bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Isaiah 29
Isaiah 29
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 28
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 30 →
1
Qachattii Daawiti itti quphate; Aari'eel Aari'eel si hobbaasi! woggaa wogga irratti eda'i; ayyaana kee ka wogga'aallee ayyanteeffadhu.
2
Ani garuu Aari'eeliin hin marsa; hin bootti; bade jetti; akka hulee ciinca'aa naa taati.
3
Ani naannaya keetitti quphadha; dallayaan si marsa; dhagaa qarsa'aa ka marsaniin ijaaree si hucuuca.
4
Gad buuta; lafa jalaa dubbatta; dubbiin kee daaraa keessaa hudhussa'aa baya; sagaleen kee akka sagalee ekera'aatitti ol baya; dubbiin kee awwaara keessaa sokossa.
5
Diintonni tee heddu isaanii garuu akka dhukke'ee; gar jabeeyyiin baay'eenillee akka buraa qilleensaan qulqullaayuu ta'an; dimmaa uduu hin yaanne;
6
Rabbiin Gooftaa banii maraa gigissa'aan; sagalee gudda'aa fi raafama lafaatiin haboonbolatti'ii fi dambalii gudda'aan; arraba ibiddaa ka sirima nama nyaatuun dhufa.
7
Baniin hedduu ka worra Yihuudota hin taanee maruu; ka Aari'eeliin woraanan; worri isi'ii fi maandhee isi'iititti balaa buusanii marsan; akka eebju'uu; akka manaaba halkan arganii ta'a.
8
Akka nama beelaye ka eebju'uun nyaata'aa bulee; garuu yoo dammaqu beelli isa hin dhiifnee; akka nama dheebotee ka eebju'uun dhuga'aa bulee; garuu yoo dammaqu ka dheebuun isa irraa hin bannee baniin Yihuudota hin taane; ka Tsiyooniin woraanan maruu; akkanuma ta'an.
9
Bararraaqaa'a; maalalfadhaa'a; jaamaa'a; haga dhumaa jaama'aa hafaa'a; daadhii woyini'iitiin hin ta'in malee machaayaa'a; dhuddoo nama macheessuun hin ta'in malee gatantaraa'a.
10
Rabbi hirriba guddaa isinitti buuseera; raattota teessan ija qabe; worra manaaba argan sammuu isaanii cufe.
11
Hiikkaan mudhata raagaa ka isin argitan maruu isin jalaa dhokatee akka kitaaba cufamee isinitti ta'eera; gara nama kitaaba dubbisee danda'uu bira fiddanii yoma «Nuu dubbisi» jettanii isa gaafattanillee «Waan cufameef isinii dubbisee hin danda'u» isiniin jedha.
12
Akkasuma kitaaba san gara nama dubbisuu hin dandeenne bira fiddanii «Nuu dubbisi» yoo jettaniin «Ani dubbisee hin danda'u» isiniin jedha.
13
Gooftaan akkana jedha; «Baniin kun afaanumaan gara kiyya dhiyaata; afaanumaan na kabajja; garaan isaa garuu ka na irraa fagaate; ka na waaqeffatullee seera namaa ka namni isa barsiiseen calla'aan.
14
Kanaafuu banii kana maalalee irratti maalalee godha'aa deebi'ee isa maalalchiisa; ogummaan ogeeyyi'ii hin bada; hubannaan worra waa hubatuu hin bada.
15
Worra yaada ufii Rabbiin jalaa dhossu'uuf; gara boolla gad fago'oo bu'an; worra hujii ufii dukkana keessatti raawwatan; «Eentu nu arga? eentu nutti beeka?» worra jedhu hobbaasi!
16
Isin waa gara gaggalchitan; nama faara dhayu akka faaraatitti laaltan; sirima, faarri ka isa hojjatuun; «Inni na hin hojjanne» jedhaanii? ka faara dhayuun «Inni womaa hin beeku» jedhaanii?
17
Libaanosi qonnatti jijjiiramu'uuf; lafti lalisaan gara bosonaatitti jijjiiramu'uuf hennaan diqqoon hin hafneenii?
18
Hennaa san duudaan dubbii kitaaba marama'aa san hin dhagaya; worri gurra duude dubbii kitaabaa dhagayan; worri ijji hin argine hurri'ii fi dukkanti gad dhiifteenii argan.
19
Worri kasoon Rabbitti; hiyyeeyyiinillee deebi'anii; woyyicha Israa'eliitiin usheexxan.
20
Gar jabeeyyiin akka waan hin jirree ta'an; worri shaqqaadu bittinnaayanii badan; worri hammeennaaf riphan maruu hin badan.
21
Worri woyiin nama yakkamaa taasisan; worri himatamaa jala siiboo diriirsan; worri ragaa sobaatiin haqa qulqullootaa saaman hin citan.
22
Kanaafuu Rabbiin Abrahaamiin fure; mana Yaaqoobiitiin akkana jedha, «Yaaqoob ammaa achi hin saalfatu; fuulli isaa ammaa achi hin jijjiiramu.
23
Worri isaan jiddu'utti hujii harka kiyyaa ta'an; yoo ijoollee ufii laalan maqaa kiyya woyyoomsan; woyyicha Yaaqoobii woyyummaa isaa beekan; Waaqa Israa'elii afoo soda'aan dhaabatan.
24
Worri hafuuraan dogoggoran hin hubatan; worri guguungumanillee gorsa fudhatan.
← Chapter 28
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 30 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66