bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Isaiah 5
Isaiah 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 6 →
1
Waan jaalalloo kiyyaa; akkasuma waan hulee isaa ka woyini'iitiif haa faarfadhuu; jaalalloon kiyya tulluu lalisaa irratti hulee woyini'ii qaba ture;
2
Lafa ufii hin qote; dhagaa guuree keessaa baase; woyinii filatamaa itti dhaabe. isa irratti siree irra taa'anii eegan ijaare; boolla cuunfaa woyini'iillee hin qopheesse; achii daraaraa mishaa daraara jedhee yaade; garuu daraaraa dhangaggaayaa daraare.
3
«Isin namoota Yihuuda'aatii fi worra Yerusaalemiin keessa jiraattan; anaa fi hulee woyini'ii kiyya jiddu'utti mee murteessaa'a;
4
waan amma godheef kana caalaa hulee woyini'ii kiyyaa maal godhu'utu barbaachisa ture? uduu daraaraa mishaa woyini'ii daraara jedhee eegu; maaf daraaraa dhangaggaayaa daraare?
5
Eeganaa ani hulee woyini'ii kiyyatti maal akka godhu isinitti haa himuu; dallaya isaa hin buqqisa; badi'iif ifa baya; gamoo hin diiga ka irra deeman ta'a.
6
Lafa badu, ka hin shuqunamnee fi ka hin kunuunfamne taasisa; qore'ee fi qummuuddu'utu keessatti marga; akka roobni itti hin roobne duumessa dhoogga.»
7
Huleen woyini'ii ka Rabbii Gooftaa banii maraa mana Israa'eliiti; namoonni Yihuuda'aa biqiltuu gammachuu isaati; haqa barbaade; garuu ka dhiiga jissan arge; balchummaa barbaade; garuu iyya cunqurfama'aa dhagaye.
8
Worri akka huleen namoota kaawwanii hin hafnetti; mana mana irratti eda'a'aa; lafa lafaan qabsiisa'aa; hojjuma keessan lafa irra babadhattanii jiraattan isin hobbaasi!
9
Uduu gurri kiyya dhagayu Rabbi Gooftaan banii maraa akkana jedhee dubbate; «Manniin gugurdaan ona ta'an; manniin babbareedanillee ka isaan keessa jiraatan dhaban.
10
Hulee woyini'ii ka heektaara kudhanii irraa, cuunfaa woyini'ii liitira saddeet callaa ta'a; sanyii kiiloo dhibba tokkoo fi saddeettama facaafatanillee cuunfaa woyini'ii iifii tokko callaa kenna.
11
Worra dhuddoo macheessu soqaa ganamaan ka'an haga isaan gubutti woyinii dhuga'aa bariisisan isaan hobbaasi!
12
Affeerraa isaanii keessa; kiraara sagalee guddaa dhageessisuu fi masiinqoo'o, dibbe'ee fi boobaa; akkasuma woyini'itu jira. garuu hujii Rabbiitiif hulee hin kennine; hujii harka isaatiif ulfinna hin kennine.
13
Kanaafuu baniin kiyya beekkumsa dhabu'uun booji'ama; qondaaltonnillee beelaan dhuman; baniinillee dheebisaan gubata.
14
Kanaafuu asaabni garaa badhifatte; afaan ufii hagaa ol bante; qondaaltonninii fi baniin; worra jeequu fi worra lafa dhiitu woliin achi seenan.
15
Namni hin salphata; ilmi namaa gad jedha; ijji nama boonuu hin buruxxi.
16
Rabbi Gooftaan banii maraa garuu haqaan kabajjama; Waandhi woyyuun woyyummaa ufii balchumma'aan ibsa.
17
Hoolonni akkuma waan hulee ufiititti bobba'aniititti dheedan korbeeyyiin hoolotaallee hulee diiggame ka dureeyyi'iititti bobba'anii marga dheedan.
18
Worra haada sobaatiin cubbuu harkisu; worra wodaroo sobaatiin yakka harkisan isaan hobbaasi!
19
«Akka ijji teenna hin argine; Rabbi haa jarjaru; hujii ufii haa ariifachiisu; woyyicha Israa'elii; karoora isaa akka beennu; haa dhiyaattuu; haa dhuftuu» worra jedhan isaan hobbaasi!
20
Worra waan hamaa misha'a; waan mishaa hama'a jedhan; worra dukkanaan ifa; ifaan dukkana jedhan; worra waan mi'aayu hadhaaya'a jedhan worra waan hadhaayaa mi'aaya'a jedhan isaan hobbaasi!
21
Worra akka qaro'ootitti uf laalan; worra akka yaada isaaniititti ogeeyyii uf taasisan isaan hobbaasi!
22
Worra daadhii woyini'ii dhugu'uun janna ta'an, worra dhuddoo nama macheessu wolitti maku'uun jabaatan isaan hobbaasi!
23
Worra gabbarsuu fudhatu'uun yakkamtoota qulqulluu taasisan; worra nama yakka hin qabne haqa isaa dabsan isaan hobbaasi!
24
Kanaafuu akkuma arrabni ibiddaa buraa nyaatu; akkuma ibiddi huura gubee balleessu; hiddi isaaniillee akkasuma shama; abaaboon isaaniillee akkuma daara'aatitti bittinnaaya; waan seera Rabbii Gooftaa banii maraa tuffataniif; dubbii woyyichi Israa'elii dubbatellee hin salphisan.
25
Lolli Rabbii banii isaatitti bobayeera; harka ufii ol kaasee isaan dhayeera; gaarran hin hollatan; reeffi isaanii akkuma kosii karaa keessatti gatanii ta'e; kun maruu ta'ee garuu inni lola ufii hin dhaabsifne; harki isaa akkuma ol ka'etti jira.
26
Malkata banii fagoo jiran itti waamu dhaaba; fiiqu'uun daangaa ardi'iitii isaan waama; isaanillee jarjara'aa ariiti'iin dhufan.
27
Isaan jidduu dadhabaanii fi ka qaama dhidhu'uu hin argamu; ka muguu fi ka rafu hin jiraatu; sabbanni mudhii isaanii hin furatu; miseensi kophee isaanii hin citu.
28
Eboon isaanii qarama'a; buundheen isaanii ka mirmirfame; korboon konkolaataa isaanii ka fardaa akka haboonbolatti'iiti.
29
Iyyi isaanii akka leencaati; akkuma leenca darmi'iititti aadan; waan adamsan harkatti qabatanii iyyan; baadhatanii deeman; ka isaan buusisiisu hin jiru.
30
Guyyaa san akka dambalii galaanaatitti huursan; eennullee yoo gara lafaa gad laale; dukkanaa fi rakkoo arga; iftinuu duumessaan golgama.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66