bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 18
Ezekiel 18
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 19 →
1
Rabbi akkana jedhee natti dubbate,
2
«Mammaanni worra Israa'eliititti deddeebi'ee mammaakamu kun maali'i? isaan maatiin daraaraa woyini'ii dhangaggaayaa nyaatan; garuu ilkaan ijoollee isaanii diilalleesse» jedhan.
3
Ani waan jiraataa ta'eef mammaaka kana deebitanii Israa'eliin hin dubbatinaa'a; ka waan kana dubbate ana Rabbii maraa oliiti.
4
Lubbuun nama maraatuu tiyya; lubbuun maati'iitii fi ta ijoolle'ee tiyya akka taate beekaa'a; namni cubbuu hojjatu hin du'a.
5
Namni balchaa, ka dhuga'aatii fi nama sirrii yoo ta'e,
6
Waaqolee tolfamaa Israa'eliitii hin sagadu; yookaan waan nyaatan ka hulee dhooggametti qophaaye kamiinuu hin nyaatu; haadha manaa nama biraatitti hin dhaqu; yookaan dubartii garaa argitettillee hin dhaqu.
7
Eennuunillee gad hin qabu; waan qabdii fudhate hin deebisa; hin saamu; ka beelaye hin nyaachisa; ka daare hin uwwisa.
8
Qarshii ufii dhalaan hin liqeessu; yookaan dhala guddaa hin fudhatu; waan hamaa hojjachuu irraa uf eega; worra gado'oo dhugaa muree araarsa.
9
Namni akkanaa kun seera kiyya raawwata; ajaja kiyyallee hin kabajja; namni sun balchaa waan ta'eef lubbu'uun jiraata; ka waan kana dubbate ana Rabbii maraa oliiti.
10
Namni kun garuu ilma nama ajjeessuu fi yakka kanniin keessaa ka tokko raawwatu yoo qabaate,
11
abbaan isaa yoma yakka kanniin keessaa tokkollee waan hin raawwanne yoo ta'e, ilmi isaa gaarran irratti waan waaqolee tolfama'aaf qalame yoo nyaate, yoo haadha manaa namaatitti dhaqe,
12
yoo hiyyeeyyi'ii fi rakkattoota rakkise, yoo saame, qarshii liqeessee waan qabdii qabate san yoo hambifate, hulee worri ormaa itti sagadutti waaqolee tolfamaa yoo waaqeffate, yoo waan nama jibbisiisu hojjate,
13
Yoo qarshii ufii dhalaan liqeessee bu'aa guddaa fudhate namni akkanaa kun lubbu'uun jiraachuu danda'aa? inni sirima lubbu'uun jiraachuu hin danda'u; waan jibbisiisaa kanniin maraa waan hojjateef dhugamaan inni hin du'a; waan du'eef ufumaa itti gaafatama.
14
Garuu namni kun uduu ilma dhiiraa ka biraa qabaatee cubbuu abbaan hojjatu maraa argee isa faanaa hin deemne,
15
waaqolee tolfamaa worra Israa'eliitii yoo hin saganne yookaan nyaata hulee ciinca'aa ka itti sagadan ka dhooggame yoo hin nyaanne, yoo haadha manaa nama biraatitti hin dhandhe,
16
Yoo eennuunillee gad qabuu baate, yookaan yoo qabeenna namaa hin saamne, yoo qarshii liqeessee qabdii qabate san hambifachuu baate, yoo ka beelaye nyaachise, yoo ka daaretti uwwise,
17
yoo hiyyeeyyii hin dhiibne, qarshii ufii dhalaan liqeessee yoo dhala guddaa hin fudhanne, yoo seera kiyya kabajje, yoo ajaja kiyya hordofe, namni akkanaa kun dhugamaan lubbu'uun jiraata malee sababaa cubbuu abbaan isaa hojjateef hin du'u.
18
Abbaan isaa waan nama saamee obboleessa ufiillee saamee waan banii keessatti waan mishaa hin hojjanneef inni yakka ufiitiin du'a.
19
Eeganaa mucaan sababaa cubbuu abba'aatiif wonti hin adabamneef maali'i? jettan ta'a; mucaan waan qajeela'aa fi waan mishaa hojjateera; seera kiyya kabajjeera; kanaaf inni dhugamaan lubbu'uun jiraata.
20
Namni du'uun isa barbaachisu nama cubbuu hojjatu calla'a; mucaan cubbuu abbaa ufiitiif hin adabamu; abbaanillee cubbuu mucaa ufiitiif hin adabamu; namni mishaan mishummaa ufiitiif gatii argata; namni hamaan hammeennuma ufiitiin adabama.
21
Namni hamaan yoo cubbuu hojjachuu dhiisee yoo seera kiyya eegee waan qajeela'aa fi waan mishaa hojjate dhugamaan lubbu'uun jiraata malee inni hin du'u.
22
Inni waan qajeelaa waan hojjateef cubbuun isaa maruu dhiifameefii lubbu'uun jiraata.
23
Ani du'a nama hama'aatitti waan gammadu seetanii? wa'a; namni ani itti gammadu nama cubbuu irraa aagii galee lubbu'uun jiraatu jedha Rabbiin maraa olii.
24
Garuu namni mishaan waan mishaa hojjachuu dhiisee yoo waan hama'aa fi ka nama jibbisiisu hojjachuu jalqabe inni waan lubbu'uun jiraatu seetanii? wa'a! sirimaa hujiin mishaan inni hojjate maruu hin laallamuuf; inni waan amanamaa hin taaneef nama cubbamaa waan ta'eef hin du'a.
25
Isin yoo akkana ta'e wonti Rabbi godhu sirri'ii miti jettan ta'a; isin worri Israa'elii waan ani jedhu dhagayaa'a; wonti ani godhu maruu akka waan sirrii hin taane seetanii? garuu ka sirrii hin taane karaa jireenna keessaniiti.
26
Namni qajeelaan waan mishaa hojjachuu dhiisee yoo waan badaa hojjatee du'e sababama cubbuu ufiitiin du'a.
27
Akkasuma namni hamaan cubbuu hojjachuu dhiisee waan qajeela'aa fi hujii dhuga'aa yoo hojjate lubbuu ufii hin oolfata.
28
Wonti inni godhu maruu duwwaa akka ta'e beekee cubbuu hojjachuu waan dhiiseef dhugamaan inni lubbu'uun jiraata malee hin du'u.
29
Isin worri Israa'elii garuu wonti Rabbiin maraa olii godhu sirri'ii miti jettan; eeganaa isin hujiin kiyya waan sirrii hin taane seetanii? ka sirrii hin taane garuu karaa jireenna keessaniiti.
30
Ammallee ani Rabbiin maraa olii wonti isin worra Israa'eliitiin jedhu kana; ani hujii hamaa keessaniif isin maraa hin adaba; kanaafuu hammeenna hojjattan irraa deebi'aa'a; yoo kana hin taanee cubbuun keessan isin balleessaa.
31
Hujii hamaa keessan maraa dhiisa'aatii hafuuraa fi onnee haarawa qabaadhaa'a; isin worri Israa'elii maaf duutan?
32
Ani akka eennullee du'u hin barbaadu; kanaafuu isin maruu cubbuu irraa deebi'aatii lubbu'uun jiraadhaa'a; » ka waan kana dubbate Rabbii maraa oliiti.
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48