bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 1
Ezekiel 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 2 →
1
Ani uduu laga Keebaarii bira worra Yihuudotaa ka booji'aman jidduu jiru woggaa soddomeesso'oo ji'a arfeesso'oo guyyaa shaneesso'ootitti samiin banamee mudhata Rabbii arge.
2
Wonti kun mootichi Ikooniyaan booji'amee woggaa shaneesso'oo guyyaa shaneesso'ootitti ta'e.
3
Biyya Kalaadaawotaa laga Keebaarii biratti dubbiin Rabbii gara kiyya ana gadicha gara Hisqeelii ilma Buuzii dhufe; hunni Rabbii na irra jira.
4
Yoo ol jedhee laalu bubbeen jabaan hennaa gara kaabaatii dhufu arge; duumessa guddaa keessaan falaqqisa bakakka'aatitu mudhata; naannaya sanitti samiin hin diimate; hulee bakakkaan itti bu'utti waan akka sibiila Diima'aa tokkotu ife.
5
Bubbee jabaa san keessa uumama lubbuu qabu ka akka namaa afur age.
6
Uumamni arfan kunniin maruu fuula afur afurii fi koola afur afur qaban.
7
Lutti isaanii qajeelaa yoo ta'u faanti isaanii akka luka kormaa baqaqa qaba; bifti isaanii akka sibiila Diima'aa ka qulqulleessaniititti ifa.
8
Fuula isaanii arfanii fi koola isaanii arfaniin ala koola isaanii jala harka akka harka namaa fakkaatu qaban.
9
Koolli lamaan uumama maraatuu bita'aa fi mirgaan diriiranii qacceen isaanii wol tuqa; kanaafuu uduu nafti isaanii olii gad hin sochoone tokkumma'aan socho'an.
10
Uumamni maruu fuula gara garaa afur qaban; afo'oon fuula namaa fakkaata; gara mirgaatiin bifa leencaa fakkaata; gara bita'aatiin fuula sanga'aa fakkaata; gara duubaatiin fuula allaattii bajja jedhamuu fakkaatu qaban.
11
Koolli lamaan busaayaa maraatuu ol dheeratee qaccee koola uumama biraa tuqa; koola ufii ka hafe lamaaniin garuu cabsatanii ufiin dhossan;
12
Uumamni maruu gara maraa waan arguu danda'aniif isaan maruu uduu olii gad hin jenne tokko ta'anii gara hafuurri deemu duukaa bararan.
13
Uumama jiraatan sanniin keessa bifa akka ibidda cile'ee ka bobawu fakkaatutu ture; inni uumama san keessa shawaa ibiddaa ka olii gad sochoosan fakkaata; ibiddi guddisee ifa; bakakkaan achi keessaa baya.
14
Uumamni sunniin akka falaqqisa qaanqee bakakka'aa olii gad fixiraman.
15
Uduu ani uumama arfan sanniin laalu waan arfan akka korbo'oo ka gubba'aa gad bu'anii uumama jiraataa arfan sanniin bira ka wol ladda taa'an arge.
16
Miilli arfan akka korbo'oo sunniin wol fakkaatan; isaan maruu akka mi'a kabajjamaa gatii gudda'aatitti falaqqisan; miilli akka korbo'oo arfan kunniin waan wol keessa lufan fakkaata.
17
Isaan maruu gara arfaniinuu uduu hin naannofne qajeelaniituma deeman.
18
Qacceen miila akka korbo'oo guddisee gudda'aa fi ka nama sodaachisu; gamaa gamanni qaccee miila akka korbo'oo maruu ija baay'ee qaban ture.
19
Hennaa uumamni sunniin socho'an miilli akka korbo'oo sunniinillee wolumaan socho'an; hennaa uumamni sunniin lafaa ol ka'an miilli akka miila korbo'oo sunniinillee wolumaan ol ka'an.
20
Hennaa uumamni sunniin gara hafuurri isaan masakke maraa bararan miilli akka miila korbo'oo sunniinillee wolumaan bararan; wonti kun ta'eef waan ayyaanni uumama sanniinii miila akka miila korbo'oo arfan keessallee jiruuf.
21
Hafuurri uumama sanniinii waan miila akka miila korbo'oo sanniin keessallee jiruuf hennaa uumamni sunniin socho'an wolumaan socho'an; yoo isaan dhaabatan wolumaan dhaabatan; hennaa lafa irraa ol fudhataman isaanillee wolumaan ol fudhataman.
22
Mataa uumama jiraataa sanniinii oliititti hulee mishaa dhagaa gatii gudda'aa ka calalaquun hojjatame fakkaatutu jira.
23
Hulee mishaa san jala busaayaan maruu koola lamaan ufii gara uumama isa bira jiruu badhisee koola lamaan hafeen nafa ufii golgee dhaabateera.
24
Hennaa bararan ka koolli isaanii wol dhayu arge; laagaan isaa laagaa galaanaatii fi laagaa loltoota hedduu akkasuma laagaa Rabbii waan maraa danda'uu fakkaata; hennaa bararuu dhiisan koola ufii cabsatan; hennaa san isaaniin gubba'atti laaga'atu dhagayame.
26
Hulee ijaarame san gubbaa teessoon ulfinnaa ka dhagaa bulee waan gatii gudda'aatiin hojjatame fakkaatutu badhifameera; teessoo san irra waan nama fakkaatutu taa'eera.
27
Mudhi'ii olitti sibiila ibidda keessa seenee diimate fakkaatuu fi mudhi'ii gaditti waan ibidda fakkaatu arge; ifa falaqqisutu naannaya isaa marseera.
28
Ifni falaqqisu funyaan karaabaa ka hennaa roobaa duumessa keessaan mudhatu fakkaata; kun bifa mudhachuu ulfinna Rabbii fakkaata; ani hennaa waan kana arge kallachaan lafatti gad kufe; achiin maayessa laagaa dubbi'ii dhagaye.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48