bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 20
Ezekiel 20
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 21 →
1
Baqannee woggaa torbeesso'oo ji'a shaneesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti bulchoota Israa'elii keessaa namoonni hagoon fedha Rabbii nagaafachu'uuf dhufanii na afoo taa'an.
2
Hennaa san Rabbi akkana naan jedhe,
3
«Ati ilma namaa! waan ani Rabbiin maraa olii banii kanaan jedhu isin fedha kiyya na gaafachu'uuf dhuftanii? Ani waan jiraataa ta'eef woma tokkollee akka isin na gaafattan isinii hin eeyyamu; ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera; jedhii banii kanniinitti himi.
4
Ati ilma namaa! ati namoota kanniinitti hin murteessitaa? eeganaa waan hamaa abboonni isaanii hojjatan akka beekan isaan taasisi.
5
Ati isaaniin Rabbiin maraa olii, ‹Ani hennaa Israa'eliin filadhe biyya Misirii keessatti fiixaa Yaaqoobiititti uf beessisee waadaa isaanii gale, ani Rabbi Waaqa keessan› isaaniin jedhe.
6
Ani biyya Misiriitii isaan baase, biyyi ani isaanii filadhe ta Aannanii fi dammaan duroomte, isiin biyya adunya'aa maraa caalaa bareeddi; akka biyya sanitti isaan galchu yoo san waadaa isaanii gale.
7
Ani isaaniin isin maruu fakiiwwan ijji teessan irra jirtu balleessa'a, waaqolee tolfamaa biyya Misiriitiinillee uf hin batteessinaa'a; ka waan kana dubbate ana Rabbii keessan› isaaniin jedhe.
8
Isaan garuu worra dhibu ta'an malee na dhagayuu hin barbaanne; fakiiwwan nama jibbisiisu ka ijji isaanii irra jiru hin balleessine; waaqolee tolfamaa biyya Misirii waaqeffatuu hin dhiifne, kanaafuu hennaa isaan biyya Misirii jiran balaa isaanitti buusuu yaadee ture.
9
Garuu banii isaan woliin jiraatan afo'otti akka biyya Misiriitii isaan baasu worra Israa'eliitii waadaa galee ture; kanaafuu akka maqaan kiyya hin tuqamne akka isaan biyya Misiriitii bayan isaan taasise.
10
Kanaafuu biyya Misiriitii isaan masakkee gara lafa gammoojji'ii isaan fide.
11
Worra ajajaman maraafuu seera akka isaan lubbu'uun jiraatan isaan taasisu isaanii kenne; ani seera ittiin jiraatan isaan barsiise.
12
Ka isaan woyyoomsu akka ana ta'e akka beekan sambata kabajjuun isaanii ani isaan jiddu'utti malkata akka ta'u godhe.
13
Worri Israa'elii garuu uduu lafa gammoojji'ii jiranuu na dhiban; seeraa fi haala jireenna kiyya ka hennaa ajajaman jireenna kennu cabsan; isaan sirima sambata batteessan; uduma isaan lafa gammoojji'ii san jiran lola kiyya isaan irratti buusee isaan balleessu'uuf yaadee ture.
14
Garuu akka maqaan kiyya banii hennaa ani worra Israa'elii masakkee biyyaa isaan baasu na laala'aa turan afo'otti akka hin arrabamne waan kana maraa hin goone.
15
Waan kana caalaa lafa aannanii fi damma baaftu ta biyya adunya'aa maraa caaltu isaanii kenna jedhee waadaa isaanii galee ture; achiin maayessa garuu uduma isaan lafa gammoojji'ii jiran akka achi isaan hin galchine mirkaneessee isaanitti hime.
16
Sababaan ani murtii kana murteeffadheef waan isaan onnee ufiitiin gara waaqolee tolfama'aa deebi'anii, seeraa fi ajaja kiyya diiganii sambata waan batteessaniif.
17
Kun maruu ta'ee ani garaa isaanii laafe, isaan hin balleessine; lafa onaatittilee sirima isaan hin findhe.
18
Ani ijoollee isaaniititti seera abboonni teessan ta durii baafatanitti hin bulinaa'a; akkaataa jireenna isaanii hin hordofinaa'a; yookaan waaqolee tolfamaa isaaniitiin hin battaayinaa'a.
19
Ani Rabbi Waaqa keessan; ajaja kiyya eegaa'a; seera kiyyaafillee ajajamaa'a.
20
Waadaa ani isinii galee akka malkata ta'u akka ani Rabbi Waaqa keessan ta'e akka isin qaabsisu guyyaa sambataa woyyoomsaa'a.
21
Garuu ijoolleen teessan na didde, seera yoo ajajaman jireenna namaa kennu hin cabsan; seera kiyya hin eenne; sambatallee hin batteessan; uduu isaan lafa gammoojji'ii san jiran isaaniin lolee isaan maraa balleessu'uuf yaadee ture.
22
Garuu maqaan kiyya banii ani hennaa worra Israa'elii biyya Misiriitii baasu argan biratti akka hin arrabamne waan kana hin goone.
23
Kana caalaa banii biyya gara garaa keessa akka isaan bittinneessu uduma isaan lafa gammoojji'ii jiran kakadhee mirkaneessee isaanitti hime.
24
Ani wonti waan kana godheef waan isaan seera kiyya diiganii, akkaataa ani jireenna isaanii kennee waan hin hordofneef sambata batteessanii waaqolee tolfamaa abboota isaanii ta durii waan waaqeffataniif.
25
Achiin maayessa seera mishaa hin taanee fi ajaja isaan ittiin jiraachu'uunii hin dandeenne isaanii kenne.
