bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Isaiah 30
Isaiah 30
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 29
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 31 →
1
Rabbi akkana jedha, «Ijoollee na dhibaniif hobbaasi! «karoora kiyya hin taane hordofan; waadaa fedhii kiyyaan alaa galan; cubbuu irratti cubbuu eda'atan.
2
Uduu na hin gaafanne gara Misirii bu'an; daadaya Fari'oonii, gaaddisa Misirii irkoo godhachuu barbaadan.
3
Garuu golgi Fari'oonii salphinna isinitti ta'a; gaaddifni Misirii isaan saalfachiisa.
4
Yoma hagamillee Xaanewoosiin keessaa bulchoota qabaatanillee ergamtoonni isaanii Haaneesiin gayanillee;
5
saalaa fi salphinna malee; gargaarsaa fi waan bu'aa qabu waan isaanii hin argamsiifneef; sababaa namoota waan faayidaa qabu isaanii hin argamsiifneetiif maruu hin salphatan.
6
Dubbii waan horii Neegeebitti argamuu dubbatame; ergamtoonnii qabeenna isaanii harre'etti; meeshaa isaanii mi'aa gaalatti fe'anii; leencan dhalaanii fi kormaan; lafa bofni summii qabuu fi filliidamaan jiraatu; biyya rakkinnaa fi hucuucca'aa keessa darbanii; gara banii isaan hin fayyannee
7
ta gargaarsi isi'iillee gatii hin qabnee gara biyya Misirii deeman; kanaafuu maqaa isi'ii; Ra'aab; ta womaa hin fayyanne jedhee isii waama.
8
Ammallee deemi; gabatee irratti isaanii barreessi; kitaaba mammaramaa irratti isaanii barreessi; baroota dhufanitti baraa haga bara baraa ragaa ta'a;
9
kunniin worra ajaja Rabbii dhagayuu hin barbaanne; banii dhiba'aa fi ijoollee sobdu fa'a.
10
Worra mudhata arganiin; «Ammaa achi mudhata hin arginaa'a» jedhan; Raattotaanillee akkana jedhan «Ammaa achi raaga dhuga'aa nutti hin himinaa'a; waan nama gammachiisu nutti himaa'a; waan namatti tolu nuu raagaa'a.
11
Karaa kana irraa achi siiqaa'a; daandii irraallee siiqaa'a; woyyicha Israa'eliitiin wolitti nu hin tuqinaa'a.
12
Kanaafuu woyyichi Israa'elii akkana jedha, «Dubbii kana waan salphiftaniif; miidhuu waan abdattaniif; sobatti waan irkattaniif;
13
Kanaafuu cubbuun kun akka dallaya dheeraa; uduu hin yaadatamne dimmaa babbaqaqee kufuu gayee; isinitti ta'a.
14
Akka meeshaa faaraa ka caccabe keessaa gadhii ibiddaan hin fuune; akkuma wonti bisaaniin budduruursan hin hafnetti; akka bada'atti caccabanii bututan.
15
Rabbi Gooftaan woyyichi Israa'elii akkana jedha, «Deebi'u'uu fi hara baafachu'uun fayyitan; cadheensaa fi abdachu'uun jabaattan; isin garuu kana hin goone.
16
Ammallee, ‹Hin ta'u; fardaan dheessina› jettan. kanaafuu hin dheessitan; ‹farda arreeda'aan jalaa baana› jettan; kanaafuu worri isin ari'ullee hin ariifatan.
17
Akka alaabaa sammuu gaaraa irratti dhaabamee; akka malkata tulluu irraa; taatanii haga haftanitti; dhaaduu nama tokkootiin namni kumaa dheessa; isin maruu nama shan dheessitan.»
18
Rabbi garuu isinii araaramu'uuf obsa; gara laafummaa isinitti mudhisu'uuf kabajjama. Rabbi Waaqa haqaa waan ta'eef; worri abdi'iin isa eegan worra eebbaati.
19
Isin baniin Yerusaalemii worri Tsiyyooniin keessa jiraattan ammaa achi hin boottan; iyya gargaarsaaf iyyitu dhagayee attamitti isinii hin araaramne! akkuma iyya kee dhagayeen ariiti'iin sii deebisa.
20
Gooftaan buddeena hucuucamaatii fi bisaan rakkinnaa yoo sii kennellee; ammaa achi barsiisaan kee si jalaa hin dhokatu; ijji teellee barsiisaa kee hin argiti.
21
Ammaa achi bita'aa fi mirga yoo gortan laagaa karaan kolbaa kana jedhu dudda duuba keessaniin dhageettan.
22
Waaqa tolfamaa keessan ka meeti'ii fi worqiin itti maxxanfame «Nu irraa fagaadhaa'a!» jettanii iyyitanii uf irraa darbitanii gattan.
23
Rabbi hennaa isin midhaan facaafattan biqilli keessan guddatee akka atootaa guddaa argattan godhu'uuf rooba isinii roobsa; horiin keessanillee raasaa itti bobba'u argatan.
24
Sangoonni lafa qotanii fi harriin buraa mi'aayaa manshi'ii fi gingilcha'aan gingilfamee baye nyaatan.
25
Hennaa baniin dhumatu gaara gugurda'aa fi gooba irraa bisaan burqaan yaa'a.
26
Hennaa san jiini akka adu'uu ifa; ifti adu'uullee ka duraa caalaa harka torba ifa; akka ifa guyyaa torbaatitti ifa qaba; kun maruu ka ta'u gaafa Rabbi madaa bani'itti fide fayyisu ta'a.
27
Kunoo maqaan Rabbii dheekkamsa bobayu, duumessa aaraa yabbaa woliin fago'oo dhufa. afaan isaa ka dheekkamsaan guuttame; arrabni isaallee ibidda nama nyaatu.
28
Hafuurri isaa akka bisaan morma gayuu ka waa haruuti; mootota gingilchaa badi'iitiin gingilcha; illachaa bani'ii; lugaama kara'aa isaan balleessu isaanitti godha.
29
Akkuma halkan Hafuura Woyyuu kabajjitan faarfattanitti faarfattan gara gaara Rabbii; gara dhagaa Israa'elii; akkuma namoonni boobaa afuufa'aa gammachu'uun bayaniititti akkasuma garaan keessanillee hin usheexxa.
30
Rabbi dheekkamsa bobayuu fi ibidda nama nyaatuun gigissa'aa fi kirfaffuu gudda'aan baradaa dhaga'aatiin laagaa isaa ka gaachena qabu akka dhagayan godhee dhageessisa irreen isaallee hennaa gad buutu isaanitti mudhisa.
31
Laagaan Rabbii Asooriin hin naasisa; uleen isaallee isaan dhaya.
32
Uleen adabbi'ii ka Rabbi isaanitti buusu maruu; ka dibbe'ee fi kiraara sagalee guddaa dhageessisuun marfame; lolaan hunna ufii mudhisee isaan dhaye.
33
Dur irraa jalqabee hulee itti guban ka Toofeet jedhamu qophaayeera; mootichaallee tolfameera; boolli itti bobeessanillee badha'aa fi gad fago'o; isa keessa ibidda gudda'aa fi qoraantu jira; Hafuurri Rabbii akka bisaan holata'aatitti guba.
← Chapter 29
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 31 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66