bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Isaiah 38
Isaiah 38
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 37
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 39 →
1
Bara san mootichi Hisqiyaas dhibamee du'uu gaye; Isaayyaas raattichi ilmi Amootsii isa bira dhaqee «Rabbi, ‹Ati hin duuta malee hin jiraattuu mana kee sirreeffadhu› siin jedha» jedheen.
2
Hisqiyaas gara dhaaba manaa gara galee,
3
«Waandhana! akka ani si afoo dhuga'aa fi onnee qajeeltu'uun jiraadhe, waan si gammachiisullee akka hojjadhe akka yaadattu si kadhadha» jedhee booya'aa Rabbiin kadhate.
4
Kanaan maayessa Rabbi Isaayyaasii raattichaan,
5
«Gara mooticha Hisqiyaasii dhaqii ‹Rabbiin abbaa kee Daawitii «Ani kadhaa kee dhagayeera; imimmaan keellee argeera; umurii kee irratti woggaa kudha shanii eda'a› jedha» jedheen.
6
Si'ii fi qachattii Yerusaalemii tana harka mootii biyya Asoorii jalaa baasa; qachattii tana hin daadaya.› »
7
Isaayyaas, «Malkanni Rabbi waan dubbate raawwatu'uu kana.
8
Gaaddisa manaa ka teessoo mootichi Aki'aaz hojjate irraan gad bu'e tarkaanfii kudhanii gara duubaa akka deebi'u taasisa» jedhee deebiseef; gaaddifni manaallee haga tarkaanfii kudhanii uf duuba deebi'e.
9
Hisqiyaas mootiin biyya Yihuuda'aa akkuma dhibee irraa fayyeen faaruu galataa barreesse.
10
«Ani wodhakkaa umurii kiyyaatitti balballan ibidda asaabaa keessa lufuu na barbaachisaa? barri kiyya ka hafe na jalaa fudhatamuu barbaachisaa?» jedhe.
11
Akkana jedhe, «Lamuu Rabbiin; Rabbiin biyya jiraattotaa keessatti hin argu ammaa achi fiixaa namaa hin argu; worra adunyaa tana irra jiraatan woliinillee hin ta'u.
12
Manni kiyya akka daasee tisse'ee buqqa'e; na irraa fudhatame; jiruu tiyya akka fooyaa jirbi'iititti mammare; waan maraniin irraa na mure; ganamaa haga galgalaa na fixu'uuf ariifatte.
13
Haga ganamaa obsaan eeggadhe; Inni garuu akka leencaatitti lafeewwan kiyya caccabse; ganamaa haga galgalaatitti na fixu'uuf ariifatte.
14
Akkuma simbiraa; akkuma shaallo'ootitti woce; akkuma handari'iititti aada; ijji tiyya gara sami'ii laalu'uun dadhabde; Gooftaa'a; waan dhiphadheeruuf na oolchi.
15
Eeganaa ani maal jedha? Inni natti himeera; isumatu kanallee godhe; Waan dhiphinna lubbuu tiyyaatiif; umurii kiyya maraa kasooma'aa jiraadha.
16
Gooftaa'a; namoonni waan kanniiniin jiraatan; hafuurri kiyyallee akkasuma kaniiniin jireenna argata; na fayyifte; jireennaan na jiraachifte.
17
Ka rakkinnaan dhiphadhe; faayidaa naa ta'e; boolla badi'ii irraa; jaalala keetiin na eedde; cubbuu kiyya maraa; uf duubatti gatte.
18
Ibiddi asaabaa si hin galatoonfatu; duuti si hin jajju; worri gara boollaa gad bu'an; amanamummaa kee hin abdatan.
19
Akkuma ani adha godhu kana; worri lubbuu qabu si galatoonfatan; waan amanamummaa keetiillee abboonni ijoollee ufiititti himan.
20
Rabbi na oolcha; kanaafuu bara umurii kiyyaa maraa; mana woyyuu Rabbii keessatti meeshaa miseensa qabuun faarfanna.
21
Kanaan maayessa Isaayyaas «yoo baala muka hurbu'uu nafa isaanii ka iitaye irra kaayatan hin fayya» isaaniin jedhee ture.
22
Mootichi Hisqiyaas «Ani akka fayyee gara mana woyyu'uu dhaquu danda'u malkata maali'iitiin beeka?» jedhee Isaayyaasiin gaafate.
← Chapter 37
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 39 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66