bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Isaiah 42
Isaiah 42
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 41
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 43 →
1
Rabbi akkana jedha, «Tajaajilaan kiyya ka ani irkisu, ka ani filadhee fi ka ani itti gammadu kana; Hafuura kiyya isaa kenneera; inni baanii maraafuu murtii qajeelaa murteessa.
2
Inni hin wocu, laagaa ufii hin dhageessisu; laagaa ufiillee akka raasa'atti dhagayamu hin godhu.
3
Inni leemman babbaqaqellee hin cabsu; ibsaa badu'uuf ta'ullee hin dhaamsu; inni amanamumma'aan haqa hojjata.
4
Inni haga lafa irratti haqa fiduuf hin hifatu; abdiillee hin kutu; baniin biyya fagoo jiranillee barumsa isaa dhagayu'uuf hawwan.»
5
Rabbiin samiiwwan uumee qacce'ee haga qacce'ee isaan diriirse; ka ardi'ii fi waan lafa irra jiraatu maraa uume, ka bani'ii lubbu'uu fi Hafuura kenne.
6
«Ani Rabbi qajeellumma'aan si waameera; harka kee qabee si eegeera; worra kiyyaaf waadaa, worra Yihuudii hin taaneef ifa si godhee isaanii si kenneera.
7
Kanaafuu ati worra jaamee ija banta; worra mana hidha'aa boolla dukkanaayaa keessatti hidhame hin baafta.
8
«Ani Rabbi; maqaan kiyya kana; Waaqoleen biraa ka ulfinna kiyya falman hin jiran; waaqoleen tolfamaan akka galata kiyya qoodaman hin barbaadu.
9
Wonti ani armaan dura dursee dubbadhe maruu kunoo raawwatameera; amma garuu waan haarawa durana ta'u'uuf ta'u uduu hin raawwatamne firrisee dubbadha» jedha.
10
Faaruu haarawa Rabbii faarfadhaa'a! baniin adunya'aa maruu faaruu galataa dhiyeessaa'a! worri galaana keessa jiraatan maruu, worri daangaa biyyootaatii fi worri isii keessa jiraatan maruu haa galatoonfatanii!
11
Qachoonni gammoojji'ii fi lafa gammoojji'ii keessatti argaman, akkasuma gandiin baniin Qeedaarii keessa jiraatan haa gammadanii; worri qachaa Seeraa'ii keessa jiraatan maruu gammadanii haa faarfatanii; qaccee gaaraa irraallee laagaa ililfataa haa dhageessisanii.
12
Rabbiin haa kabajjanii; daangaa biyya maraatittuu galata isaa haa labsanii.
13
Rabbi akka loltuu jannaatitti baya; laagaa ufii ol qabatee lola labsa; diintota ufiillee hin mooyata.
14
Rabbi akkana jedha, «Ani hennaa dheera'aaf obse; cadhiseellee uf qabe; amma garuu akka dubartii ciniinsuun qabee ciniinsifattuutitti laagaa guddaa dhageessisa; aaree lola.
15
Gaarranii fi tullootallee hin diiga; waan isaan irratti biqile maraa hin gossa; laggiin lafa gogaa godha; haroowwanillee hin gossa.
16
Worra ijaan hin argine karaa dura isaan deemanii hin beenneen isaan masakka; karaa guddaa isaan duraan hin beenneen isaan masakka; dukkana isaan afo'otti golgame gara ifaatitti jijjiira; dhooqaa fi gooddallee wol qixxeessa; wonti kunniin maruu waan ani raawwadhu waan ta'eef hin dhiisu.
17
Worri waaqolee tolfamaa abdatanii fakii garagaraatiin ‹isin waaqolee keenna› jedhan hin mullan.
18
Isin worri gurraan hin dhageenne dhagayaa'a! isin worri ijaan hin argine guuttadha'aa laalaa'a!
19
Namni akka garbicha kiyyaa ija jaame eennu? garbicha kiyya ka ani ergadhu malee ka gurra duude eennu? jaamaan akka namicha na jalatti buluu eennu? yookaan jaamaan garbicha Rabbii fakkaatu eennu?
20
Israa'elii kiyya! waan baay'ee argiteerta; ati garuu qalbi'iin hin hubanne; gurri kee bana'a, garuu hin dhageettu.
21
Rabbi murtii ufii ka dhuga'aa jabeessu'uu fi seera ufiillee gudda'aa fi kabajjamaa godhuu jaalate.
22
Baniin garuu saamamee qabeenna isaaniillee jalaa fudhatanii goda keessatti isaanitti cufaniiran; mana hidha'aatitti hidhamaniiran; saamamanii booji'amaniiran; eennullee isaan oolchuu hin dandeenne.
23
Isin keessaa namni waan kana xiinxallee waan waan dhufu'uuf ta'uu caqasu eennu?
24
Worra Israa'elii ijoollee Yaaqoobii ka worra saamuu fi worra roorrisutti dabarsee isaan kenne eennu? ka waan kana godhe Rabbii mii? wonti kun ta'eef waan nu isa yakkinee, karaa inni barbaadu hin deemneef; waan seera isaatiifillee hin ajajamneef.
25
Kanaaf inni lola ufii sodaachisa'aa fi woraana ufii ka nama sodaachisu nutti buuse; Inni naannaya keennatti ibidda qabsiise; nu garuu waan kana maraa hin hubanne; nu gube, garuu nutti hin beessifne.
← Chapter 41
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 43 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66