bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Isaiah 37
Isaiah 37
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 36
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 38 →
1
Mootichi Hisqiyaas haga waan kana maraa dhagaye gaddee uffata ufii biinxee uffata gaddaa uffatee gara mana woyyuu Rabbii dhaqe.
2
Inni Eeliyaaqeemii ajajaa mana mootichaa, barreessaa mana mootichaa Saamnaasii fi worra gadootaa keessaa namoonni beekkaman uffata gaddaa uffatanii gara raatticha Isaayyaasii ilma Amootsii dhaqaa'a jedhee isaan erge.
3
Dhaamsi isaan mooticha Hisqiyaasiin irraa fudhatanii Isaayyaasii raattichatti himan kana; adhi guyyaa rakkinna gudda'aa fi adabbii nama salphisuu fi nama saalfachiisutu nu irra gaya'aara, akka dubartii daya geettee ciniinsifattee dayu'uuf hunna dhabdee taaneerra.
4
Akka mootichi biyya Asoorii Rabbii jiraataa isaa arrabsu waan nama kabajjamaa baallii qabu Raafaasiqiisiin ergeef Rabbi Waandhi kee arraba kana dhagayee maal laataa isa adabuu danda'a; kanaafuu yabo'oo worra banii keenna keessaa badan Rabbi akka oolchu Rabbiin kadhadhu.
5
Isaayyaas raattichi dhaamsa mootichi Hisqiyaas itti hime dhagayee,
6
Rabbi akkana siin jedha «Arraba hojjattoonni mooticha Asoorii na arrabsan dhageettee hin sodaatin.
7
Ani akka inni oduu biyya keessaatiin raafamuu fi akka gara biyya ufii deebi'ee guraade'een du'u isa taasisa» jedhee dhaamsa deebiseef.
8
Namichi baallii qabu ka biyya Asoorii akka mootichi biyya Laakishii dhiisee gara qachatti Libinaa naannoo Laakisii jirtuu dhaqee akka lola'aaru dhagayee achi dhaqe.
9
Inni haga achi gaye akka mootichi Itoophiya'aa Trihaaq lolaaf dhufe dhagayee gara mooticha Hisqiyaasii akkana jedhee dhaamsa erge.
10
«Hisqiyaasii mootii biyya Yihuuda'aa Waandhi kee ka ati abdattu Yerusaalem mootii biyya Asooriitiin hin booji'amtu jedhee si sobu dhugaa hin seeyin.
11
Ati waan mootonni biyya Asoorii biyya maraa irratti hojjatan attamitti akka balleesse dhageetteerta; ati hoo hin haftaa?
12
Worri abboonni keenna fixan Goozaan, Kaaraan, Raafis, Beetalaasaariin banii Eedinii, waandhi tolfamaan worra Yihuudota hin taanee isaan oolcheeraa?
13
Mootonni qachoota Haamaatii, Arfaadii, Safarwaa'imii, Henaa'iitii fi Iiwwa'aa eessa jiran?
14
Mootichi Hisqiyaas xalayaa worra dhaamsa geessan irraa fuudhee mana woyyuu Rabbii keessa seenee banee dubbisee,
15
Akkana jedhee Rabbiin kadhate
16
«Ati Rabbii Waaqa Israa'elii ka Kiruubeeliin irratti teessoo kaayate si calla'a; Waandhi mootota adunyaa maraatuu sima; ka ardi'ii fi samii uumellee si'i.
17
Waandhana! akkamitti akka Sanaakireem si'ii Waaqa jiraataa arrabse laali.
18
Yaa Waandhana! nu'u akka mootonni biyya Asoorii mootota hedduu balleessanii fi akka biyya isaaniillee diigan dhageenneerra.
19
Isaan muka bocanii dhagaa baqassanii waaqolee tolfamaa isaan harka ufiitiin hojjatan duwwaa sanniin ibiddaan gubanii balleessaniiran.
20
Rabbi Waaqa keenna! akka ati callaan Waaqa taate baniin adunya'aa maruu akka beeku ati amma harka banii worra Asoorii jalaa nu hambis» jedhee kadhate.
