bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 32
Ezekiel 32
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 31
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 33 →
1
Baqannee woggaa kudha lammeesso'oo ji'a kudha lammeesso'oo guyyaa jalqabaatitti Rabbi akkana jedhee natti dubbate,
2
«Ati ilma namaa! mootii biyya Misiriitii booyiitii jabeessii isa seerii waan ani sitti hime akkana jedhii isatti himi ‹Ati hennaa orma keessa jiraattu akka leencaatitti uf laalte; ati ammo akka busaayaa guddaa naacha fakkaatu ka guddisee nama sodaachisu ka galaana keessa gara gaggaluuti; ati lukaan dhiita'aa bisaan booreessita.
3
Ani hennaa ormi hedduu wol gaye woshaadoo kiyya jalatti badhisa; akka ormi woshaadoo kiyyaan si harkisee qaccee si baasu godha.
4
Ani daaraa irratti si gangalcha; akka foon kee nyaatan allaatti'ii fi busaayaa lafa irraa maraa hin waama.
5
Gaarranii fi dhooqa maraa akka reeffa kee ka shameen guutu godha.
6
Biyyattii haga gaarraniititti dhiiga keetiin maanxa; boyiin bisaan keessa yaa'u maruu dhiiga keetiin guuttama.
7
Ani hennaa si balleessu samii golga; urjiiwwan isaaniillee hin dhaamsa; aduu duumessaan dhossa; addeessi hin ifu.
8
Ifa sami'ii ka si gubba'atti ifu hin dhaamsa; lafti teellee akka dukkanooftu godha; ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera.
9
Hennaa ani banii ati hin beenne keessatti oduu badii keetii dhageessisu ani garaa banii hedduu hin naasisa.
10
Baniin hedduu si arganii akka nayan godha; hennaa ani guraadee kiyya isaan afo'otti kaasu mootonni isaanii sababaa keetiif sodaatanii hollatan; guyyaa ati kuftu namni maruu lubbuu ufiitiin sodaatee hollata.
11
Rabbiin maraa olii mootii biyya Misiriitiin akkana jedha, «Guraadee mootii Baabilooniititu sitti dhufa;
12
Guraadee jajjabaa banii gar jabeeyyii adunyaa keessaatiin baniin kee heddu dhuma; isaan uf jajuu biyya Misirii hin salphisan; baniin isi'ii heddu hin badan.
13
Busaayaa naannoo lagaatitti argaman maraa hin balleessa; achiin maayessa baniinii fi horiin bisaan booreessu sirima hin argamu.
14
Ani akka bisaan kee qulqullaayuu fi galaanni kee akka sayiti'ii akka nagayaan yaa'an godha; Ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera.
15
Hennaa ani biyya Misirii onaa fi lafa gammoojji'ii taasisee waan isiin irra jiraattu maraa balleessu atii fi baniin kee akka ani Rabbiin ta'e beettan.
16
Kun faaruu booyaati; dubartoonni biyyatti'ii faarsa'aa booyan; biyya Misiriitii fi banii isi'ii maraafuu booyan jedha Rabbiin maraa olii.»
17
Baqannee woggaa kudha lammeesso'oo ji'a jalqabaa guyyaa shaneesso'ootitti Rabbi akkana jedhee natti dubbate,
18
«Ati ilma namaa! banii biyya Misirii banii kaawwan jajjabaa woliin gara worra du'ee lafa jala jiruu faaruu booyaa faarsa'aa geegessi.»
19
Ati isaaniin akkana jedhi, «Bareenni keessan waan bareeda eennuu caalu seetan? isin gad bu'a'aatii worra Rabbitti hin amanne woliin ciisaa'a.
20
Banii biyya Misiriititti waan guraadeen qophaayeef baniin biyya Misirii heddu worra guraade'een ajjeefaman jiddu'utti kufan.
21
Hennaa worri biyya Misirii dhumanii worra du'anitti eda'aman worri jajjabaan du'anii lafa jala jiran isaan simatan; hennaa isaan simatan ‹isin worra wolii galtan woliin kootta'aa gad bu'aa worra Rabbitti hin amanne ka lolaan dhuman woliin ciisaa'a!› jedhaniin.
22
Biyyi Asoorii loltoota ufii woliin achitti argamti; awwaala loltoota ufii ka guraade'een dhumaniin marfamteerti.
23
Awwaalli isaanii qilee gad fagoo keessa jira; worri worra lubbu'uun jiran raasa'aa turanii fi awwaalli loltoota woraanaan dhumanii naannoo isaanii jira.
24
Awwaalli banii biyya Eedaanii heddullee achi jiran; isaan worra banii lubbu'uun jiru raasa'aa turan; worra lolaan dhumanii fi worra uduu Rabbitti hin amanne du'an; isaan worra salphinna uffatee du'ee worra lafa jala jiranitti eda'aan.
25
Loltoota biyya Eelaamii ka baay'inna qabanii fi banii keessaa worra guraade'een ajjeefamaniif huleen isaan hara itti baafatan qophaayeeraaf; awwaalli isaaniillee naannoo isaanii jira; isaan maruu uduu hin amanne worra woraanaan dhuman; kunniin worra namoota lubbu'uun jiru raasa'aa turanii woraanaan dhuman; worra salphinna uffatanii gara qile'ee bu'aniin wolitti makaman.
26
Awwaalli loltoota banii Meesheekiitii fi Tuubaalii achi jira; isaan woraanaan dhuman; isaan maruu worra Rabbitti hin amanne; garuu isaan worra lubbu'uun jiran raasa'aa turan.
27
Isaan worra lubbu'uun jiran waan raasa'aa turaniif akka loltoota isaanii nafa isaaniititti maxxansa'aa awwaalaniititti isaan hin awwaalle.
28
Atillee mootiin biyya Misirii isaaniin wolii galtee worra woraanaan du'anii fi worra Rabbitti hin amanneen wolii ciifta.
29
Mootonni biyya Eedoomiitii fi awwaalli bulchoota isi'ii achi jiran; hennaa tokko isaan worra jajjabaa turan; amma ammo worra woraanaan dhuman ka Rabbitti hin amanne woliin du'anii lafa jala jiran.
30
«Abboonni murti'ii ka gara kaabaatii fi worri Siidoona'aa achi jiran; isaan baallii ufii hedatanii yoma woraana kaasanillee salphatanii worra du'anii lafa jala jiranitti eda'amaniiran; isaan uduu Rabbitti hin amanne guraade'een dhumanii salphinna uffatanii worra uduu Rabbitti hin amanne dhuman wolii ciisaniiran.
31
Mootiin biyya Misiriitii fi loltoonni isaa worri woraanaan dhuman hennaa isaan argan mootiin biyya Misirii waan banii hedduu du'anii lafa jala jiraniitii hin jajjabaata; jedha Rabbiin maraa olii.
32
Inni worra lubbu'uun jiran waan raasa'aa tureef worra hedduu woraanaan dhuman ka Rabbitti hin amanne woliin hara baafata; Rabbiin maraa olii waan kana dubbateera.
← Chapter 31
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 33 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48