bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Isaiah 58
Isaiah 58
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 57
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 59 →
1
Rabbi akkana jedha, «Uf hin qusatinii akka xurumba'aa laagaa kee ol qabadhuu iyyi! banii kiyya Israa'elitti hammeenna isaaniitii fi cubbuu isaanii himi.
2
Isaan hennaa maraa na arguu barbaadan; karaa kiyya beekuu barbaadan; isaan hennaa maraa akka waan qajeellummaa kiyya raawwataniitii fi akka banii ajaja Waaqa isaanii hin dhiifneetitti murtii qajeelaa na kadhatan; gara ana Waaqa isaanii dhiyaachu'utti gammadan.»
3
Baniin «Nu hin soomna ati garuu nu hin laaltu; yoo ati ka nu hin laalle ta'e nu maaf si afo'otti gad uf deebifna ree?» jedhan. Rabbi akkana jedha, «Isin hennaa soomtan fedha onnee keessanii raawwattan, hojjattoota keessan hin miitan.
4
Soomaan maayessa isin waan wol lola'aa gadoo taataniif garaa jabaattanii tontoommo'oon wol dhooftan; soomni waan kanniin godha'aa soomtan akka faateen teessan isinii dhagayamtu hin godhu.
5
Isin hennaa soomtan uf miitan; isin akka leemman quureetitti gad dachaatan; daaraa ufitti firfirsitanii, uffata gaddaa afattanii raftanii? soomni isin soomtan kanaa? Ani sooma akkanaatitti waan gammadu seetanii?
6
«Soomni ani itti gammadu ka isin haada sibiilaa ka cunqursa'aa kuttanii worra cunqurfaman cunqursaa jalaa akka baaftaniifii mii?
7
Nyaata keessan akka worra beelayanii qooddan, akka hiyyeessa hulee bulu hin qabne bulchitan; worra daare akka uwwiftanii fi akka fira keessan nafaan hin dinneefii mitii?
8
«Yoo waan kana gootan akka biiftuu ganamaa iftan; daddaftanii fayyitan; ka isinii murteessu isin afoo ta'a; ulfinni Rabbii duubaan irkoo isinii ta'a.
9
Achiin maayessa isin na kadhattan; anillee kadhaa keessan isinii dhagaya; gargaarsaaf natti iyyattan anillee isinii jira isiniin jedha; isin qambara rakkinnaa yoo nama irraa kaaftan, dubbii dharaatiif qubaan nama mudhisuu yoo dhiiftan,
10
Nyaata keessan yoo worra beelayanii qooddan, worra rakkatan yoo gargaartan ifti keessan dukkana keessatti ifa; dukkanti keessanillee akka aduu guyya'aatitti ifa.
11
Ani hennaa maraa isin masakka; lafa bonaatittillee fedha keessan guuta; lafee keessan hin jabeessa; isin akka hulee dhaaba bilqiltu'uu ka hennaa maraa bisaan dhuguutii fi akka burqaa bisaanii ka hennaa maraa hin gonnee taatan.
12
Baniin keessan waan kanaan dura diiggame bu'uura waan diiggamee san irratti deebisee ijaara; kanaafuu isin ‹Banii dallawa diiggame deebisee ijaaruu fi manniin diiggame haarawoomsu› jedhamtanii waamamtan.»
13
Rabbi akkana jedha, «Guyyaa Sambataatiin fedha keessan raawwachu'uuf guyyaa kiyya ka woyyoome uduu diiguu baattanii, Sambata kiyya ka nama gammachiisu, guyyaa kiyya guyyaa woyyuu Rabbi woyyoomse yoo jettan, fedha keessaniif hajaa keessan raawwachu'uuf gara ufii feetan deemuu dhiiftanii Sambata kiyya yoo kabajjitan,
14
Ana Rabbitti gammaddan; lafa irratti hulee kabajja'aa irra isin jiraachisa; midhaan lafa abbaa keessan Yaaqoobiin dhaalchise irraa akka nyaattan godha; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
← Chapter 57
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 59 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66