bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Isaiah 48
Isaiah 48
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 47
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 49 →
1
Isin ijoolleen Yaaqoobii! worri gosa Yihuuda'aa ka maqaa Israa'eliitiin waamamtan kana dhagayaa'a. Isin Waaqa Israa'elii dhuga'aa fi amanamummaa malee waaqeffanna jettan; maqaa Rabbiitiinillee hin kakattan.
2
Isin «nu worra qachaa woyyittii keessa jiraatu; Gooftaa banii maraa Waaqa Israa'elii hedanna» jettanii dhaadattan.
3
Rabbi akkana jedha, «Waan durana ta'u'uuf ta'u duruma dubbadhe; waan sanillee akka dafee raawwatamu taasise.
4
Isin akka sibiila diimaa hin mammaramneetii fi akka sibiila jaba'aatitti akka morkattan ani hin beeka.
5
Waan waan kanniinii duruma isinitti hime; uduma hin raawwatamneen dura isinitti himeera; wonti kana godheef waaqolee tolfamaa keennatu waan kana godhe; fakii mukaatii fi ka sibiilaa keennatu waan kana murteesse akka hin jenneef.
6
«Waan ani dubbadhe dhageettaniirtan; kun akka raawwatame argitaniirtan; hubadha'aatii akka dhugaa ta'an qulqulleeffadhaa'a; waan haarawa duraan hin beenne ka isin jalaa dhokateeru uf afoo isinitti hima.
7
Wonti ani isinitti himu kun waan durii uduu hin taane waan amma uumaman; isin, ‹duruma isaan beenna› akka hin jenne isin armaan dura waan isaanii womaa hin dhageenne.
8
Isin waan ani jedhu hin dhageettan; beekuullee hin barbaaddan; duruma irraa jalqabee gurri keessan duudeera; wonti kun ta'eef akka isin guddiftanii gantoota taatanii fi urga dhalattan irraa jalqabdanii hammeeyyii jedhamtanii akka waamamtan ani hin beeka.
9
«Ani ulfinna maqaa kiyyaatiif hin obsa; akka namoonni na galatoonfatan akka aaree isin hin balleessine uf dhoogga.
10
Ani akka meetii sibiilaatitti ibidda keessatti isin bassee isin laaleera,
11
Ani ufiif jedhee kana godha; maqaan kiyya akka hin arraffamneef ulfinna kiyya eennuullee hin kennu.»
12
Rabbi akkana jedha, «Isin worra Israa'elii ijoollee Yaaqoobii ka ani fooyadhe na dhagayaa'a! Waandhi ana calla'a; jalqabninii fi dhumti waan maraatuu ana.
13
Ani ardii uume; samiiwwan hin badhise; hennaa ani isaan waamu tokkumma'aan hulee ufii dhaabatan.
14
Isin maruu kootta'aa na dhagayaa'a! waaqolee tolfamaa keessaa ka dura waan waan kanniinii dubbate kam? ka Rabbi fooyate Baabilooniin irratti kaayoo ufii raawwata; worra Baabiloonii hunnaan bulcha.
15
Natu dubbate; natu waame; natu fidaan; wonti inni hojjatullee hin qajeelaaf.
16
Natti dhiyaadha'aa waan kana dhagayaa'a; Ani jalqabuma irraayyuu dhossa'aan hin dubbanne; hennaa wonti kun ta'e irraa jalqabee ani achuma ture» amma Rabbi Gooftaanii fi Hafuurri isaa na erganiiran.
17
Rabbi Waandhi woyyichi Israa'elii ka isin fayyisu; Rabbi Waandhi akkana jedha, «waan si fayyadu maraa ka si barsiisuu fi ka karaa ati deemtu sitti mudhisu Rabbi Waandhi kee ana.
18
«Uduu ajaja kiyya seeraan dhageettanii jiraattanii, Eebbi keessan akka laga bisaan hin gonnee, balchummaan keessanillee silaa akkuma dambalii galaanaa guddatee isinii dhufa!
19
Baniin keessanillee silaa hin badu; maqaan keessanillee silaa hin irraanfatamu!»
20
Eeganaa isin Baabilooniin keessaa baya'aa dheessaa'a; Dubbii «Rabbi tajaajilaa ufii Israa'eliin oolcheera» jedhu gammachu'uun himaa'a; hulee gara garaatitti akka beekkamu godhaa'a.
21
Hennaa Rabbi lafa gammoojji'ii keessa isaan masakku isaan hin dheebonne; caala'atti akka dhagaa keessaa bisaan isaanii burqu taasise; dhagaa dhodhoosee bisaan isaanii baase.
22
Garuu Rabbi, «Hammeeyyiin nagaya hin qaban» jedha.
← Chapter 47
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 49 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66