bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Isaiah 41
Isaiah 41
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 40
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 42 →
1
Rabbi akkana jedha, «Isin baniin lafa bisaaniin marfame irra jiraattan! cadhisa'aa dhagaa'a! baniin hunna ufii haa haarawoomfatanii; gara afo'oollee bayanii haa dubbatanii; murtii irratti wol haa geennuu.
2
«Ka mooyate ka gara baya biiftu'uutii kaasee fide, akka isaa hojjatuuf ka isa waame eennu? banii dabarsee isaa kenna; moototallee isa jalatti bulcha; guraadee ufiitiin akka daara'aatitti, eboo ufiitiin akka bura'aatitti isaan bittinneessa.
3
Karaa namni armaan dura irra deemee hin beenne irratti hennaa inni dafee isaan ari'u miidhaan tokkollee isaan irra hin gayu.
4
Akka kun ta'u ka godhe eennu? akkaataa seenaan itti deemu ka tooyatu eennu? Ani Rabbi duruma jira; dhalootaan maayessallee anumatu jiraata.
5
Baniin lafa bisaanii marfamte irra jiraatan hin sodaatan; waan ani hojjadhe maraa arganii nayan; wol gayanii tokko ta'anii gara kiyya dhufan.
6
Kuun kaan gargaara; obboleessi obboleessa ufiitiin ‹jabaadhu› jedha.
7
Namni ogummaa harkaa qabu, nama worqii bassu jajjabeessa; namni waaqa tolfamaa burrisaan tumee qulqulleessu, nama sibiila oo'e hodhuun ‹jabaadhu! akki ati maaxi'iin wolitti hodhitu kun misha'aa!› jedhaan. akka hin sochoone waaqa tolfamaa ufii mismaari'iin wolitti hodha»
8
«Ati garuu Israa'el garbicha kiyya! Yaaqoobii ani filadhe; banii fiixaa Abrahaamii jaalalloo kiyyaa
9
Ani daangaa lafaatii si fide; daangaa arfanii si waame; ‹garbicha kiyya naa taata› jedhee si filadhe malee ani si hin ganne.
10
Ani si woliin jiraa hin sodaatin! Ani Waaqa keetii abdii hin kutatin! Ani si jajjabeessa, si gargaaralle'e; irree kiyya ka balchumma'aa ka mirgaatiin irkisee si qaba.
11
Worri siin lolan maruu mooyatamanii saalfatan; worri si miidhu'uuf ka'an maruu badanii akka waan hin jirree ta'an.
12
Ati diintota kee hin soxxa; garuu isaan hin argitu; worri lola sitti kaasan; sirima akka waan hin jirree ta'an.
13
‹Hin sodaatin; hin nayin, harka kee ka mirgaa qabee si gargaara› jedha'aa ka si jajjabeesse ana Rabbi Waaqa keeti.
14
Rabbi akkana jedha, «Ati Israa'el, ta akka raammo'oo laaftu! Ani waan si gargaaruuf hin sodaatiin; woyyichi Israa'elii ka si furu anaa.
15
Ani akka meeshaa haarawa ilkaan qara qabuu ka waa woraanuu si taasisa; ati gaarranillee hin butuchita; tullootallee sukkuumtee akka bura'aa isaan goota.
16
Isaan gingilchita; qilleensi haxaayee isaan fudhata; haboonbolattiin isaan bittinneessa; ati hennaa san Rabbiin gammada; ana woyyicha Israa'eliitiin dhaadatta.
17
Hiyyeeyyiinii fi worri rakkatan bisaan soqatan, garuu hin argatan; sababa dheebu'uutiif yoo kokkeen isaanii goge, Ani Rabbi kadhaa isaanii hin dhagaya; Ani Waandhi Israa'elii isaan hin dhiisu.
18
Tulloota gogan irra laga kiyya yaasa; dhooqa keessaallee burqaa bisaaniititu yaa'a; lafa gammoojji'ii hulee haroon itti kuufamu; lafa gogaa akka bisaan keessaa burqu taasisa.
19
Muka Libaanosii, dhaddacha, qilxuu, hindheessaa fi ejersa lafa onaa keessatti biqilcha; lafa gammoojji'ii keessatti birbirsa, qaraaruu, hindheessaa fi bosona ejersi itti baay'atu biqilcha.
20
Wonti ani waan kanniin godhuuf ani Rabbi akka harka kiyyaan hojjadhee fi ani woyyichi Israa'elii akka uume maruu arganii akka beekanii qaabata'aa hubataniif.»
21
Rabbi mootiin Israa'elii akkana jedha, «Yaada keessan dhiyeeffadhaa'a; ragaa keessanillee fidadhaa'a.
22
Waaqolee tolfamaa keessan as fidaa'a; dhuma isaanii akka beennu mee nutti haa himanii; duranaa bu'aan isaanii maal akka ta'u hubannee akka beennu wonti durii maal akka ta'e nutti haa himanii; yookaan uf afoo maaltu akka ta'u nutti haa himanii.
23
Isinillee waaqa tolfamaa ta'uu keessan akka beennu waan uf afoo ta'u maraa mee nutti himaa'a; mee waan mishaa godhaa'a; yookaan mee nu isin arginee sodaannee akka raafamnu waan hamaa godhaa'a.
24
Isinii fi hujiin keessanillee duwwa'a; worri isin waaqeffachuu barbaadanillee worra shakkame.
25
«Ani Rabbi bulchaa tokko gara kaabaatii kaaseera; innillee dhufeera; inni ka maqaa kiyya waamuu fi ka gara baya biiftu'uutii dhufu; akkuma namni faara dhayu biyyee faaraa dhidhiitu innillee bulchoota dhidhiita.
26
Akka beennuu fi wonti kun dhuga'a jechuu akka dandeennu ka waan kana duruma irraa jalqabee dubbate eennu? ka waan kanaaf ibsa kenne yookaan ka labsii labsisiise isin keessaallee ka waa dubbate hin jiru.
27
Hennaa jalqabaatiif oduu kana ka Tsiyoonitti hime ana; Yerusaalemiifillee ka nama oduu gammachu'uu himu erge ana.
28
Hennaa uf duuba midhadhee laalu eennullee hin jiru ture; waaqolee tolfamaa keessaa ka waa gorsu hin turre; hennaa ani gaafii gaafadhu ka deebii naa deebise hin jiru.
29
Kanaafuu waaqoleen tolfamaan kunniin maruu duwwa'a; womaa godhuu hin danda'an; fakiin isaaniillee akkuma qilleensaa duwwa'a.»
← Chapter 40
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 42 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66