bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Isaiah 3
Isaiah 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 4 →
1
Kunoo Gooftaan; Rabbi Gooftaan banii maraa; Yerusaalemii fi Yihuudaa irraa jajjabeennaa fi gargaarsa ufii, gargaarsa nyaataatii fi ka bisaanii maraa hin dhooggata;
2
Jannaa fi loltuu; ka murteessuu fi raatticha; ka falfala hojjatuu fi jaarsa;
3
bulchaa loltuu shantamaatii fi ka baallii qabu; gorsa'aa fi ka ogummaa harkaa qabu qaro'oo fi morticha hin buqqisa.
4
Ijoollee masakkoota isaanii taasisa; daa'imman hin bilchaannetu isaan bulcha.
5
Baniin ufumaa wol cunqursa; namni nama irratti; hiriyyaan hiriyyaa ufii irratti; ka'imni jaarsa irratti; tuffatamaan ka ulfinna qabu irratti ka'a.
6
Namni mana abbaa ufiititti; obboleewwan ufii keessaa tokko qabee; «ati waan uffata qabduuf bulchaa nuu ta'i; tuulaa waan diiggamee kana bulchi» jedhaan.
7
Inni garuu guyyaa san laagaa ufii ol qabatee, «Ani furmaata hin ta'u; mana kiyyaa uffataa fi nyaata hin qabu; masakkaa bani'ii na hin taasisinaa» jedha.
8
Yerusaalem tittimteerti; Yihuudaanillee kufuu dhiyaatteerti; dubbiinii fi wonti isaan hojjatan maruu ka Rabbiin mormu; ka argamuu ulfinna isaa salphisu.
9
Fuulli isaanii isaanitti raga; cubbuu ufii hin dhoffatan; akka Soodomii addaataa dubbatan; waan badii ufitti fidaniif isaan hobbaasi!
10
Balchoonni akka waan mishaa argatan isaanitti himi; waan daraaraa harka ufii nyaataniif.
11
Yakkamtoota isaan hobbaasi; badi'itu isaanitti dhufaa; waan hujii harka ufii argataniif.
12
Dargaggeeyyiin banii kiyya cunqursan; dubartoonni isaan bulchan; Banii kiyya! masakkoonni kee si dogoggorsaniiran; karaa kee irraa si deebisaniiran.
13
Rabbi teessoo murti'ii irra taa'eera; banii ufiititti murteessu'uuf ka'eera.
14
Rabbi bulchootaa fi manguddoota bani'ii woliin akkana jedha'aa murtee kenna; «hulee woyini'ii kiyya ka balleesse isin; wonti isin hiyyeeyyii saamtan mana keessanitti argama;
15
Banii kiyya yoo rakko'oon butuchitan; yoo hiyyeeyyii guddiftanii gaddisiiftan; maal jechuu keessan?» jedha Gooftaan; Rabbi Gooftaan banii maraa.
16
Rabbi akkana jedha, «Dubartoonni Tsiyoonii boonaniiran morma ol qabatanii; ijaan nama dhaya'aa deeman. deemsa ufii jijjiiratanii; faaya lukatti godhatan laagaa dhageessisan.
17
Kanaaf Gooftaan sammuu dubartoota Tsiyoonii irratti; dhukkuba mataa moleessu fida; Rabbi mataa isaanii duwwaa godha.
18
Guyyaa san Gooftaan faaya isaanii ka ulfinnaa isaan harkaa fuudha; Bitoo isaanii ka lukaa, faaya mata'atti godhatan, faaya mormaa ka ji'a fakkaatu,
19
worqii gurraa, laakkaa harkaa, waan fuulatti haguuggatan,
20
waan mata'atti maratan, qudhaama, shaashii, bilillee urgooftu'uu, hirboora,
21
qubeewwan qubaatii fi qubeewwan funyaanii,
22
Shinshinii bareedu, uffata keessaan uffatan, kaabbaa, qaraciitii harkatti qabatan,
23
uf argaa'a, uffata jirbii mishaa irraa hojjatame, faaya mata'aa, waan ijaan dhoffatan maraa isaan irraa fuudha.
24
Bikka urgooftu'uu, waan ajaayu; bikka hanfalaa misha'aa, haada; bikka sijjaa bareeda sirri'itti dhayamee, mataa moluu; bikka uffata bareeduu, uffata gaddaa; bikka bareeddinnaa, gadaannisa ta'a.
25
Dhiirti teessan guraade'een, loltoonni teessan woraanaan dhuman.
26
Balballan Tsiyoonii hin gaddan; akka dubartii waa dhabdee teettee boottuuti.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66