bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Isaiah 66
Isaiah 66
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 65
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
1
Rabbi akkana jedha, «Samiin teessoo kiyya; ardiin ejjata miila kiyyaati; manni isin naa ijaartan mana attamiiti? huleen ani itti hara baafadhu ka attamiiti?
2
Kanniin maraa natu uume; kun maruu kiyya; ani gara nama kaso'oo, gara nama keessi isaa cabee fi gara nama dubbii kiyya sodaatuu laala.
3
Namni sangaa naa qalu akka waan nama ajjeeseeti; namni ciincaa korbeessa hoola'aa naa ciincessu akka nama lum'a saree ufii micciiree cabseeti; namni kennaa midhaanii naa dhiyeessu akka nama dhiiga booyye'ee naa dhiyeessuuti; namni hixaana aarsu akka nama waaqolee tolfamaa waaqeffatuuti; kunniin maruu jireenna waan fedha ufii filatan; lubbuun isaanii waan batti'itti gammada.
4
Hennaa ani isaan waamu waan naa hin deebifneef hennaa ani dubbadhu eennullee waan naa hin dhageenneef, na afo'otti waan badaa waan hojjataniif, waan na hin gammachiifne waan filataniif ani adabbii isaanitti fida.
5
Isin worri dubbii isaa kabajjitan dubbii Rabbii dhagayaa'a; «Worri maqaa kiyyaaf jedhanii isin jibbanii uf irraa isin fageessan mee gammachuu keessan arginaa ‹Ulfinni Rabbii haa mudhatuu› jedhan salphinna san ufumaa irratti kufan.
6
Raafama qachattii keessatti ta'u caqasaa'a; laagaa mana woyyuu keessaallee dhagayaa'a! laagaan kunniin laagaa ani Rabbi diintota kiyyaa gatii adabbii isaan barbaachisu hennaa isaanii kennu dhagayamu.»
7
Tsiyoon akka dubartii uduu hin ciniinsifatin dhukkubbiin ciniinsu'uullee uduu hin dhagayamin ilma deetteeti.
8
Waan akkanaa kana eentu argee dhagayee beeka? dhugamaan biyyi takka guyyaa tokkoon ciniinsifattii? mo'o guyyaa tokkoon baniin marti dhalata? Tsiyoon garuu akkuma ciniinsifatteen ilma deette.
9
Rabbi Waandhi keessan akkana jedha, «Ani Dubartii akka deettu hennaa dawumsa isi'iitiin gaye akka isiin hin deenne godhaa? dubartii ani akka ulfooftu taasise gadaamessa isi'ii cufaa?
10
Worri isii jaalattan maruu Yerusaalemiin woliin gammadaa'a! waan isi'iitiif burraaqaa'a! worri waan isi'iitiif boottan maruu gammadaa'a!
11
Wonti waan kana gootaniif harma isi'ii ka nama jabeessu hootanii akka quuftan, qoma isi'iitii aannan guddaa dhuddanii akka gammaddaniif.»
12
Rabbi akkana jedha, «Qabeenna isi'ii akka bisaan lagaa baay'isa, qabeenna bani'iillee akka burqaa lagaa taasisa; harka isi'ii keessatti ammatamtanii hootan, gudeeda ufii irra isin kaayattee isin kunuunsiti.
13
Akkuma haati finna ufii jajjabeessitu isin jajjabeessa, Yerusaalemiinillee hin jajjabaattan.
14
Hennaa wonti kunniin raawwatamu yoo argitan hin burraaxxan; nafti keessan akka margaatitti lalisa; hunni Rabbii tajaajiltoota isaa woliin; aariin isaa garuu worra isa jibban irra akka ta'u hin beekkama.»
15
Rabbi lola ufii jaba'aan haluu bayu'uu fi arraba ibiddaa ka bobawuun lolu'uuf ibiddaan dhufa; konkolaataan isaa akka bubbe'eeti.
16
Rabbi nama marattuu ibiddaa fi guraade'een murteessa; akkasuma namoota hedduu du'aan adaba.
17
Rabbi akkana jedha, «Worri foon booyye'eetii fi ka hantuutaa, akkasuma namoota waan hamaa battii nyaatan keessaa tokko faanaa deema'aa gara hulee biqiltuu itti dhaabanii deemu'uuf uf fooyaniitii fi adda uf baasan maruu hin badan.
18
Ani hujii isaaniitii fi yaada isaanii waan beekuuf banii afaan gara garaa dubbatan maraa wolitti qaba; isaanillee dhufanii ulfinna kiyya argan.
19
Ani isaan jiddu'utti malkata godha; worra du'a irraa hafan keessaa ani gara worra waan kiyya hin dhageennee, gara worra ulfinna kiyya hin arginee, gara banii gara garaa, gara Tarsesii, gara worra Libaawotaa, gara worra buundhee darbanii, gara worra Liidaawotaa, gara worra Tuubaalii, gara biyya Girikiitii fi gara lafa fagoo bisaaniin marfamtee isaan erga.
20
Isaan obboleewwan keessan maraa gara gaara woyyicha kiyya ka Yerusaalemitti argamuu farado'oon, konkolaataa fardaatiin, gaarii fardaatiin, gaangiinii fi gaallanitti fe'anii biyya gara garaatii akka kenna'aa godhanii Rabbii isin fidan; worri Israa'elii ka isin fidan kennaa midhaanii haalaan meeshaa qulqullu'utti akka mana woyyicha kiyya ka ana Rabbii ta'uu godhanii fidan, ka waan kana dubbate ana Rabbi.
21
Ani isaan keessaa gari garii gadootaa fi Leewwota ta'anii akka na tajaajilan godha.
22
Samiiwwanii fi ardiin ani uumu akkuma anaan jabaatanii jiraatan akkasuma fiixaanii fi maqaan keessan anaan jabaatee jiraata.
23
Ayyaana jalqaba ji'aatii jalqabee haga jalqaba ayyaana ji'a kaaniitii fi sambataa haga sambataa baniin maruu qachattii Yerusaalemii haarawa keessatti naa sagadu'uuf dhufan; ka waan kana dubbate ana Rabbi.
24
«Isaan hennaa bayanii deeman reeffa namoota na irratti ka'anii du'anii argan; raammoon isaan nyaatu hin du'u, ibiddi isaan gubu hin dhaamu, fiixaan nama isaan laaluu maruu isaan jibba.»
← Chapter 65
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66