bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 14
Ezekiel 14
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 15 →
1
Bulchoota Israa'elii keessaa namoonni gari gariin gorsa na gaafachu'uuf dhufanii na afoo taa'an;
2
Hennaa san Rabbi akkana naan jedhe,
3
«Ilma namaa! namoonni kunniin onnee ufii waaqolee tofama'aa kennaniiran; yakki isaanii isaan afo'otti akka gufuu ta'u godhaniiran; haga wonti kun ta'een maayessa fedha kiyya na gaafachuun kolbaa?»
4
Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha jedhii isaanitti himi; «Banii Israa'elii keessaa worri onnee ufii waaqolee tolfama'aa kennanii fi ka waaqa tolfamaa ufii waaqeffatuun isaanii akka gufuu isaanitti ta'u godhaniiran; namoonni kunniin yoo ka gara raattichaa dhufan ta'e ani Rabbi haguma baay'inna waaqolee tolfama'aatiin deebii gayaa isaanii deebisa.
5
Wonti ani waan kana godhuuf onnee worra Israa'elii ka ana dhiisanii gara waaqolee tolfama'aa deeman maraa deebisu'uuf.
6
«Kanaafuu ati banii Israa'eliitiin ‹Rabbiin maraa olii akkana jedha; waaqolee tolfamaa keessan dhiisa'aatii aagii galaa'a! hujii badaa keessan ka nama gufachiisu maraa irraa deebi'aa'a!» jedhi.
7
Worra Israa'elii keessaa namni tokko yookaan worra ormaa ka isaan keessa jiraatu keessaa namni tokko ana irraa fooyamee waaqolee tolfamaa waaqeffatu'uun yoo ka cubbuu hojjatu ta'ee akka yakki isaa sun gufuu isatti ta'u godhee ammallee deebi'ee gorsa gaafachu'uuf gara raattichaa yoo ka dhufu ta'e ani Rabbi deebii isaa kenna!
8
Ani isa xiinxallee akka isa adabanii fi akka isatti baldan godha; banii kiyya keessaa isa balleessa; achiin maayessa akka ani Rabbiin ta'e beettan.
9
«Raattichi tokko yoo waa isa gaafatanii inni deebii sobaa deebisu'uuf ta'e ani Rabbi akka inni waan san godhu ittuma dhiisa; yoo inni waan kana godhe banii Rabbii keessaa isa balleessa.
10
Raattichinii fi namni waa isa gaafachu'uuf dhufu isaan lachuu adabbii wol fakkaatutu isaan irra gaya.
11
Ani wonti waan kana godhuuf akka baniin Israa'elii ammaa achi karaa na bira geessu hin dogoggorree fi akka lammata yakka ufii maraanuu uf hin batteessineef; yoo kanaan jabaatanii dhaabatan ani Waaqa isaanii ta'a; isaanillee banii kiyya ta'an» jedha.
12
Rabbi akkana naan jedhe,
13
«Ilma namaa! baniin biyya tokkoo ana amantii dhabee yoo cubbuu hojjate ani midhaan nyaatan isaan dhooggadhee beelaan isaan adaba; namootaa fi busaawaa hin ajjeessa.
14
Namoonni sadiin sunniin Noohi, Daani'elii fi Iyyoob faatinuu yoma isaan keessa jiraatanillee isaan mishummaa ufiitiin ka hambisuu danda'an lubbuma ufii calla'a; ka waan kana dubbate Rabbii maraa oliiti.
15
Ani biyyattii sanitti bineensa ergee akka biyyattiin sun nama dhabduu fi akka eennullee isii keessa lufuu hin dandeennetti biyyattii san ona taasisa.
16
Ani Rabbi Waaqa jiraataa waan ta'eef yoma namoonni sadihii sunniinillee achi jiraatan isaan lubbuu ufii malee ijoollee ufiituu hambisuu hin danda'an; biyyattiin ona taati.
17
Garuu biyyattii sanitti woraana fidee namootaa fi busaayaa meeshaa waa balleessuun akka badan yoo godhe,
18
Ani Rabbi Waaqa jiraataa waan ta'eef yoma namoonni sadihii sunniinillee achi jiraatan lubbuu ufii malee ijoollee ufiituu hambisuu hin danda'an» jedha Rabbiin maraa olii.
19
«Yookaan biyyattii sanitti balaa buusee akka lola kiyyaan lubbuun namoota hedduutii fi busaaya'aa badu godha.
20
Kanaafuu ani Rabbi Waaqa jiraataa waan ta'eef Noohi, Daani'eelii fi Iyyoob yoma isaan keessa jiraatan lubbuma ufii hambifatan malee ijoollee ufiituu hambisuu hin danda'an» jedha Rabbi Gooftaan.
21
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Bani'ii fi busaayaa maraa balleessu'uuf woraana, beela, bineensaa fi dhukkuba balaa babbadaa arfan kanniin isaaniin balleessu'uuf Yerusaalemitti fida.
22
Garuu ijoolleen dhiiraatii fi ta intalaa worri achii bayee hafu hin jiran; isaanillee gara keessan dhufan; isin hennaa jireenna isaaniitii fi hujii isaanii argitan rakkoo Yerusaalemitti fide, waan hamaa isaanitti fide maraa irraa hin jajjabaattan;
23
Jireenna isaaniitii fi hujii isaanii yoo argitan hin jajjabaattan; woma tokkollee duwwamaan akka hin goone hubattan» jedha Rabbiin maraa olii.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48