bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 44
Ezekiel 44
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 43
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 45 →
1
Namichi sun gara balbala mana woyyu'uu ka gara baya biiftu'uutitti argamuu na fide; balballi cufameera.
2
Rabbi akkana naan jedhe, «Balballi kun akkuma cufametti hafa malee sirima hin banamu; ani Rabbi Waandhi Israa'elii waan balbala kanatti fayyadamuu hin danda'u; kanaaf akkuma cufametti taa'a.
3
Kun maruu ta'ee bulchaan bani'ii xoroshoo ciinca'aa ka woyyoome nyaachu'uuf achi taa'uu hin danda'a; karaa ittiin wol bira lufan ka qaccee seensa kutaa gara keessaatiin seenee akka bayu isaa hin eeyyamama.»
4
Achiin maayessa namichi sun kolba balbala dallawa gara kaabaatiin mana woyyuu afoo na fide; achi dhaabadhee hennaa laalu manni woyyuun Rabbii ka ulfinnaan guuttameeru arge; ani hennaa san kallachaan lafatti gad kufe.
5
Rabbi akkana naan jedhe, «Ati ilma namaa! waan argituu fi waan dhageettu maraa qalbi'iin hubadhu; ani kunoo seeraa fi ajaja mana woyyu'uu maraa sitti hima; namoonni mana woyyuu keessa akka seenanii fi akka bayan isaanii eeyyamame namoota attamii akka ta'an hubadhu.
6
«Worra Israa'elii ka dhibuun akkana jedhi, ‹Isin banii Israa'elii hujii keessan ka hammeennaa maraa balleessaa'a; Ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera.
7
Isin hennaa coomaa fi dhiiga kennaa nyaataa gootanii naa dhiyeessitan worra naa ajajamuu hin barbaannee fi orma hin gadoomne gara hulee woyyuu kiyya seensiftanii mana woyyuu kiyya batteessitaniirtan; hujii keessan battii maraanuu waadaa kiyya diiddaniirtan.
8
Midhaan kiyya woyyuu seeraan naa hin eenne; isin hulee baallii qabdanitti orma eessiftan» isaaniin jedhi.
9
Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana naan jedha, «Worri ormaa ka naa ajajamuu hin barbaannee fi worri hin gadoomne maruu yoma ka banii Israa'elii keessa jiraatan ta'ellee gara hulee kiyya woyyuu akka seenan isaanii hin eeyyamamu.»
10
Rabbi akkana naan jedhe, «Ani worra Leewwotaa ka banii Israa'elii kaawwan woliin na gananii waaqolee tolfama'aa sagadan hin adaba.
11
Isaan akka balbala mana woyyu'uu eegan, ciincaa ciincawuu fi ciincaa namoonni biraa dhiyeessan qalu'uun akkasuma namoota biraa tajaajila'aa akka hojjatan isaanii eeyyamama.
12
Garuu isaanuu bulchoota seera waaqeffannaa waaqolee tolfama'aa ta'u'uun banii gara cubbu'uu waan masakkaniif adabamuun akka isaan barbaachisu ani ufiin kakadheera.» jedha Rabbiin maraa olii.
13
«Isaan gadumma'aan tajaajilu'uuf gara kiyya hin dhiyaatan; gara kennaa kiyya ka midhaanii ka guddisee woyyoomee hin dhiyaatan; isaan hujii hamaa nama jibbisiisu waan raawwataniif bu'aa hujii sanii ufumaa argatan.
14
Kanaafuu isaan hujii gadumma'aatiin uduu hin taane hujii biraa ka mana woyyuu keessaa maraa akka raawwataniif isaan ramada.»
15
Rabbiin maraa olii akkana jedhe, «Baniin Israa'elii kuuwwan ana gananii hennaa na irraa fagaatan worri gadootaa ka fiixaa Saadooqii irraa dhalatan worri gosa Leewwi'ii ka amanamumma'aan jabaatanii mana woyyuu kiyya keessatti na tajaajilan hin jiran; kanaafuu worri na afoo dhaabatanii coomaa fi dhiiga ciinca'aa dhiyeessu'uun na tajaajilan isaan.