26
Yoo isaan ijoollee ufii ta hangafaa ciincaa isaan irraa hin fudhatamne dhiyeessanii uf batteessanillee ittuma dhiise, wonti ani waan kana godheef ka isaan adabu akka ana Rabbiin ta'e haa beekani'iif.
27
Eeganaa ati ilma namaa! waan Rabbiin maraa olii jedhu worra Israa'eliititti himi; abboonni isaanii na gananii waan kanaan na uggan.
28
Lafa isaanii kennu'uuf waadaa isaanii galetti isaan galche; isaan garuu tulluuwwan gugurda'aa fi mukkiin lalisaa hennaa argan kanniin maraa irratti ciincaa dhiyeessan; isaan ciincaa ciinceessaniin hixaana urgaayee mi'aawuu fi kennaa ciinca'aaf ciincessan ka dhuganiin na aarsan.
29
Ani tulluuwwan isin itti deemtan kunniin maali'i?› jedhee isaan gaafadhe; huleen kunniin haga adhaa tulluuwwan gugurdaa jedhaman.
30
Ammallee waan ani Rabbiin maraa olii jedhu banii Israa'eliititti isin akkuma abboota teessan ta durii uf batteessa'aa waaqolee tolfamaa isaanii ka nama jibbisiisu waaqeffata'aa maaf dogoggortan?
31
Isin adhallee kennaa wol fakkaatu kennitan; ijoollee teessan ibiddatti ciincessa'aa waaqolee tolfamaa durii sanniiniin uf batteessitan; haga waan kanniin maraa gootaniin maayessa isin worri Israa'elii feeti kiyya maal akka ta'e na gaafachu'uuf dhuftan; ani Rabbiin maraa olii dhugamaan jiraataa waan ta'eef akka waan tokkollee na gaafattan isinitti hin dhiisu!
32
Isin akka banii kaawwanii yookaan akka banii mukaa fi dhaga'aa sagaduu, akka orma biyya biraa jiraatuu ta'u'uuf murteeffattaniirtan; garuu wonti kun sirima hin ta'u› jedhii himi» naan jedhe.
33
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Ani waan jiraataa ta'eef dhugamaan baallii kiyyaan hunnaa fi lola kiyya maraan isinitti ka'a.
34
Ani biyya isin itti bittinnooftanii fi banii maraa keessaallee wolitti isin qaba; wonti wolitti isin qabuun hunna, baallii kiyyaa fi lola kiyyaan.
35
Gara lafa gammoojjii banii maraa jedhamtee waamamtuu isin fida; achitti uduu ijji teessan argitu isinitti murteessa.
36
Akkuma gammoojjii biyya Misiriititti abboota keessanitti murteesse isin irrattillee hin murteessa jedha; ka waan kana dubbate ana Rabbii maraa oliiti.
37
Ani baallii kiyya jala isin taasisa; gara waadaa kiyyaa ka isin giddisiisuu isin fida.
38
Worra dhibuu fi worra na yakkan maraa isin keessaa balleessa; biyya amma keessa jiraata'aaran keessaallee isaan baasa; garuu akka isaan gara biyya Israa'elii deebi'an sirima isaanitti hin dhiisu; hennaa san akka ani Rabbiin ta'e beettan.
39
Isin banii Israa'elii! Rabbiin maraa olii waan keessaniif akkana jedhe; amma ta'ee'e uf afoo yoo ka na hin dhageenne ta'e isin maruu deema'aa waaqolee tolfamaa keessan waaqeffadhaa'a; ammaa achi ani maqaa kiyya woyyuu akka isin waaqolee tolfamaa keessanii fi kennaa keessaniin xureessitan isinitti hin dhiisu.
40
Garuu ana Rabbii maraa olii biyya maraa keessatti, gaara woyyuu kiyya irratti worri Israa'elii na waaqeffatan jedha; achitti isin fudhadha; akkasuma achitti kennaa keessan misha'aa fi kennaa meeshaa woyyoome isin irraa eeggadha.
41
Hennaa hulee isin itti bittinnooftan banii biyya gara garaa keessaa yaasee wolitti isin qabu akka hixaana urgaayuutitti isin fudhadha; uduu baniin biraa isin argan isin jiddu'utti woyyummaa kiyya mudhisa.
42
Hennaa lafa akka abboota teessanii kennu waadaa isaanii gale gara biyya Israa'elii isin fide akka ani Rabbiin ta'e beettan.
43
Waan nama jibbisiisu ka hojjattaniif attamitti akka ufillee batteessitan hennaa san hubattan; waan hamaa hojjattan maraafuu uf jibbitan.
44
Isin banii Israa'elii! akka jireenna keessan bada'aatii fi akka hujii keessan hamaa uduu hin taane waan ulfinna maqaa kiyyaatiif jedhee ka isinii raawwatu akka ana Rabbiin ta'e beettan.
45
Rabbi akkana naan jedhe,
46
«Ati ilma namaa! fuula kee gara kibbaa naannessii raaga dubbadhu; bosona gara kibbaa jiru irrattillee raaga dubbadhu.
47
Bosona gara kibbaatiin waan ani Rabbiin maraa olii jedhu dhagayi jedhii itti himi; laali ani kunoo si keessatti ibidda bobeessa'aara; ibiddi kun mukkiin lalisa'aa fi goggogaallee uduu hin filanne maraa guba; ka ibidda san dhaamsuu danda'u sirima hin jiru; kibbaa ka'ee haga kaabaa hin bobaya; waan kara'atti arge maraa hin guba.
48
Ani Rabbi akka bosona bita'aatitti ibidda qabsiisee fi eennullee dhaamsuu akka hin dandeenne namni maruu hin arga» naan jedhe.
49
Ani garuu «Rabbii maraa olii! namni maruu ‹inni hennaa maraa mammaakaan barsiisa› jedha'aa gururi'anii maal naa woyya?» jedhe.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48