bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Isaiah 45
Isaiah 45
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 44
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 46 →
1
Akka baniin baallii isaa jalatti bulan godhu'uuf, mootota akka baallii isaanii irraa buusu, akka balbala qachootaa isaanii banuuf, mootii harka mirgaa qabee dibee moosise Rabbi Qiroosiin,
2
«Ani si afoo deema; gaarran si afoo jiran hin diriirsa; balbala sibiila diima'aan hojjatamanii fi loosaa sibiilaa hin caccabsa.
3
Qabeenna hulee dukkanaatii fi lafa dhossa'aatitti kuufame sii kenna; akka kanaan ani Waandhi Israa'elii ka maqaa keetiin si waame akka Rabbiin ta'e beetta.
4
Worra Israa'elii ijoollee Yaaqoobii ta ani filadhe akka gargaartuuf, ati yoo na hin beennellee maqaa keetiin si waamee ulfinna sii kenneera.
5
Ani Rabbi; ana malee Waandhi biraa hin jiru; Ati yoo na hin beennellee jabeenna sii kenna.
6
Wonti ani waan kana godhuuf adunyaan guutuun akka ani callaan Rabbiin ta'ee fi ana malee Waandhi biraa akka hin jirre haa beekani'iif.
7
Ani ifaa fi dukkana uuma; nagayaa fi badiillee hin fida; ani Rabbi waan kana maraa hin godha.
8
Isin samiiwwan ol gubbaa jirtan! balchummaa akka roobaatitti roobsaa'a; duumessillee rooba gad haa roobsuu; ardiin haa banamtu; fayyummaanillee haa biqiluu; ani Rabbi waan isa uumeef balchummaanillee woliin haa biqiluu.»
9
Nama uumaa ufiitiin mormuu hobbaas! inni meeshaa faaraa ka namni hojjatu keessaa tokko; faarri nama isa hojjatuun «maal wonti ati godha'aartu? eessa qabatan?» jedhee gaafachuu danda'aa?
10
Yookaan ilmi abba'aa fi haadhaan «Maaf akkanatti na uumattan?» jedhee gaafachuu danda'aa?
11
Rabbiin uumaan, Waandhi woyyichi Israa'elii, Waan waan dhufu'uuf ta'anii akkana jedha, «waan ijoollee tiyyaa maaf na gaafattan? waan hujii harka kiyyaatiif na ajajjanii?
12
ka ardii uume; ka namallee uumee akka isii irra jiraatu taasise ana; ka samiiwwan hunna kiyyaan diriirse, ka banii achi irra jiraatu tooyatullee ana.»
13
Waandhi banii maraa akkana jedha, «Qiroosiin hujii balchumma'aatiif kakkaase; karaa isaa maraa qajeelcheeraaf; inni qachaa tiyya Yerusaalemiin deebisee ijaara; banii kiyya ka baqate bilisa baasa; inni wonti waan kanniin godhuuf akka eennullee horii isaa kaffaluuf yookaan akka jasaa isaa deebisaniifii miti» Waandhi banii maraa waan kana dubbateera.
14
Rabbi akkana jedha, «Qabeenni biyya Misiriitii fi daldalli Itoophiya'aa isinii kennama; namoonni dhedheeraan biyya Saaba'aallee haada sibiilaatiin hidhamanii dhufanii isin duukaa bu'an; isaan harka kennatanii ‹Rabbi isin callaa biratti argama; ka biraa biratti hin argamu; isa malee Waandhi biraa hin jiru› jedhan» jedha.
15
Waaqa Israa'elii ka fayyiftu! dhugamaan hujiin kee hubannaa namaa jalaa dhokata'a;
16
Worri waaqa tolfamaa hojjatan maruu hin saalfatan, hin salphatan. isaan maruu wolumaan salphatan.
17
Isin baniin Israa'elii fayyummaa bara baraa ka Rabbi isinii kennuun fayyitan; baraa haga bara baraa hin saalfattan, hin salphattan.
18
Ka samiiwwan uume Rabbi; ka ardiillee uumee bifa kenneef isa; wonti isii uumeef akka irra jiraataniif malee akka bifa dhabdee duwwaa taatuufii miti; Inni «Ana malee Waandhi biraa hin jiru;
19
biyya dukkanaatitti dhossa'aan hin dubbanne; ijoollee Yaaqoobiitiin ‹akkanumaan duwwaa na soqaa'a› hin jenne; ani Rabbi dhugaa dubbadha; waan sirrii ta'ellee hin ibsa.
20
Isin worri biyya adda addaatitti baqattanii haftanii deebitan, isin maruu wol gaya'aa koottaa'a! worri waaqa tolfamaa muka irraa hojjatame qabatanii oolii fi gad deema'aa waaqa tolfamaa nama hin fayyifne kadhatan worra beekkumsa hin qabne.
21
Ati hajaa tee dhiyeeffadhuu himadhu; worri dur waan kana dubbatan wol gayanii haa mari'atanii; ka dur dubbate eennu? ani Rabbi hennaa san hin jiruu? ana malee Waandhi balchaanii fi fayyisaan hin jiru.
22
Ana malee Waandhi biraa waan hin jirreef worri haga daangaa lafaa jirtan maruu gara kiyya deebi'a'aa fayyaa'a.
23
Ani hennaa abdii dhuga'aa ka hin jijjiiramne kennu uf hedadheeti. kanaafuu jilbi maruu naaf jilbiiffata; arrabni maruu maqaa kiyyaan kakata.
24
«‹Balchummaanii fi hunni Rabbuma callaa biraa argama› jedhanii waan kiyya dubbatan; worri na jibban maruu gara kiyya dhufanii saalfatanii kufan.
25
Garuu ijoolleen Israa'elii maruu ana Rabbiin irraa moote'ee fi ulfinna argatan.
← Chapter 44
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 46 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66