rakkoo tanaan dura ta'ee hin beenne sitti, banii kee jiddu'utti, mana mootummaa abbeetiitittillee fida; kunillee mootii Asoorii sitti fida jechu'u.»
18
Hennaa san Rabbi laggiin biyya Misirii ka fagoo jiruu tiisisa; ardii Asoorii irraallee kinniisa fiiqu'uun waama.
19
Isaan maruu dhufanii dhooqa gammoojji'ii keessatti, holqa dhaga'aa keessatti, hulee qoreen itti baay'atee fi boolla bisaanii maraa keessatti quphatan.
20
«Gaafas Rabbi mullaacii laga gamaa kireeffateen jechuun mootii Asooriitiin rifeensa mata'aatii fi ka miila keessanii, akkasuma areeda keessanillee haada.
21
Bara san nama tokkoo raada takkaa fi hoolota lamatu hafaaf.
22
Sababaa baay'inna aannan isaan kennaniitiif dhadhaa nyaatan; worri biyyaa ka hafan maruu dhadha'aa fi damma nyaatan.
23
Bara san huleen woyinii kuma tokkoo itti dhaaban ka meetii kuma tokkotti bikkamu maruu qore'ee fi qummuuddu'utu itti marga.
24
Qoreenii fi sokorruun waan lafa san dhossaniif buundhe'ee fi woraana qabatanii gara lafa sanii seenan.
25
Qore'ee fi qummuudduu sodaachu'uun, gara tulloota tanaan dura qotto'oon qotanii turanii maraa ammaa achi hin deemtu; huleen sun garuu hulee horiinii fi hoolonni itti burraaqan ta'a.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66