bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Isaiah 44
Isaiah 44
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 43
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 45 →
1
Amma garuu Rabbi akkana jedha, «Isin ijoollee Yaaqoobii! Israa'elii akka na tajaajiltaniif isin filadhe! dhagayaa'a.
2
Ani Rabbii gadaamessa keessatti isin uumee fi ka isin gargaaru; isin tajaajiltoota tiyyaa fi Yeshuruunii ani filadhe waan taataniif hin sodaatinaa'a;
3
«Lafa dheebottee bisaan kenna; lafa goge irra laggiin akka yaa'u godha; ijoollee tee irra Hafuura kiyya buusa; eebba kiyyallee ilma ilma keetiitii kenna.
4
Isaan akka marga kolbatti bisaan dhugee, akkuma boboffee afaan lagaatitti margeetitti lalisan;
5
«Namni ‹Ani ka Rabbiiti› ufiin jedha; ka biraa maqaa Yaaqoobiitiin waamama; ka biraa garuu malkata ‹ani nama Rabbiiti› jedhu harka ufii irratti barreeffata; maqaa Israa'elii ka shele'eetiin waamama.»
6
Rabbi fayyisaan, mootiin Israa'eliitii fi ka banii maraa akkana jedha, «Jalqabaa fi dhumtillee ana; Ana malee Waandhi biraa hin jiru.
7
Ka akka kiyyaa eennu? mee yoo jiraate haa dubbatuu; ka waan durana ta'u'uuf ta'u dursee dubbate eennu? mee ragaa ufii natti haa dhiyeeffatuu.
8
Isin hin nayinaa'a; hin sodaatinaa'a; Ani dur irraa jalqabee isinitti hin himnee? yookaan isinii hin ibsinee? isin waan kanaaf naa raga'a; ana malee Waandhi biraa hin jiraa? Ana malee irkoon jabaan biraa hin jiru»
9
Worri waaqa tolfamaa harkaan boca'aa hojjatan maruu duwwa'a; wonti fedhan womaa bu'aa isaanii hin qabu; kanaaf guddisanii saalfatan.
10
Namni waaqa tolfamaa yookaan fakii bu'aa hin qabne hojjataa?
11
Worri waaqa tolfamaa waaqeffatan maruu hin saalfatan; ka waaqa tolfamaa hojjatu nama malee ka biraatii miti; isaan maruu wol gayanii na afoo haa dhaabatanii; isaan maruu sodaatanii mullan.
12
Namni sibiila bassu waaqa tolfamaa hojjachu'uuf sibiila fuudhee ibidda keessatti bassa; sibiila san qajeelchu'uuf irree ufii jaba'aan burussa'aan tuma; hennaa waan kana hojjatu hin beelaya, hin dheebota, hin dadhaba.
13
Ogeessi muka bocu muka boce irratti sarara baasa; bifa gara garaatiin saamsa; sibiila mukaan huufaniin huufee midhaassa; meeshaa waa bikkaniin bikkee akka inni sirrii ta'e laala; bocee nama bareedaa fakkeessee achiin maayessa mana waaqa tolfama'aa keessa kaaya.
14
Waan kana hojjachu'uuf muka Libaanosii, muka birbisaa, yookaan bosona keessaa qilxuu filata; yookaan hindheessa dhaabee haga roobni itti roobee guddisuuf eega.
15
Namni mukuma tokko irraa qoraaniif, garii fakii waaqa tolfama'aa hojjachu'uuf, garii ibidda bobeessee oo'ifatu'uu fi buddeenaan godhachu'uuf itti fayyadama; ka biraatiin garuu fakii waaqa tolfama'aa hojjatee waaqeffata,
16
garii ibiddaan bobeessee buddeenaan bilcheeffatee itti fayyadama; foonillee itti woddatee nyaata; haga ibiddi sun itti oo'een maayessa «ibiddi kun ibidda misha'a! attamitti oo'a!» jedha.
17
Muka hafe garuu waaqa tolfamaa hojjatee isa afo'otti kufee sagada'aa waaqeffata'aa «Ati Waaqa kiyya, na oolchi» jedha'aa isa kadhata.
18
Namoonni kunniin ijji isaanii waan itti haguuggifamteertuuf arguu hin danda'an.
19
Namni «muka kana garii hin bobeesse, barbadaa isaatiin daabboo bilcheeffadhe, foonillee itti woddadhee nyaadhe; muka hafe kana garuu waaqa tolfama'aaf hambisaa? muka diqqo'oo sagadaa?» jedhee yaadu yookaan ka beekkumsaa fi hubannaa qabu hin jiru.
20
Namni attamitti muka gubatee daaraa ta'u haga waaqeffatu'uutitti gowwooma? gowwummaan isaa waan isa dogoggorseef uf oolchuu hin danda'u; yookaan «wonti harka kiyya ka mirgaa irra jiru kun Waaqa malee waaqa tolfama'a» jechuu hin danda'u.
21
Rabbi akkana jedha, «Israa'el! waan kana hubadhu; ani si uume; ati akka garbicha kiyya taate hin dagatin; ani si hin irraanfadhu.
22
Yakka kee akka duumessaatitti, cubbuu keellee akka hurrii ganamaatitti balleesseera; Ani si fayyiseeraa gara kiyya deebi'i»
23
Samiiwwan! Rabbi banii ufii Israa'eliin oolchu'uun ulfinna ufii mudhiseeraa gammachu'uun faarfadhaa'a; ati lafti ililfadhu; gaarran, bosonninii fi mukkiin isaan keessatti argamtan maruu laagaa gammachu'uu dhageessisa'aa burraaqaa'a.
24
Rabbiin fayyisaan gadaamessa haatetii keessatti si uume, ka waan maraa uume, ka samiiwwan hojja kiyya diriirse, ka lafa hojja kiyya dhise ana eentu na woliin ture?
25
Malkata raattota sobaatii fi falfala worra moruu duwwaa taasisa; ogummaa beettotaa uf duuba deebisa; beekkumsa isaanii gowwumma'atti jijjiira.
26
Dubbii garbicha kiyyaa hin jabeessa; raaga raattota tiyyaa akka raawwatamu taasisa; isaan Yerusaalemiin ‹banii baay'e'etu keessa jiraata; qachoonni biyya Yihuuda'aallee deebi'anii ijaaraman; ka jigellee deebi'ee haarawoomfama› jedhan.
27
Ani garbaan ‹ani laggiin kee waan gossuuf ati gogi› jedhaan.
28
Qiroosiin ‹ati tissee banii kiyyaati; karoora kiyya maraa hin raawwatta› jedhaan; Yerusaalemiin, ‹ati deebitee ijaaramta› mana woyyu'uun ‹bu'uurri kee hin dhaabata› jedha.
← Chapter 43
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 45 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66