16
Worri na tajaajilu'uuf gara hulee kiyya woyyu'uutii fi gara waan nyaataa kiyya dhiyaatan isaan; isaan ajaja kiyya hin eegan
17
Isaan hennaa balbala dallawaa ka gara keessaatiin mana woyyuu bira geessu seenan uffata gatii gudda'aa ka jirbii irraa hojjatame uffachuu isaan barbaachisa; hennaa mana woyyuu keessatti tajaajilanii fi bayima itti bayan ka keessaatittillee uffata rifeensa hoola'aa irraa hojjatame uffachuu isaan hin barbaachisu.
18
Mataa ufiititti waan jirbii irraa hojjatame haa maratanii; mudhi'itti uffata jirbii irraa hojjatame keessaan haa hidhatanii; waan nama fuursu kamiinuu akka hin hidhanne.
19
Uduu gara bayima itti bayan ka diidaa ka baniin itti argamu hin baaneen dura uffata mana woyyu'uu keessatti ittiin tajaajilama'aa turan san mulqatanii manniin meesha'aa woyyuu keessa kaayanii uffata biraa uffachuu isaan barbaachisa; wonti isaan waan kana godhaniif baniin uffata isaanii ka isaanii hin eeyyamamne tuqanii akka hin miidhamneef.
20
Gadoonni mataa haadachu'uu fi guddisuu isaan hin barbaachisu garuu mataa ufii akka misha'atti haa sirreeffatanii.
21
Worri gadootaa hennaa bayima itti bayan ka keessaa seenan daadhii woyini'ii kamiinuu akka hin dhunne.
22
Namni gadaa ta'e maruu dubartii abbaan worraa jalaa du'e yookaan dubartii abbaa worraa jalaa baate fuudhuun isaa hin eeyyamamu; garuu durba duudaa worra Israa'elii yookaan dubartii abbaan worraa isi'ii gada'aa ka jalaa du'e fuudhuu hin danda'a.
23
Gadoonni banii kiyya waan woyyu'uu fi waan woyyuu hin taane, waan qulqullu'uu fi waan batti'i akka gar gar baafatan isaan haa barsiisanii.
24
Waan seeraatiif hennaan wol morman akka seerri ajajutti worri gadootaa haa murteessanii; akkaataa seeraa fi ajaja kiyyaatiin ayyaannan kiyya, akkasuma guyyaa sambataa woyyoomsa'aa haa eeganii.
25
Gadichi kamuu maatii isaa keessaa namni tokko, ijoollee isaa keessaa tokko yookaan obboleessa isaa yookaan ammo obboleettii isaa ta hin heerumne yoo hin taanee reeffa nama biraa tuqee uf batteessuu isa hin barbaachisu.
26
Yoo waan kana godhe ammo haga qulqullaayeen maayessallee guyyaa torbaa turuu isa barbaachisa.
27
Guyyaa tajaajilaaf gara mana woyyu'uu bayima itti bayan ka keessaatiin seenu waan cubbuu ufiitiif ciincaa haa dhiyeessuu; ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera.
28
«Kun gayee gadootaati; kana jechuun ani gayee isaaniiti; ani gayee isaanii waan ta'eef Israa'eliin keessatti gayeen woyiituu isaanii hin kennamu.
29
Ciincaan midhaanii, ciincaan dhiifamsa cubbu'uutii fi ka dhiifamsa yakkaatiif dhiyaatu nyaata isaanii haa ta'uu; biyya Israa'elii keessatti kennaa anaaf fooyame maraa haa fudhatanii.
30
Midhaan jalqaba argatan, waan hangafa argatanii fi kennaa naa dhiyaate maraa gadoonni haa fudhatanii; baniin hennaa maraa yoo midhaan daakkatan daakuu duraa worra gadootaatii haa kennanii; Ani banii waan kana godhu maraa mana isaanii eebbaan guuta.
31
Gadoonni waan ufiin du'e, yookaan waan busaawaan ajjeese, foon simbiraatii fi ka busaawa'aallee akka hin nyaanne.»
← Chapter 43
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 45 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48