bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Isaiah 65
Isaiah 65
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 64
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 66 →
1
Rabbi akkana jedha, «Ani worra gargaarsa na hin gaafannetti mudhadhe, worra na hin sondheef argame; banii maqaa kiyya hin waamneen ‹ani as jira, ani as jira› jedhe.
2
Banii fedha ufii hamaa duukaa bu'a'aa worra karaa qajeelaa irra hin jiraanneef harka kiyya badhise.
3
Namoonni kunniin hulee biqiltuu itti dhaabanitti ciincaa ciincessu'uuf miya faaraa hojjatanii hennaa maraa hixaana aarsa'aa na gaddisiisan.
4
Isaan worra hulee awwaalaa jiraatan, worra hulee dhossa'aa keessa jiraatanii fi worra foon booyye'ee nyaatan; shoorbaan foonii ka battaaye meeshaa isaanii keessa jira.
5
Isaan ‹Nu'u worra woyyuu waan taaneef gara keenna hin dhiyaatinaa'a!› jedhan; wonti kunniin waan dheekkamsa kiyya guddaa akka ibidda guyyaa guutuu bobayuutitti worra bobeessan.
6
Kun maruu na biratti galmaayeera; ani dhugamaan gatii cubbuu keessaniitii fi cubbuu abboota teessanii isinii kaffalu malee hin dhiisu.
7
Rabbi akkana jedha, «Waan isaan gaarran irratti ciincaa dhiyeessanii fi waan maqaa kiyya hin kabajjineef, waan yakka isaaniitii fi waan yakka abboota isaaniitii gatii isaanii maraa isaanii kaffala.»
8
Rabbi akkana jedha, «Daadhiin woyini'ii gaalee woyini'ii irraa waan argamuuf ‹waan eebba qabduuf isiillee hin balleessinaa'a› akkuma jedhamu anillee akkasuma tajaajiltoota kiyyaaf jedhee banii maraa hin balleessu.
9
Yaaqoobiif ijoollee kenna, Yihuudaa nama lafa gaarran kiyyaa dhaalu godha; worri ani filadhe lafa san fudhatan; tajaajiltoonni tiyya achi keessa jiraatan.
10
Worra na soqatan Saarooniin, hulee isaan hoolota itti bobbaafatan; dhooqa Aakoorii garuu hulee horii itti tiffatan godha.
11
Isin worra ana Rabbiin dhiiftanii gaara kiyya woyyuu dagattanii waaqa tolfamaa ‹hiree misha'aa› jedhamuu dhiyana qopheessitan; waaqa tolfamaa ‹Milkii› jedhamuu daadhii woyini'ii xuwwe'etti buuftan.
12
Kanaafuu isin hennaa ani isin waame na jalaa awwaachuu diddanii, hennaa ani isinitti dubbadhe na caqasuu diddanii, anaaf hamaa hojjachuu waan filattaniif hireen keessan nama isin ajjeesu jalatti jilbiiffachu'uun guraade'een du'uu calla'a.
13
Kanaafuu Rabbi Gooftaan akkana jedha, «Tajaajiltoonni tiyya hin nyaatan, isin garuu hin beeloftan, isaan hin dhugan; isin garuu hin dheebottan; tajaajiltoonni tiyya hin gammadan; isin garuu hin saalfattan.
14
Tajaajiltoonni tiyya waan gara'aan gammadaniif hin faarfatan; isin garuu waan gara'aan gadditaniif hin boottan; waan keessi keessan cabeef banne banne jettan.
15
Ani Rabbi Gooftaan du'aaf dabarsee isin kenna; maqaan keessan banii ani filadhe biratti ka abaarame ta'a; tajaajiltoota tiyyaaf garuu maqaa addaa kenna.
16
Waan rakkoon duraanii irraanfatamee ija kiyya afo'oo dhokateef biyya keessatti namni eebba kadhatu ana maqaa Rabbii amanama'aatiin kadhata; biyya keessatti namni kakatullee ana maqaa Rabbii amanama'aatiin kakatan.»
17
Rabbi akkana jedha, «Ani samiiwwan haarawaa fi ardii haarawa uuma; wonti armaan dura ture maruu hin irraanfatama; hin qaabataman.
18
Ani Yerusaalemiin akka gammaddu, baniin isi'iillee akka gammadanii burraaqan waan godhuuf baraa haga bara baraa gammada'aa burraaqaa'a.
19
Ani Yerusaalemii fi banii kiyyatti hin gammada; achiin maayessa booyichaa fi laagaan badi'ii hin jiraatu.
20
Ka daa'imumma'atti du'u sirima hin jiraatu; jaarsi uduu umurii ufii hin fixanne du'u hin jiru; namni umurii woggaa dhibbaatitti du'u akka waan ka'imumma'atti du'eetitti waan laakkayamuuf namni umurii woggaa dhibbaatitti du'u akka waan nama abaarameetitti laakkayama.
21
Baniin kiyya mana ijaaratee keessa jiraata; biqiltuu woyini'iillee dhaabanii daraaraa isaa nyaatan.
22
Mana isaan ijaaratan ka biraa itti hin galu; waan isaan dhaaban maraa ormi hin nyaatu; baniin kiyya akka mukaa umurii dheeraa jiraatan; baniin ani filadhe waan itti dadhabanitti bara dheeraa gammadan.
23
Hujiin isaanii duwwaa hin ta'u; ijoolleen isaaniitii fi ijoolleen ijoollee isaanii waan Rabbi eebbiseef; isaan wonti ijoollee uumataniif akka badiin isaan irra gawuufii miti.
24
Uduu isaan na hin kadhanne ani isaanii deebisa; uduu isaan hin faateffanne isaanii dhagaya.
25
Yeyyiinii fi ilmooleen hoolotaa woliin dheedan; leenci akka sanga'aatitti buraa nyaata; bofni biyyee nyaata; isaan gaara kiyya woyyuu irratti womaa hin miidhan; womaa hin balleessan» ka waan kana dubbate ana Rabbi.
← Chapter 64
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 66 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66