bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Isaiah 28
Isaiah 28
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 29 →
1
Ta machooftuu Efreemiitii yaadannoo taate; ta sammuu dhooqa lalisee gubba'atti ol baatee; abaaboo quurtuu bareedinna ulfinna isaa; ta daadhiin woyini'ii isi'ii fiixaa isaaniitiif boona taate; qachattii san hobbaasi!
2
Kunoo Gooftaan waan cima'aa fi jabaa ta'e qaba; kunillee akka kirfaffuu barada'aatitti; akka haboonbolattii waa balleessuutitti; akka dambalii jaba'aatitti; akka rooba jaba'aatitti; hunnaan gara lafaa isii darba.
3
Qoobiin yaadanno'oo ka worra Efreemii ka machaayuu; lukaan dhidhiitama.
4
Abaaboon quurtuun sammuu dhooqa lalisa'aa; irra teettee; ta ulfinna bareedaa; akkuma haama'aan dura geette; akkuma namni dimmaa argee isii kutu; akkuma muka hurbu'uu ka namni liqimsuu taati.
5
Guyyaa san Rabbi Gooftaan banii maraa; banii isaa sodaatama'aa; qoobii ulfinnaa; gulloo bareedinnaa ta'a.
6
Inni ka teessoo murti'ii irra taa'uu hafuura haqaa; worra woraana balbala qachatti'ii irraa deebisanii; burqaa jabeennaa ta'a.
7
Kunniin daadhii woyini'iitiin tittiman; dhuddoo macheessuun gatantaran; raattonninii fi gadoonni daadhii woyini'iitiin tittiman; daadhii woyini'iitiin dubbiin harkaa bade; dhuddoo macheessuun gatantaran; yoo mudhata argan hin dogoggoran; murtii kennu'uttillee hin gufatan.
8
Gabataan isaan waa itti nyaatan maruu; diddigaan guuttameera; huleen haqqeen hin geenne hin jiru.
9
Isaan akkana jedhan; «Eennuun barsiisa? ergaa hoo eennuu ibsa› daa'imman aanna dhiiftee? mo'o ta harma dhiifte?
10
Ajaja irratti ajaja; ajaja irratti ajaja; tumata irratti tumata; tumata irratti tumata; asitti hago'o; achittillee hagoo waan ta'eef.
11
Eegasuu Rabbi; afaan ormaa; afaan keessumma'aatiin; banii kanatti dubbata.
12
Inni, «Tun hulee hara itti baafatan; ka dadhabe hara haa baafatuu; tun hulee hafuura itti galfatan» eennuun jedhe? isaan garuu dhagayuu hin barbaanne.
13
Kanaafuu dubbiin Rabbii; ajaja irratti ajaja; ajaja irratti ajaja; seera tumachuu irratti seera tumachuu; seera tumachuu irratti seera tumachuu; asitti hago'o; achittillee hagoo isaanitti ta'a; kun akka uf duuba kufan; akka madaayan, akka siibo'oon qabamanii fi akka booji'amaniif.
14
Kanaafuu worri banii Yerusaalemiin jiru bulchitan; isin worri shaqqaaddan dubbii Rabbii dhagayaa'a.
15
Isin worra, «Du'a woliin waadaa galleerra; hulee worri du'e jiru ka lafa jalaa woliin wolii galtee godhanneerra; soba irkoo'o; kijiba ka itti dhokannu godhanneerra; balaan guddaan yoo haxaaya'aa lufu nu tuquu hin danda'u» jechu'uun uf tuultaniirtan.
16
Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Kunoo dhagaa qoratame; dhagaa hunde'ee; dhagaa jabaa hunde'eef ta'u roggee kabajjamaa; Tsiyooniin keessa kaaya; ka isatti amanu hin raafamu.
17
Haqa haada bikkaniin; balchummaa tumbii taasisa.; kijiba irkoo keessanii rooba barada'aatitu haxaaya; hulee isin itti dhokattanillee bisaantu irra gara gala.
18
Waadaan isin du'aan wolii galtan; wolii galteen isin asaaba woliin gootan; hin diiggama; balaan guddaan yoo haxaaya'aa lufu; isinillee hin haxaayamtan.
19
Hennama dhufe maraa fudhatee isiniin lixa; ganama ganama; guyya'aa fi galgalallee; isin haxaaya; yoo dubbii kana hubattan; soda'aan raafamni ta'a ture.
20
Diriirfatanii akka hin rafne sireen gabaabdu'u; akka nafa hin dhoffanne baanaan gabaaba'a; isinillee akkasuma.
21
Rabbi hujii ufii; ee hujii ufii ka hin baratamne hojjachu'uuf hujii ufii; hujii ufii haarawa raawwachu'uuf akkuma gaara Paarasiimii irratti godhe; dhooqa Gabaa'ooniititti godhe godhu'uuf ka'a.
22
Eeganaa balda keessan dhaabaa'a; yoo ta'uu baate hidhaan isinitti jabaata; Gooftaan; Rabbi Gooftaan bani'ii; labsii ardii guutuu balleessu'uuf labse dhagayeera.
23
Caqasaa'a; laagaa kiyya dhagayaa'a; hubadhaa'a; dubbii kiyyallee dhagayaa'a.
24
Qonnaan bulaan facaasu'uuf yoo lafa qopheessu; hennama mara qotaa? suqqaa yoo butuchu; lafa bilcheessa'aa jiraataa?
25
Qonna midhaassee; dimbilaala gurraachaa fi urgoo hin facaasuu? qamadii hoo akkaataa isaatiin; garbuu hulee isaa ta'utti; aajjaa hoo hulee isaaf ta'utti hin facaasuu?
26
Waandhi isaa isa barsiisa; karaa kolbaa itti mudhisa.
27
Urgoo gurraattii meeshaa dhaya'aatiin hin dhayu; urgoo gurraattii irra waa hin gangalchu; dimbilaala gurraacha ule'een; urgoo gurraattii bokku'uun dhaya.
28
Buddeena godhu'uuf midhaan daaka; kanaafuu namni tokko baraa haga bara baraa midhaan dhaya'aa hin jiraatu; faradoo irra oofee hin butuchu.
29
Kun maruu Rabbii Gooftaa banii maraa ka gorsaan maalale'ee, ka ogumma'aan gudda'aatiin ta'e.
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 29 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66