bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Isaiah 49
Isaiah 49
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 48
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 50 →
1
Isin baniin lafa bisaaniin marfamte irra jiraattan na dhagayaa'a! namoonni biyya fagoo jirtanillee hubadhaa'a; Rabbi uduu ani hin dhalanneen dura na waame; uduu ani gadaamessa haadha tiyyaa keessa jiru maqaa natti baase.
2
Arraba kiyya akka guraade'eetitti qare; gaaddisa harka ufii jalatti na dhosse; akka Toorida'aatitti na qaratee qola ufii keessatti na dhoffate.
3
Inni «Israa'el! ati tajaajilaa kiyya; sababaa keetiif baniin maruu na kabajja» naan jedhe.
4
Ani garuu «akkanumaan duwwaa dadhabe; faayidaa malee hunna kiyya fixadhe; ta'ullee gatiin kiyya Rabbiin bira jira; gatiin dadhabbii kiyyaa Waaqa bira jira» jedhe.
5
Uduu ani gadaamessa haadha tiyyaa keessa jiru Rabbi na filateera; Israa'el ijoollee Yaaqoobii ta bittinnoofte akka wolitti qabuuf tajaajilaa ufii na taasifate; ani Rabbiin biratti kabajjama'a; Waandhi kiyya hunna naa ta'e.
6
Rabbi akkana jedha, «ulfinna gosa Yaaqoobii deebisu'uuf tajaajilaa kiyya taatee hojjachuu callaan hin gayu; ka kana caalu fayyisuun kiyya akka haga daangaa lafaa gawu; ati akka banii maraafuu ifa taatu si taasisa.»
7
Rabbi woyyichi Israa'elii fayyisaan si'ii banii maraa biratti tuffatamtee fi jibbamte si'ii hojjataa bulchoota maraatiin mootonni yoo si argan lafaa sii ka'an; worri jajjabaanillee sii sagadan; wonti kun sii ta'uuf waan Rabbiin woyyichi Israa'elii amanamaan si filateef.»
8
Rabbi akkana jedha, «Hennaa ufii filadhetti faatee teetiif deebii deebisa; guyyaa fayyumma'aallee si gargaara; akka ati biyyattii deebiftee ijaartuuf, lafa ona taate akka qoqqooddu, ani waadaa godhee bani'ii si kenneera.
9
Ati worra hidhaman hidha'aa hiittee ‹bilisaan deemaa'a› jetta; worra dukkana keessa jiruun ‹gara ifaa bayaa'a› jetta; isaan karaa deemanitti waan nyaatan argatan; gaara gogaa irra akka Re'iinii bobbayan.
10
Hin beelayan, hin dheebotan; oo'inii fi aduunillee isaan hin gubu; wonti kun ta'uuf waan inni garaa isaanii laafu gara hulee burqaan bisaanii jiru isaan masakkuuf.
11
«Gaarran kiyya diigee karaa baasa; karaa kiyya wol qixxeessa.
12
Baniin kiyya biyya fago'ootii dhufan; kaabaa fi dhiya adu'uutii; biyya Siiniimiitiillee hin dhufan.»
13
Rabbi waan banii ufii jajjabeessuu fi worra rakkataniifillee waan garaa laafuuf isin samiiwwan! faarfadhaa'a; atillee ardiin gammadi; isin gaarranillee ililfadhaa'a;
14
Baniin Yerusaalemii garuu «Rabbi nu dhiiseera; Gooftaan nu irraanfateera» jedhan.
15
Haati dhugama finna ufii deettetti garaa jabaattee irraanfattii? ee; irraanfatuu dandeetti; ani garuu si hin irraanfadhu.
16
Yerusaalemii tiyya ani ganaa harka kiyyaa keessatti si barreeffadheera; dallawwan kee hennaa maraa hin yaadadha;
17
Worri deebisanii si ijaaran worra jajjaba'a; worri si diigan garuu si irraa fagaatanii deeman;
18
Mee ol jedhii naannaya kee laali; ijoolleen tee maruu wol gayanii gara kee dhufan; Ani Rabbi jiraataa waan ta'eef isaan maraa akka uffataatitti uffatta; akkuma idaayyittiin faaya gara garaatiin qandhaftu atillee isaaniin qandhafta;
19
Akka ati diiggamtee ona taatu, akka lafti teellee diiggamtee baddu yoo si taasisan, ati worra si keessa jiraachu'uuf gara kee dhufanitti hin dhiphatta; worri si diigan si irraa dheessanii fagaatan.
20
Ijoolleen tee ta hulee baqaatitti dhalatte ‹huleen kun waan nutti dhiphateef hulee jiraannu badhaa nuu kenni› siin jedhan.
21
Achiin maayessa onnee kee keessatti ‹ijoollee tanniin eentu naa uumate? ani ijoollee dayee dhabe; baqadhee nama ufitti na qabu dhabe; eeganaa ijoollee tanniin eentu guddise? ani hojja kiyya hafee turee ijoolleen tunniin eessaa dhufte?› » jetta.
22
Rabbi Gooftaan akkana jedha, «ijoollee tee ta dhiiraa akka boba'atti baadhatan, ijoollee dubaraa garuu akka gurmu'utti baataniif moototaa malkata kenna; harka kiyya gara worra ormaa hiixadha.
23
Mootonni abboota kee ka si guddisan ta'an; haawwonni manaa ta moototaallee si guddisan; kallachaan gad jedhanii sii sagadan; daaraa luka keetiillee hin arraaban; sababaa kanaaf ati akka ani Rabbiin ta'e beetta; worri gargaarsa argachu'uuf eeggatan sirima hin saalfatan» jedha.
24
Janna harkaa waa booji'anii danda'uu? nama gar jabeessa harkaa waan inni booji'e harkaa gad dhiisisuun danda'amaa?
25
Rabbi akkana jedha, «Ani worra siin mormu waan mormuuf boojuun janni harkaa qabuu harkaa fudhatama; nama gar jabeessa harkaallee boojuun hin fuudhan; Ani ijoollee tee hin oolcha.
26
Worra garaa sitti jabaatan akka foon ufii nyaatan godha; akka nama daadhii woyini'ii dhugee machaayuutitti akka dhiiga ufii dhuganii machaayan godha; sababaa kanaaf baniin adunya'aa maruu akka ani Waaqa jabaa Israa'eliitii fi akka ani Rabbii fayyisaa si oolchu ta'e beekan»
← Chapter 48
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 50 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66