21
Achiin maayessa Isaayyaas raattichi ilmi Amootsii gara mooticha Hisqiyaasii «Rabbi Waandhi Israa'elii kadhaa ati waan mooticha Sanaakireemii mootii biyya Asooriitiif kadhatte dhagayeera;
22
Wonti Rabbi waan isaa dubbate kana «Mucattiin Tsiyoonii ta durbaa si tuffatteerti; sitti balditeerti; Mucattiin Yerusaalemii; hennaa ati dheessitu mataa sitti sochoofatteerti;
23
Ka arrabsitee fi ka salphifte eennuun? ka laagaa kee itti ol qabatte; ka ija uf jaju'uutiin laalte eennuun? Woyyicha Israa'elii irrattii bee!
24
Karaa ergamtoota keetiitiin; jecha arrabaa heddu gooftaa kee irratti dubbatte akkana jette; baay'inna konkolaataa fardoo kiyyaatiin; dheerinna gaarranii; fiixxee gaarran Libaanosii irra bayeera; Birbirsa dhedheeraa; hindheessa filatamaa muradheera; gara hulee guddisee ol fago'oo; gara bosona guddisee bareeduu gayeera.
25
Biyya ormaatitti boolla qote; achi keessaa bisaan dhuge; burqaawwan Misirii maraa lukaan dhiitee gosse.
26
«Waan kana akka ani dur murteesse; akka bara durii karoorse hin dhageennee? amma garuu akka raawwatamu godhe; ati qachoota ijaaramte tuulaa dhaga'aa goote.
27
Hunni banii isaanii dhumateera; nayaniiran; salphataniiran; akka biqiltuuwwan raasa'aa; akka biqila hennaa bonaa akka marga mana manaan gubba'aa irratti biqilee; akka kichuu waagiin dhayee ta'eera.
28
«Ani garuu eessa akka jirtu; dhufu'uu fi deemuun kee hennaa kam akka ta'e; attamitti akka lolaan natti kaatu hin beeka.
29
Ati waan lolaan natti kaateef; uf tuuluun kee waan gurra na seeneef; funyaan keetitti funyoo; afaan keetitti lugaama godha; karama dhufte keessa akka deebitu si godha.
30
Hisqiyaasi! kun malkata sii ta'a; «Bara kana keessa ka ufiin baye; bara itti aanutti ka ufiin bayaa irraa marge nyaattan; woggaa sadeesso'ootitti garuu hin facaafattan; hin haamattan; woyinii dhaabattan; daraaraa isaallee hin nyaattan.
31
Ammallee hafteen mana Yihuuda'aa; hidda gad fageeffata; gubba'atti daraaraa daraara;
32
Hafteen Yerusaalemiin keessaa; worri hafellee gaara Tsiyoonii irraa dhufan; hinaaffaan Rabbii Gooftaa banii maraa kana godha.
33
«Kanaafuu Rabbi waan mootii Asoorii akkana jedha; «Gara qachaa tanaa hin seenan; eboon itti hin darbamu; wontee qabatee itti hin dhufu; tuulaa biyye'eetiin isii hin marsu.
34
Karama dhufeen deebi'a; gara qachaa tanaa hin seenu» jedha Rabbi.
35
Waan kiyyaaf; waan tajaajilaa kiyya Daawitiitiif; qachaa tana hin golga; isii oolchalle'e.
36
Halkanuma san maleekkaan Rabbii ganda worra Asoorii keessa lufee loltoota kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettamii shanii fixe; obboroo yoo lafaa ka'an loltoonni maruu ka dhumaniiran argan.
37
Achiin maayessa mootiin biyya Asoorii Sanaakireem uf duuba deebi'ee gara biyya Nanawwe'ee dhaqee achi jiraate.
38
Gaaf tokko uduu inni mana waaqa tolfamaa ufii ka Naasaraak jedhamu keessatti sagadu ijoolleen isaa lamaan Adraameeleekii fi Saaraasar guraade'een isa ajjeessanii gara biyya Araaraatii baqatan; ilmi isaa Asraadoon bikka isaa mooye.
← Chapter 36
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 38 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66